Baadiyyaa keenya dur irraa deemnu har’a addunyaan itti deemaa jira

Tibbana Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad Shaampiyoonaa Turizimii ta’uun ‘IGD’n filatamaniiru. Kun injifannoo guddaa Itoophiyaan yeroorraa yerootti gonfachaa jirtu keessaa isa tokko yoo ta’u, hojiin dippilomaasiifi kutannaan siyaasaa mootummaa jijjiiramaan galmaa’aa jiru bu’aqabeessa lafarratti argamu ta’uusaatiif ragaa guddaadha.

Baadiyyaan madda misoomaa dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa taatus xiyyeeffannoon kennameefii ture gadaanaa waan ta’eef bu’aan irraa eegamu hagas mara hinturre.

Qabeenya uumamaa Itoophiyaan qabdu lammiileesheerra darbee addunyaaf hawwata tuuristii ta’uun galii guddaa argamsiisuu kan danda’u ta’us xiyyeeffannoo gama mootummaan kennamaafii hinturre.

Sirnoonni dhufanii darban martisaanii qabeenya uumamaa baadiyyaa keessa jiru karaa uummata hinfayyadneen qisaasessaa isa kaanimmoo xiyyeeffannoo kennuu dhabuun gatii dhabsiisee faayidaan ala taasisaa turaniiru.

Kanarraa kan ka’e dargaggeessi baratee dhaabbilee barnoota olaanaarraa eebbifame bakkuma jirutti carraa hojii argachuu osoo qabuu baadiyyaa gadhiisee magaalaatti godaanuun rakkinaaf of saaxilaa tureera.

Rakkoo hojidhabdummaa furuuf irra jireessaan qabeenya uumamaa Itoophiyaan qabdu sadarkaa baadiyyaatti gadi bu’anii adda baasuun murteessaa waan ta’eef mootummaan jijjiiramaa bu’aa qabsoo dargaggootaa ta’e baadiyyaa misoomsuun jalqaba jiraattota naannawichaaf carraa hojii uumuu; lammatammoo hawwata tuuristii gochuun galii maddisiisuun Itoophiyaa beeksisuuf kutannoon hojiitti galee baadiyyaa dur irraa baqatamu har’a akka ittideemamu taasifamaa jira.

Mootummaan jijjiiramaa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu gara aangootti dhufuu hordofee misoomni baadiyyaa giddugaleeffate kan magaalaa dachaan babal’ataa deemuun madda dinagdee, carraa hojii uumuufi hawwata tuuristii ta’ee Itoophiyaa olkaasaa addunyaaf beeksisaa jira.

Akka fakkeenyaatti mootummaan Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu erga gara aangootti dhufeen as mataduree, ‘Maaddii Guutuu’ jedhuun qabatamaan misooma paarkiiwwan gara garaa gaggeessuun ijji addunyaa gara Itoophiyaatti akka mil’atu taasisuusaaniin Shaampiyoona ‘IGAD’ ta’aniiru.

Kun injifannoo guddaa Itoophiyaan seenaashii keessatti argatte yoo ta’u, misoomawwan paarkii hawwata tuuristii ta’an magaalaa hanga baadiyyaatti waan babal’isaa jiraniif ijji tuuristoota addunyaa gara Itoophiyaatti akka fuulleeffatu, galiin tuurizimiis akka ol ka’uuf dadammaqu taasisaniru.

IJaarsawwan misooma Ikoo Turizimii Wancii, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa, Paarkii Tokkummaa, Inxooxxoo, Paarkii Obbolummaafi kaan baay’inaan haala miidhagaafi qalbii nama hawwatuun misoomuunsaanii ijji hundaa akka Itoophiyaa ilaalu ta’aa jira.

Misoomichi gamanumaa bu’aqabeessa waan ta’eef baay’inni tuuristoota gara iddoowwan kanneeniitti imalanii yeroorraa yerootti dabalaa jira. Maqaan Itoophiyaafi Itoophiyaanotaa kaleessa hiyyummaan ka’aa ture ifatti haqamuun seenaan addaa hojjetamaa jira.

Tarsiimoon misooma paarkiiwwanii bahee yeroo hojiitti seenamu nimilkaa’a jedhee kan abdate muraasa ta’us Ministirri Muumee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad haasaa yeroowwan adda addaatti taasisaniin ejjennoo, “Nuti riivaanii malee abdii hinkunnu” jedhuun kan jalqabame iddoowwan hawwata tuuristii kanneen yeroo gabaabaa keessatti ijaarsisanii eebbisiisaa kan biraas eebbisiisuuf sochii taasisaniin bu’aan galmaa’e kan yaadamee ol waan ta’eef dhugumattuu abdii miti, riivaanii kutu nama jechisiisa.

Ikoo tuurizimiin Wancii/Dandii, Gorgoraa, Cabaraa Curcuraa eebbifamaniifi kanneen ammaan tana ijaaramaa jiran marti magaalaa guddoo Itoophiyaa, Finfinneerraa fageenyarratti kan argaman ta’anis imalli garasitti taasifamu kamuu Itoophiyaan maal fakkaatti isa jedhuuf deebii quufsaa kan kennu ta’uu eenyumaafuu ifa.

Dhugaa dubbachuuf baadiyyaa kaleessa dargaggoon keenya rakkoo hojidhabdummaatiin irraa godaanaa ture ammaan tana kan itti godaanamu ta’aa jirti.

Fooliin baadiyyaa yeroo ammaa fagoorraa kan nama hawwatu ta’uusaatiin kan keessatti dhalatee biyyaa bahe mitiitii kan magaalaa fageenyaarratti dhalatee guddatellee gara itti fuulleffatu ta’aa jira.

Ijaarsi misoomawwan Ikoo turizimii akka biyyaatti jiruufi akka fakkeenyaatti irranatti eerre wiirtuu bashannanaa kan qalbiin ofii itti ciisuufi madda galii dinagdeen biyyaafi dhalootaa itti hirphamu ta’aa jiru.

Misoomawwan kunniin galii tuuristootarraa argamsiisuun ala dargaggoota biyya keessaa keessumaa dhalattoota naannawichaaf carraa hojii uumaa jiru.

Kanarraa kan ka’e dargaggeessi dur fuulasaa baadiyyaarraa gara magaalaatti naannessuun hojii barbaacha dhama’aa bara lakkaa’aa ture amma of duubatti deebi’uun bakkuma jirutti carraa hojii mootummaan uumaafii jiru cinatti ofiifis uummachuun dinagdeen of humneessaa hiyyummaa mogolee isa buusee biyyaa isa baasaa tures ofirraa mulqee nama ta’aa jira.

Addunyaan hojii ajaa’ibaa mootummaa jijjiiramaan sadarkaa baadiyyaa hanga magaalaatti hojjetamaa jiru kanaan booji’amanii daawwannaaf kan yaa’an dachaan dabalaa jiru kun hojii kutannaa siyaasaa biyya badhaate ijaaruuf mootummaan qabatee ka’e waan ta’eef kan isa galateeffachiisuudha.

‘IGAD’s kanuma bu’uura godhachuun keessumaa hojii mootummaan jijjiiramaa gama hawaas dinagdeefi siyaasaatiin darbees dippilomaasiin sadarkaa biyyaatti galmeessisaa jiru Afrikaaf fakkeenyummaan ka’u irratti hojjetamnaan hiyyumni kan itti seenaa ta’u akka ta’e qabatamaan waan agarsiifameef ijji addunyaas gara Itoophiyaa akka ilaalu ta’aa waan jiruuf Doktar Abiyyi shaampiyoona ta’anii filatamaniiru; Itoophiyaanis Shaampiyoonaa ‘IGAD’ taateetti.

Injifannoon kun kan Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad qofa osoo hintaane bu’aa dhamaatee Itoophiyaanotaa hunduu qooda itti fudhatan yoo ta’u, bu’aan gama kanaan galmaa’aa jiruufi badhaasni shaampiyoona ta’uu Itoophiyaa daran kan nama onnachiisuufi hoggantoota Afrikaa biroofillee kan fakkeenya ta’uudha.

