Gaggeessaan jijjiirama fidu ni barbaadama

Ardaan Marii Dinagdee Addunyaa (World Economic Forum) ganna muraasa dura gaggeessummaa irratti qorannoo taasiseen, akka addunyaatti namoonni %86 ta’an gama gaggeessummaatiin akka kufaatiin cimaan jiru dubbatu. Dhaabbilee addaa adda irrattis qorannoo ta’een kan gaggeessitoota sirrii qaban %11 qofa akka ta’an qorannoon ni addeessa. Sababiin isaa gaggeessitoonni hordoftoota isaanii jijjiiramaaf kakaasuun, namoota waliin hojjetan tumsuun gara sadarkaa isa caaluutti ceesisuu danda’an, gaggeessitoonni duuka buutota isaanii irratti dhiibbaa gaarii geessisuun, kakaasuun, gara mul’ata jiruutti akka deeman taasisan bakka hundumaatti yarataa akka jiran haalli addunyaan keenya yeroo ammaa irra jirtu sirriitti ni ibsa.

Egaa gaggeessummaan maqaa yookaan bakka miti. Namni barcuma gaggeessummaa barbaadus hindhibu. Haa ta’uyyuu malee gaggeessaan jijjiirama fidu salphaatti hinargamu. Isaan kunneen lamaan akka dhagaafi meetiiti. Dhagaa bakka fedhanitti yoo argan illee meetii argachuuf garuu gatii guddaa nama baasisuu danda’a. Rakkoon gama gaggeessummaan mul’atus isa kana.

Gaggeessaan nama mul’ata burqisiisuu danda’u, naannoo mul’ata sanaatti nama ijaaruufi bakkaan ga’uu nama danda’u ta’uu qaba. Gaggeessaan jijjjiirama fidu nama dubbiin, dhaggeeffachuun, hojiin ofiis ta’e namoota kan biraa tarkaanfiif nama kakaasuu danda’u, duuka buutonni waan karoorfame akka raawwataniif namoonni of kennuun akka hojjetan nama sochoosuu danda’u, amala duuka buutotaa irratti nama dhiibbaa gaarii geessisuu danda’u, nama egeree uumuu danda’u, waan yaade sirriitti dubbiin ibsuun namoota hirmaachisuu nama danda’u, mari’achiisuun kallattii haaraa hordofamuu qabu nama fidu, karaa haaraa kana irra dursee nama deemuu danda’u, namoonni fedha dhaabbata isaanii fedha ofii isaanii akka caalchisan nama gochuu danda’u, duuka buutonni yookaan hojjettoonni namoota kalaqaa akka ta’an nama jajjabeessu, mul’ata jiru bakkaan ga’uuf rakkoo jiru nama hinseesne ta’uu qaba.

Gaggeessaan waan dhaga’uun nama hinraafamne, namoonni waa’ee isaa yeroo dubbatan akka carraatti fayyadamee kan ittiin qoree of ilaaluufi bakka qaawwa argetti nama of fooyyessu ta’uu qaba. Sababiin isaa waan namoonni waa’ee keenya ilaalchisee dubbatan yeroo tokko tokko nugargaara. Namoonni waa’ee keenya yeroo waan gaariis ta’e hamaa dubbatan akka nufayyadu dagachuu hinqabnu. Sababiin keessa jirru adda baasnee akka hubannu nugargaara. Ittiin of ilaallee, of fooyyessuufi jijjiiramuuf carraa arganna. Wanti dagatamuu hinqabneefi of eeggachuun nurra jiraatu garuu akka gaggeessaatti wantoota namootni dubbatan sodaannee ittiin raafamuu irraa of eeggachuun murteessaadha.

Kanaaf waan dhageenyuun raafamuu irraa bilisa ta’uun gaariidha. Sababiin isaa sodaan dhiibbaa guddaa akka nama irratti fidu dagachuu hinqabnu. Guyyaatii gara guyyaatti wantoota dhageenyuun raafamna taanaan sirriitti yaadnee akka hojii keenya hinhojjenne nu taasisuun gara abdii kutannaafi hojii keenya keessatti milkaa’ina dhabuutti nu geessa. Addumaan bara miidiyaan hawaasummaa babal’atee namoonni hundumtuu yaada isaanii gaariis ta’e hamaa, beekumsa kan qabus ta’e miira qofaan, gaarummaafis ta’e hamminaaf, itti yaaduunis utuu itti hin yaadiin miiran dhiibamanii wantoonni nuti dhageenyu danuudha. Isaan kun akka irraa barannu, akka ittiin of ilaalluuf yoo nugargaare malee miira keenya tuttuqee tarkaanfii hamaaf kan nukakaasu, hojii keenya irratti dhiibbaa hamaa kan geessisu ta’uu hinqabu.

