Inisheetivii Baala Shaayii: Gulantaa Ittaanu

Mootummaan Naannoo Oromiyaa galmoota sektara qonnaatiin milkeessuuf socho’aa jiru keessaa tokko omisha alergii dabaluu, gosdaneessuufi qulqullinaan guddisuu yoota’u, galma kana milkeessuu keessatti gaheen inisheetivii misooma baala shaayii olaanaa akka ta’u ni eegama.

Misooma baala shaayii aanaa tokko keessatti dhaabbata dhuunfaa tokko qofaan daanga’ee ture, “Labsii Allee” bara 2013 hojiitti galchineen jijjiiruun, yeroo ammaa aanoota guutuu godinaalee Oromiyaa Lixaa afur keessatti babaldhisuu dandeenyee jirra. Bara omishaa 2016/17s, uwwisa keenya dachaa hedduun dabaluuf karoorsinee hojjechaa kan turre yoota’u, biqiltuu baala shaayii dhaabbiif gahe hunda lafa qabsiisuu dandeenyeerra.

Akka Naannoo Oromiyaatti, poteenshaalli gama kanaan qabnu baldhaa waan ta’eef, guddina gaarii hanga ammaa jiru jalqabbiidhaa olitti kan ilaalluu miti.

Bu’uruma kanaan, gama tokkoon gosoota sanyii biqiltuu shaayii heddummina haala qilleensa naannoo keenyaa waliin deeman baldhinaan qopheessuun dhawaata dhawaata uwwisa keenya dabalaa, waggoota shanan dhufanitti, lafa hektaara kuma 500n gahuuf karoorsinee socho’aa jirra.

Gama biraatiin, dargaggeessifi qonnaan bulaan keenya, baala shaayii misoomsuu cinaatti, gara kurfeessuutti (processing) ce’uun, kallattiin “agro-processing” baala shaayii sadarkaa alergii eege irratti baldhinaan akka hirmaatan, paakeejii leenjii ogummaa, dhaweessummaa (entrepreneurship)fi invastimantii qopheessuun akkasumas dhiyeessii faayinaansii mijeessuun jalqabbicha sadarkaa itti aanutti ceesisuu irratti argamna.

Kutannoon hoggansa sadarkaan jiruu, ciminni ogeessota qonnaa, qonnaan bulaa keenyaafi hirmaachisummaan dargaggootaa hanga ammaa ture, daran cimee akka ittifufu dhaamaa, hirmaannaanMootummaan Naannoo Oromiyaa furguga (momentum) adeemsa kanaa eeguuf, kallattiilee hundaan gargaarsafi hordoffii walirraa hincinne kan taasisu ta’uu mirkaneessuun barbaada.

Obbo Shimallis Abdiisa pirezidaantii BMNO

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 4 Bara 2017

Recommended For You