Itoophiyaan biyya qabeenya uumamaan daran badhaate taatus kanaan dura xiyyeeffannoon kennameefii waan hinjirreef hawaas dinagdeen siyaasaafi hawwata tuuristii taatee bu’aa barbaadamu hinagarsiisne.

Kanarraa kan ka’e biyyasaa dhiisee jireenya fooyya’aa barbaacha kan biyyaa bahe kumaatamadha, magaalaa magaalatti, baadiyyaarraa magaalatti godaanee jireenya fooyya’aa jiraachuuf kan dhama’u tokko lama miti. Dargaggeessi irri jireessisaa baadiyyaarraa gara magaalaatti godaanuun hojii barbaacha yeroosaa fixaa ture misooma amma jalqabame kanaan fayyadamaa ta’aa jira.

Adeemsa amma mootummaan jijjiiramaa itti jiru kanaan Itoophiyaa badhaate lammiiileesheerra dabartee Afrikaaf fakkeenyummaan kaatu dachee hiyyumni seenaa itti ta’u akka taatu hinmamsiisu. Gama misooma qonnaan eeggatummaa wabii midhaan nyaataa maqsuurra darbamee gabaa alergiif dhiyeessuun seenaan Itoophiyaa akka haara’u ta’eera.

Gammoojjiiwwan kaleessa muka hinbiqilchine har’a ashaaraa magariisaafi misooma qamadii bonaaf gannaan haguugamtee namaafi bineensa irraa godaane ofitti deebisaa maqaa, jannata gammoojii keessaa jedhamuun waamamaa jirti.

Seenaa keessatti gammoojjiiwwan Affaar, Somaalee, Oromiyaafi kanneen biroo sadarkaa biyyaatti qamadiifi ashaaraa magariisaa olbiqilchanii hinbeekne haala adda ta’een misoomuun kutananaan hojiitti waan seenameef gama kanaanis seenaan addaa hojjetameera.

Itoophiyaa har’aafi kaleessaa walbira qabnee ilaaluun ulfaataadha. Kaleessa sabaafi sbalammiin baadiyyaa qabeenya uumamaatiin badhaadhee osoo jiruu misoomuu dhabuusaatiin magaalaatti godaanee eeggattummaa jalatti kufee ture.

Har’a garuu dacheen hongeen golgolaa’ee ture ashaaraa magariisaatiin miidhagee rikardii addaa galmeessisuun addunyaaf fakkeenyummaan ka’aa jira, misoomaaleen ikoo turizimii, carraa hojii uumuurra darbanii hawwata tuuristii ta’uun dinagdee biyyaa raafamee ture itichanii lafa dhaabaa jiru.

Miilli Itoophiyaanotaa kanaan dura biyya gadhiisee fagaatee ture dargaggeessi baadiyyarraa magaalatti godaanee ture baadiyyaa addunyaaf hawwata tuuristii ta’etti fayyadamummaasaa mirkaneessuuf carraa argatetti fayyadamaa jira.

Walumaagalatti injifannoon gama hawaas dinagdeefi kutannoo siyaasaatiin mootummaan jijjiiramaa galmeessisaa jiru bu’aansaa qabatamaan waan mirkanaa’eef fakkeenyummaan kan ka’u ta’uusaatiin Itoophiyaan Shaampiyoonaa Turizimii ta’uu ‘IGAD’n tibbana ragga’eefiira. Guyyaan Turizimii baranaas kaleessa Fulbaana 17 bara 2017 mataduree, “Guyyaa turizimii addunyaa biyya shaampiyoonaa ‘IGAD’ taatetti” jedhuun sagantaaleefi ergaawwan adda addaaiin waa’elchamee kabajameera. Nuti ammoo, ‘Miilli hundi gara Itoophiyaatti, walargaan Finfinneetti’ jenneerra.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 18 Bara 2017

 

Recommended For You