Qormaataan gamatti guddina dinagdee abdachiisaa -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)

Finfinnee: Nama waa’ee sirna dinagdee hinhubanneef qaala’iinsa jireenyaatiin gamatti guddinni dinagdee kan yaadamu miti. Dhugumaan dhimmi daabboo dhimma yeroo namaa kennu waan hintaaneef beela keessatti jiraachuu guddina dinagdee yaaduun rakkisaadha.

Kanumaafi, wayita dhimmi guddina dinagdee ka’u namoota baay’eetti abjuu kan fakkaatuuf. Haa ta’uutii, sadarkaa biyyaatti mitii nama dhuunfaattuu guddinni nyaataafi uffata qofaan kan madaalamu akka hintaane beekuun barbaachisaadha.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) Kamisa darbe dhimma guddina dinagdeefi qormaatilee jiran ilaalchisee gaaffii miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa bal’aa kennaniiru.

Gaaffiileen ka’an baay’eensaanii guddina jiru moggaatti dhiisuun qaala’iinsa jireenyaarratti kan fuulleffateedha. Qaala’iinsi jireenyaa rakkoo Itoophiyaa qofa osoo hintaane dhibee akka koronaa saffisaan babal’atee addunyaa mara waliinga’e ta’uu Doktar Abiyyi fakkeenyaan ibsaniiru.

Ameerikaan qaala’iinsa gatii to’achuuf hanga dhala gatii doolaaraa ol kaasuuf dirqamuu, Chaayinaan dhukkubbii hamaaf saaxilamuu, Veenzuweelaafi Zinbaabuweefaatti qaala’iinsi gatii dhibbataan 100 ol ta’uun dhimma miseensota mana marichaa jalaa dhokate akka hintaanes eeraniiru.

Itoophiyaatti garuu hojii cimaa hojjetameen qaala’iinsa jireenyaa dhibbantaa 30tti gadibuusuun danda’ameera. Ta’us ammayyuu hojii bal’aan akka hafu hubachuun tarkaafiin garaagaraa fudhatamaa akka jiru dubbataniiru.

Haaluma kanaan, gabaa keessatti dhiyeessii maallaqaa hir’isuu, qabeenya baankiin ala socho’uufi kontiroobaandii to’achuu, omishtummaa dabaluufi ganna kanatti qofa lafa hektaara miliyoona lama akkasumas jallisiidhaan yeroo jalaqabaaf lafti hektaara miliyoona 15 qotuun qaala’iinsa jireenyaa injifachuuf qabatamaan hojjetamaa akka jiru ija banatanii ilaaluu gaafata jedhan.

Qaala’iinsi jireenyaafi idaan akkuma jirutti ta’ee arguun amanuu waan ta’eef guddinni jiraachuu dhugeeeffachuuf sochii misoomaa sadarkaa federaalaafi naannolee ilaaluun barbaachisaa ta’uus eeranii, Itoophiyaan bara darbe guddina dinagdee dhibbantaa 6.4, barana dhibbantaa 6.1 bara dhufu ammoo dhibbantaa 6.4 galmeessisuufi kan galmeessistu ta’uu gabaasa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) ilaaluun hundarraa eegama jedhu Doktar Abiyyi.

Guddinni omisha biyya keessaa (GDP)  jijjiiramaan dura  qarshii tiriiliyoona 2.2 turuus yaadachiisanii; amma garuu qarshii tiriiliyoona 6.2tti waan guddateef dabalata Itoophiyaan Afrikaa Bahaatti guddina dinagdeetiin dursa ta’uushee himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Adoolessa 1 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “Qormaataan gamatti guddina dinagdee abdachiisaa -Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)”

  1. Pingback: barber prahran
  2. Pingback: BIPOC

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *