Labsii bulchiinsaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa fooyya’ee ba’eefi faayidaasaa

Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa mootummaa RDFI dhiyeenya kana wixinee labsii bulchiinsaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaafi Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaatiin dhiyaate irratti mari’achuun raggaasisuunsaa ni yaadatama.

Walittiqabaan Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaa Obbo Solomoon Laalee wixinee labsichaa miseensota mana marichaaf wayita dhiyeessan akka jedhanitti, wixineen labsichaa utuu hinragga’in dura qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi akka irratti mari’ataniifi yaada irratti kennan ta’eera.

Wixinee labsichaarratti akka mari’ataniif sadarkaa mootummaa federaalaafi naannootti waltajjiiwwan qaamolee hawaasaa hirmaachisan gara garaa adeemsifamaniiru. Koreewwan dhaabbii lamaan yaadota ka’an galtee wixinee labsichaa taasifachuun ittifayyadamaniiru. Gaaffiilee dhiyaataniifis qaama dhimmichi ilaallatuun deebiin akka itti kennamu taasisaniiru.

Wixinee labsichaarratti marii bal’aan adeemsifamaa tureera. Koreewwan dhaabbii lamaan yaadota fooyyessa wixinee labsichaarratti ka’aa turanirratti ogeessota seeraafi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin irratti mari’ataniiru.

Wixineen labsichaa sirna bulchiinsaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa ammayyaa’aa diriirsuudhaan jireenya qonnaan bultootaa, horsiisee bultootaafi qonnaan bultoota gartokkee sadarkaa guddinni siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaa biyyattii irra gahe waliin tarkaanfachiisuuf gargaara. Mirga ittifayyadamummaa qabiyyee lafaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf gargaara. Qulqullina odeeffannoo galmeessa lafa baadiyyaa mirkaneessuufis akkasuma.

Akka wixinee labsichaatti qabiyyee lafaa seeraan alaa jechuun lafa baadiyyaa seeraan ala qabameefi qaama seera qabeessaan beekamtiin hinkennamneef jechuudha. Labsichi gandoota baadiyyaa bulchiinsa magaalotaa keessa jiran of keessatti hammata.

Lafti erga gaa’illi dhaabatee booda argame qabiyyee waliinii ta’ee galmaa’a. Abbaan qabeenyaa lafa baadiyyaa qabiyyeesaa maatii, firoota aantiif kennaa waliigalteen deggarameen dabarsuu danda’a. Kennaan kun miidhamtoota qaamaafi daa’imman ilaalcha keessa galchuudhaan raawwatama. Lafi dhaalaan argamu dhaaltota hundaaf walqixa hirama.

Yoo waljijjiirraan lafaa naannolee lama gidduutti raawwatame waliigaltichi barreeffamaan dhiyaatee qaama mootummaa federaalaatiin aangoon kennameefiin mirkanaa’uufi galmaa’uu qaba. Abbaan qabiyyee lafaa seeraan akka hinbuqqaane taasisa. Lafti qabiyyee waloo ta’e qaama seerummaa akka qabaatuuf sirni qabiyyee lafaa waloo waliin akka eegamuufi kunuufamu taasisu diriiruu qaba.

Lafti waloo kan kireeffamu yoo ta’e fayyadamummaa waloo kan miidhuufi lafa dheedichaa kan dhabamsiisu ta’uu hinqabu. Galiin qabiyyee lafaa waloorraa argamu kamuu hawaasa hunda fayyadamaa taasisuu qaba.

Qabiyyeen lafa waloo lafa dheedichaa, bosonaafi tajaajila hawaasummaa kennu of keessatti hammata. Galiin kiraadhaan, kaffaltii beenyaatiifi omisha lafichaarraa argamu gurguruudhaan qabiyyee lafa waloorra argamu karaa haqa qabeessaan hawaasa hunda akka fayyaduuf fandiin fayyadamtoota qabiyyee lafa waloo naannoleetti hundaa’uu qaba. Fandichi dubartoota humna dinagdee hinqabneefi deggarsa addaa barbaadaniif deggarsa taasisuu qaba.

Abbootiin qabiyyee lafaa lubbuun kan hinjirre yoo ta’aniifi nama isaan dhaalu kan hinqabne yoo ta’an, qubannaadhaan ykn fedhiisaaniitiin lafa baadiyyaa naannolee irraa ka’anii kan turan yoo ta’e lafti sun namoota naannawaa lafa hinqabneef ykn qonnaan bultoota lafti itti xiqqaateef qoodama.

Namni kamuu qabiyyee lafa dhuunfaa, waloofi mootummaa seeraan ala yoo weerare qarshii kuma 30-100n ykn hidhaa waggaa tokkoo – shaniitiin ykn lamaaniinuu adabama. Namni kamiyyuu lafa dhuunfaa, waloofi mootummaarratti miidhaa yoo geessise qarshii kuma 50- 150tiin ykn hidhaa waggaa sadii hanga torbaatiin ykn lamaaniinuu adabama. Namini kamuu lafa hin eeyyamamnerratti ijaarsa kamuu kan ijaare ykn akka ijaaramuuf kan eeyyame qarshii kuma 25-50tiin ykn hidhaa waggaa tokkoo hanga sadiitiin ykn lamaaniin adabama.

Namni kamuu karoora ittifayyadama lafaatiin ala qabiyyee lafasaatti yoo fayyadame qarshii kuma 20-50tiin ykn hidhaa waggaa tokkoo hanga sadiitiin ykn amoo lamaaniin adabama. Namni ragaa qabiyyee lafaa sobaa dhiyeesseefi ogeessi ragaa dhokse ykn ragaa dogoggoraa kenne qarshii kuma 10-25tiin ykn hidhaa waggaa tokkoo hanga sadiitiin ykn lamaaniin adabama. Namni lafa gurgure ykn bite kamuu qarshii kuma 100-200tiin ykn hidhaa waggaa tokkoo hanga shaniitiin ykn lamaaniin adabama. Adabbiin yakkoota lafaan walqabatee kennamu madaala’aafi barsiisaa ta’uu qaba.

Akka wixineen labsichaa ibsutti namni tokko qabeenya dhaabbataa lafarratti horate gurgurachuuf, qabiyyee lafasaa kireessuufi qabsiisee baankiirra qarshii liqeeffachuun omishaafi omishtummaasaa guddisuu ni danda’a. Maqaa qabeenya dhaabbataa gurgurachuutiin lafa bal’aa qabeenyi irra hinjirre gurguruun garuu dhorkaadha. Kun qonnaan bulaan lafasaarraa akka hinbuqqaane taasisuuf gargaara.

Wixineen labsichaa sadarkaa jireenya qonnaan bultootaa, horsiisee bultootaafi horsiisee bultoota gartokkee fooyyessuufi sadarkaa guddinni dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa biyyattii irra gahe waliin tarkaanfachiisuuf gargaara.

Wixineen labsichaa sirna bulchiinsaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa ammayyaa’aa ta’e diriirsuun qulqullina odeeffannoo galmeessa lafa baadiyyaa qindeessuun fayyadamtootaaf raabsuufi karoora ittifayyadama lafa baadiyyaa ittifufiinsa ba’ee akka hojiirra oolu taasisuuf akkasumas qabeenyawwan uumamaa eeguu, kunuunsuufi misoomsuudhaan dhaloota ittaanutti dabarsuuf gargaara waan ta’eef manni marichaa wixinee labsichaa akka raggaasisuuf gaafataniiru.

Minseensonni mana marichaa yaada gabaasaafi murtee yaadaa Wixinee labsii ittifayyadamaafi lafa baadiyyaa dhiyaaterratti kennaniin akka jedhanitti, wixineen labsichaa yeroo dheeraa fudhatee kutaalee hawaasaafi qaamolee dhimmichi ilaallatu hunda waliin marii adeemsisuun haala fayyadamummaa dubartootaa, daa’immaniifi miidhamtoota qaamaa mirkaneessuu danda’uun kan qophaa’eedha.

Wixineen labsichaa qaamolee dhimmichi ilaallatu hunda hirmaachisuun haala yeroosaa eegee kan qophaa’e ta’uu kaasanii, naannoo Tigraay irraa kan hafe kutaaleen hawaasaafi qaamoleen dhimmichi ilaallatu hundi yeroo gara garaa wixinee labsichaarratti mari’ataniiru. Qaboon yaa’ii 22 ol wixinee labsichaarratti qabameera. Wixineen labsichaa hanqinaafi rakkoo tokkoyyuu hinqabu jechuun danda’amuu baatus mana marii kanaan ragga’ee gara hojiitti utuu galamee gaarii ta’uus kaasaniiru.

Wixineen labsichaa yeroo dheeraa fudhatee gadfageenyaan kan qophaa’e ta’uufi fayyadamummaa qonnaan bultootaafi horsiisee bultootaa gartokkee kan mirkaneessu waan ta’eef yaadota meesseensonni mana marii kaasaniin gabbatee ragga’ee hojiirra utuu oole gaariidha yaadni jedhus ka’eera. Lafti bu’uura guddina dinagdee biyyattii waan ta’eef seeraan hogganamuu akka qabus eerameera.

Wixineen labsichaa qonnaan bultoonni ragaa qabiyyee lafa isaanii qabsiisuudhaan baankiirraa qarshii liqeeffatanii rakkoo faayinaansii qaban akka furataniifi omishaafi omishtummaasaanii akka guddisan taasisuurra darbee qabeenya dhaabbataa lafarratti horatan dabarsanii akka gurguratan kan taasisuudha. Akkasumas karoora ittifayyadama lafaa biyyaalessaa qindaa’aa qopheessuuf kan gargaaru ta’uun himameera.

Wixineen labsii bulchiinsaafi ittifayyadama lafa baadiyyaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Qonnaafi Koree Dhaabbii Dhimmoota Seeraafi Haqaatiin qophaa’ee mana marichaaf dhiyaate yaadotaafi gaaffiilee miseensonni mana marichaa dhiyeessaniin gabbatee Labsii lakkoofsa 1324/2016 ta’uun sagalee guutuudhaan ragga’eera. Qajeelfamniifi dambiin labsicha hojiirra oolchuuf gargaarus kan ba’u ta’uun himameera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 17 Bara 2016

Recommended For You