Akka gaggeessaatti rakkoon nu mudachuu nidanda’a. Rakkoo numudatu gadi fageenyaan qorannee utuu balaa hingeessisin of irraa qolachuu malee ittiin raafamuun miidhaa mataa isaa danda’e qaba. Akka gaggeessaatti rakkoo uumame tuffachuunis balaa mataa isaa danda’e qaba. Isa kana of eeggachuun barbaachisaadha. Yeroo tokko waa’ee muka guddaa waggoota dhibba afuriif jiraatee dubbiseen ture. Mukni kun waggoottan hamma kana yeroo jiraatu bubbee gurguddaa baay’ee dandammatee dhaabate. Yeroo kudha afuriif bakakkaan itti beekeera (dha’eera). Dhumarratti waggaa dheeraa akkasii kan jiraate muka guddaa kana hoomaa sonsaatu keessa isaa nyaatee bososeessee kuffise. Muka waggoottan dheeraa bubbee jabaafi bakakkaa irraa hafee ilbiisa xiqqootu kuffise.

Akka gaggeessatti rakkoon jiru xiqqoodha jettee tuffattee akka guddatuuf carraa hinkenniniif. Isa harka kee keessa jiru dhiiftee isa boriif hindhiphatiin. Namoonni baay’een har’a irratti xiyyeeffannoo gochuu dhiisanii waa’ee isa boriif dhiphatu. Nuyi garuu waa’ee har’a isa keessa jirruu malee bor waan ta’u waan hinbeekneef isa sichi ta’uuf jedhuuf amma dhiphachuu jalqabuun nu irra hinjiru. Yaaduufi karoorsuun garuu hojii keenya isa cimaa ta’uu qaba.

Waa’ee isa ta’ee darbeefis dhiphachuun nurra hinjiru. Inni raawwatee darbeera, lamuu isatti hindeebinu. Waa’ee isa amma harka keenya keessa jiruu cimsinee irratti hojjechuu nu barbaachisa. Sababiin isaa inni darbe du’eera, isa awwaallee biraa deebinee waa’ee isa keessa jirruufi waa’ee jijjiirama fuula keenya dura jiruu sanaa yaaduudhaan jabaannee irratti hojjechuu qabna.

Koorii kan jedhamtu dubartiin tokko waa’ee dhiphinaa yeroo dubbattu, “Dhiphinni gadda borii hinhir’isu; haa ta’u iyyuu malee jabina har’aa hir’isuuf dandeettii cimaa qaba” jette. Yeroo dhiphannu har’a hojjechuu kan qabnu akka hinhojjenne waan nu danquuf jabina nuyi har’a qabnu nu duraa hir’isa. Kanaaf akka gaggeessaatti wantoota nu dhiphisan tasgabboofnee ogummaadhaan mo’achuudhaaf karoorsuu irraa kan hafe dhiphina nu mudatutti harka kennuun barbaachisaa miti. Wanta jijjiiruu hindandeenyetti dhiphachuun yeroo ofii akkasumaan balleessuudha.

Wantoonni nu dhiphisan yeroo nu mudatan maal gochuu akka qabnu itti yaaduufi namaa wajjin irratti mari’achuun akka yaada argannuuf nugargaara. Sababiin isaa dhiphachuudhaan waan jijjiiramu hinjiru; kanaaf dhiphuu irraa of eeggachuun murteessaadha. Akka gaggeessaatti milkaa’uu yoo barbaanne, dhiphachuu irraa of eeggachuun gaariidha. Wanta jijjiiruu dandeenyu qofa irratti tarkaanfii fudhachuun barbaachisaadha. Wanti jijjiiruu dandeenyus ta’e jijjiiruu hindandeenye nu hindhiphisu. Isa jijjiiruu dandeenyu nijijjiirra. Isa jijjiiruu tasumaa hindandeenye ammoo nidhiifna. Kanaaf lamaanuu nu hindhiphisan.

