Godinaaleefi aanaalee hiraa deemuun kallattii mootummaa miti

Finfinnee: Godinaalee muraasaan kan hundaa’e Bulchiinsi Mootummaa Naannoo Oromiyaa godina haaraa Kibxata darbe dabalame dabalatee ammaan tana godinaalee 21n caaseffame ummata tajaajilaa jira. Kaabineen naannichaa bulchiinsaaf akka mijatuuf Godinni Baalee iddoowwan lamatti qoodamee akka caaseffamu murteesseera.

Jiraattonni Godina Baalee keessumaa kan amma Godina Baalee Bahaa jedhamee moggaafamee dhimma raawwachiifachuuf Magaalaa Roobeetti deddeebi’uurratti rakkachaa akka turaniifi deebii mootummaan Oromiyaa kenneefitti akka gammadaniidha yaadasaanii Gaazexaa Bariisaaf kan qoodan. Jiraataa magaalaa guddoo godinichaa, Gindhiir kan ta’an Obbo Aliyyii Mo’aaliin Ibraahimiifi Asrafuu Nuurmahaammad misoomaafi guddina magaalaafi godinasaanii haaraatiif shoorasaanii akka ba’atanis eeraniiru.

Bulchaan Godina Baalee Lixaa Obbo Adam Hajii gamasaaniin, waggoota dheeraa darbaniif Godinni Baalee bal’ina lafasaarraa kan ka’e bulchiinsaaf rakkoo uumaa waan tureef iddoo lamatti qoodamuun murtii sirriidha jedhan. Aanaan Roobeerraa kiiloo meetira 365 fagaatu jirachuu kaasanii, kunis ummatatti rakkoo bulchiinsa gaarii uumaa turuu dubbatu.

Ummannis dhimma kanarratti yeroo dheeraaf gaaffii kaasaa turuu yaadachiisanii, murtiin kenname kun rakkoo bulchiinsa gaariifi qooddiitii bajataarratiis furmaata kan argamsiisu ta’uus himaniiru.

Murtii kanarratti ummanni gammachuu guddaa qabaachuu kan eeran Obbo Adam, godinaaleen kunniin aanaalee meeqa meeqaan akka gurmaa’aniifi ramaddiin hojjettootaa koreedhaan dhimma kanaaf hundaa’een hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Isaanis akka bulchaa Godina Baaleetti murtii kaabineen Oromiyaa dabarsetti gammaduusaanii ibsaniiru.

Murtii kana wajjin dhimmoonni xiyyeeffannaa barbaadan jiraachuus kan eeran Obbo Adam, aanaaleen akka Madda Walaabuufaa daran bal’aa waan ta’aniif kunis furmaata barbaada jedhaniiru.

Godina Baalee iddoowwan lamatti qooduu kana keessa akkuma Gujiifi Gujii Lixaa akkasumas Arsiifi Arsii Lixaa kan Baalees Baaleefi Baalee Bahaa jedhamuu otoo qabuu Baalee Lixaa jedhamuun sirrii akka hintaaneefi ummannis kana qeeqaa jiraachuu kan ibse ammoo Waajjira Dhimmoota Kominikeeshii Baalee Lixaa (warra Roobee)ti.

Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisiifi Misooma Humna Namaa Oromiyaa Doktar Biqilaa gamasaaniitiin kallattii Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaarraa kennameefiin biiroonsaanii gaaffii hawaasaatiif deebii kennuuf qorannoo geggeessuu eeranii, qorannicharratti hundaa’uun Godinni Baalee iddoowwan lamatti qoodamee akka caaseffamuuf kaabineen naannichaa murtii dabarsuu ibsaniiru.

Godinaaleen lamaanu mijaa’ina bulchiinsaatiif waan gargar qoodamaniif seenaafi duudhaan jiru akka ittifufuuf moggaasa biroonsaanii Godina Baalee Lixaafi Godina Baalee Bahaa jedhee dhiyeesse kaabinichi raggaasisuusaa beeksisaniiru. Magaalonni godinaalee kanneenis tartiibaan Roobeefi Gindhiir ta’uu ibsaniiru.

Hojiin hafu hawaasa wajjin mari’achuun kan ittifufu ta’uus himanii, waajjira godinaafi hundeessuufi hojjettoota ramaduun baranumarraa eegalee walduukaa kan deemu ta’uu addeessaniiru.

Dhimma moggaasa maqaa Baalee Lixaatiin walqabaturratti hawaasa wajjin mari’achuun akka danda’amus Doktar Biqilaan dubbatanii, ibsituun Baaleetti dabalame akkaataa teessuma lafaafi kallattii ibsuuf malee maqaan godinaalee lamaaniituu haaluma ibsameen ta’a jedhaniiru. Lamaanuu Baalee waan ta’aniif haala kanaan moggaafamuun dogoggora kan hinqabne ta’uus himaniiru.

Godinas ta’e aanaa adda hiruun qofti rakkoo bulchiinsa gaarii furuuf wabii akka hintaane hoggantichi himanii, rakkoon kun jabaataniii hojjechuu qofaan kan furamu ta’uun hubannoo argachuu qaba jedhaniiru. Kallattiin mootummaan godinaafi aanaa hiraa deemuu akka hintaanes beeksisaniiru.

Murtiin Godina Baalee iddoowwan lamatti qooduurratti kenname mootummaan gaaffii ummataa dhaggeeffatee deebii kennuuf fedhiifi kutattummaa qabaachuusaa kan agarsiisuudhas jedhaniiru.

Gama biraatiin bara 1878 kan hundoofte Magaalaan Gindhiir godina haaraa, Baalee Bahaa simachuuf qophii ta’uushii kantiibaan magaalattii Obbo Ibraahim Umar ibsaniiru.

Ummanni Magaalaa Gindhiir gaaffiinsaa waggoota 27f lafarra harkifachaa ture kaabinee Mootummaan Naannoo Oromiyaatiin deebii argachuusaatti daran kan gammade ta’uufi kanas haalota gara garaatiin ibsachaa jiraachuu beeksisaniiru.

Jiraattonni magaalattii godina haaraa hundaa’uuf deggarsa kamuu gochuuf qophii ta’uus ibsaniiru. Murtichi rakkoo bulchiinsa gaarii ummanni kaasaa ture furuufi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu keessattis shoora olaanaa qaba jedhaniiru.

Magaalattiin rakkoo bu’uuraalee misoomaa kanneen akka daandii keessoo, bishaaniifi ibsaafaa akka qabdus dubbatanii, abbootiin qabeenyaa mootummaafi ummata wajjin ta’uun guddinashiitiif akka birmatan kantiibichi gaafataniiru. Bu’uuraaleen misoomaa guutamuu baatanis magaalaa guddoo godinaa ta’uuf waanti danqaa ta’u kan hinjirre ta’uus addeessaniiru.

Waggaa tokko Finfinnee dursuun kan hundoofteefi Oromiyaa Naannoo Somaalee wajjin kan walqunnamsiistu Magaalaan Gindhiir, ummata kuma 50 oliifi gandoota lama kan qabdu yoo ta’u, bara 1942 mana qopheessaatiin buluu eegalte.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Mudde 25/2012

Recommended For You

One Comment to “Godinaaleefi aanaalee hiraa deemuun kallattii mootummaa miti”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *