Waasihun Takileetiin
Ummanni Oromoo kabajamuu walabummaa Itoophiyaaf aarsaa qaalii dhangala’uu dhiigaa cabuu lafeefi hanga wareegama lubbuutti kaffaluun biyya har’a abbaan fedheefi kara deemaan natu ijaare jedhu kana asiin gaheera.
Mootonni biyyattii hogganaa turan marti miira jaalala biyyaa gadi fagoo waan hinqabneefi ijaaramni Itoophiyaa bu’aa saboota biyyattii akka ta’e kan hinhubanne olaantummaa saba tokkootiin kan ijaaramte fakkeessuun cunqursaa sabummaa qaqqabsiisaa turaniiru.
Kanamalees seenaa dhugaa walabummaa biyyiifi saboonni kaffalaa turan dhoksuun akkuma osoo kan ajjeese taa’uu jala deemtuun mataa filatas dibatas jedhamu abbummaan warraaqsicha hoogganuun injifannoo kan galmeesse osoo jiruu azmaariin jala deemtee sirbitu injifannichi kankooti jechaa turteetti.
Seenaa weerara Xaaliyaaniin Itoophiyaarratti banteen walqabatee Oromoon kallattiilee afraniin jiru walijaaree gaarren Adwaatti bobbahee uftuultota Xaaliyaanii hurreessuun afaan qabachiiseera. Wayita sana jeneraalota waraanicha adda durummaan hogganan 11 keessaa sagal ilmaan Oromooti.
Seenaan irra dibaa siyaasa Itoophiyaa kaaba kun dhugaa Oromoofi saboota biroo dhoksuun Xaaliyaanii akka waan ofii injifatteetti lakkaawwachaa kan ture yoo ta’u, isa kanas dhugaa fakkeeffachuuf jeneraalota waraanicha hogganan maqaa jijjiiruun yaalameera.
Dhugaa kana akka Oromoon hinbarreef seenaa jallisanii barreessuun Oromoo abbaa faachaa abbaa biyyaa duubatti hambisanii dachee Kuushirratti dabaree walmuudaa ilma waaqaa godhanii of ilaalaa turaniiru.
Haxxummaan siyaasa kaabaa kun Oromoo jalaa kan dhokatu waan hintaaneef warraaqsa qabsoo yeroorraa yerootti dhohaa tureen aarsaafi wareegama qaalii hedduu booda sirni atseewwanii seenaa jallisuun beekaman dabareesaanii eeggatanii daaraa ta’aniiru.
Jaalala biyyaatiin walqabatees Oromoon lubbuusaallee kan hinmararfanne waan ta’eef Xaaliyaanii dura dhaabatee wayita dhukkee irraa kaasu Hayilasillaaseen biyyaa baqatee of dhoksuun walabummaan biyya dhiiga ilmaan Oromootiin erga lafa qabatee booda deebi’ee aangoosaa dhuunfachuun injifannichi kan warra fakkeessituu akka ta’etti katabamaa ture.
As keessatti akkuma waancaan dhiqamus farsoon sanuma jedhamu sirnoonni Hayilesillaaseefi Darguu qorqalbii Oromoofi saboota biroo jaamsuun olaantummaa saba tokkootiin humnaan biyya bulchaa turan.
Sirnoonni kunnneen dhugaa Oromoofi saboota biroo dabsuun olaantummaa saba biroo seenaa sobaatiin seenessaa kan turan yoo ta’u, kunniin hundi Oromoof seenaa hindgatamneeedha. Adeemsa keessas gootummaa Oromoon gaarren Adwaarratti agarsiise dhohee bahuu dandaheera.
Gootummaan kun kan Oromoo qofa osoo hintaane lola Adwaarratti fardeen Oromoo kumaatamaan lakkaawaman gaarren Adwaa raasuun Itoophiyaa har’a kara deemaan natu beekaaf jedhu kana asiin gahaniiru.
Har’as sirni hattuufi saamtuu ABUT federaalizmii sabdaneessaa lafa qabsiisuufan hojjedha jedhus adeemsa keessa imalasaarraa kaachuun hanna, saamichaafi dhiittaa mirgaa qaqqabsiisuun gola lammiilee golgoleessaa kan ture yoo ta’u, warraaqsa diddaa gabrummaa qeerroofi qarreen dhooseen hundeedhaa jiguun hurraa’eera.
Injifannoo gama kanaan qeerroon itti dhiigee argamsiise kanas ilmaan irra dibaa seenicha dabsuun akka waan ofii injifataniitti barreeffachuuf yaalaniiru.
Kanamalees kabachiisa olaantummaa seeraa murna ABUT irratti Itoophiyaa kaabaatti fudhatamaa tureen ilmaan Oromoo qaaliin wareegama aarsaa lubbuu gaafatu kaffaluun murna hattuu sana wayita gab godhanis gartuuleen tokko tokko injifannichi kan keenya jechaa turaniiru.
Har’as tarkaanfiin kabachiisa olaantummaa seeraa murna ABUTirratti fudhatamaa ture akka dhaabatu mootummaan erga labsee booda mootummaan Naannoo Amaaraa waamicha nuu birmadhaa dabarseera.
Waamicha kana hordofuun Mootummaa Naannoo Oromiyaa dabalatee humnoonni addaa naannolee Itoophiyaa addichatti bobbahuun aarsaafi wareegama lubbuu kaffalaa humna kana bakkatti deebisaa jiru. Seenaa siyaasa kaabaa keessatti Oromoon wareegama qaalii akkasii kaffalaa biyya walboomsaa jiraatus takkaa seenaa dhugaan barraaheefii hinbeeku.
Qondaaltonni siyaasaas ta’e hayyoonni biyyattii taateewwan siyaasaa Itoophiyaa kaabaatti qaqqaban maraafi gootummaa ilmaan sabootaatiif seenaa dhugaa barreessuu qabu.
Walumaagalatti irra dibaan seenaa jallisuu irra deddeebbiin mul’achaa jiruufi osoo abbaan faachaa taa’uu jala deemtuun of jajuun egeree tokkummaa Itoophiyaaf balaa ta’uurra darbee carraa juuntaa madate namatti fiduu waan dandahuuf dhugaaf haa dhaabannu.
Bariissaa Adoolessa 24/2013