Haa ta’u iyyuu malee yeroo baay’ee wanti nuyi itti dhiphannu waan hinjijjiiramne ta’uu danda’a. Wanta nu dhiphisan keessaa dhibbeentaan 45 kan raawwatamaniidha. Dhibbeentaan 25 waan ta’ee darbe; dhibbeentaa 12 waa’ee fayyaa keenyaati. Dhibbeentaan 10 homaa gochuu waan hindandeenyetti dhiphanna. Dhibbantaa saddeet waan ta’uu danda’utti dhiphanna. Dhibbantaa 50 kan ta’u immoo gonkumaa kan jijjiiramuu hindandeenyeedha. Kanaaf baay’ee wanti nuyi itti dhiphannu waan hinraawwatamneefi waan fiixaan hinbaaneedha. Kana irraa wanti agarru dhiphinni diina milkoominaa ta’uu isaati. Sababiin isaa namoonni dandeettii, fedhiifi xiyyeeffannaa qabaniin akka hinhojjenne taasisa.

Haa ta’u iyyuu malee yeroo tokko tokko wanti nuyi irraanfannu inni guddaan rakkinoota nu mudatan keessa waan hindarbine nutti fakkaata. Akkuma beekamu halkan hangam yoo kan nutti dheeratu fakkaate illee ifaan bakka bu’uun isaa hinoolu. Dukkanatti aansee ifni akka ba’uuf jiru dagachuu hinqabnu. Akka gaggeessaatti rakkoon yoo nu marse waa’ee rakkoo sanaa qofa haasa’aa ooluu hinqabnu. Namni aduun jalaa lixuu isheetti boo’u urjii arguu dadhaba. Isa numarse qofa ilaallee boonya yoo ta’e kallattiin yookaan tarsiimoon ittiin rakkoo sana mo’annu nu jalaa miliqa. Mo’amuuf harka laanna. Kun garuu waamicha keenya miti. Rakkina leellisuun warra kaan humna buusuu utuu hinta’in onnessuu danda’uu qabna.

Tarii baay’een keenya waa’ee Ministira Muummee Ingilizii duraa Winisten Cherchil seenaa isaa nibeekna jedheen yaada. Bara 1940 biyyi Ingilizii loltoota Jarmaniitiin marfamuun hedduu qoraman. Loltoonni Jarmaniis Inglizitti marsuun nidhiphisan. Yerichi ministira muummee Ingiliziifis ta’ee ummata Ingiliziif yeroo abdii kutannaa cimaa ture. Si’achi waan abdii hinqabnes fakkaatu. Haa ta’u iyyuu malee ministirri muummichaa akka tasaa raadiyoo (afuursaa) biyyichaa irraa sagaleen isaa dhagaa’ame. Akkasis jedhe “Waan fedhe taanaan hinkufnu. Hanga dhumaatti nideemna. Loltoota Jarmanii warra biyya Faransaay jiran nilolla. Galaanaafi garba irra kan jiran nilolla. Humnaafi ofitti amanannaadhaan qilleensa irratti nilolla. Lafootii galaana gidduu jiran irraa ni ittisna. Gatii yoo nu baasise iyyuu biyya keenya irraa ni ittisna. Saba Ingiliziif waan biraa kanan kennu hinqabu. Garuu kanan kennuuf yoo jiraate dhiiga, dafqa, imimmaan qofa…” jedhe. Dubbii kanatti aansuun dargaggoonni hedduun loliisaaf ni ka’an. Utuu hinturinis biyya isaanii irraa diina ni deebisan; Jarmaniis ni injifatan. Har’a gaggeessitoonni rakkoo dandamatanii haala jiru jijjiiruu dandaa’an hangam jiruu? Isa kana itti yaaduun barbaachisaadha.

“Hojiin kee akka namoonni baay’isanii abjootaniif yoo kakaase, akka isaan caalchisanii baratan yoo taasise, caalchisanii akka hojjetan yoo jajjabeesse, caalchisanii akka argaman yoo gargaare, ati dhuguma gaggeessaadha.” John Quincy Adams

Doktar Zarihun Gabree

BARIISAA SANBATAA Ebla 22 Bara 2014

Recommended For You