Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Wiixata darbe raawwii hojii mootummaa bara bajataa 2011 Mana Marii Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru. Akkasumas dhimmoota xiyyeeffannoo gara fuulduraa ibsaniiru.
Akkasaan jedhanitti, mootummaan bara 2011 dirree dimokiraasii bal’isuu, nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuu, dinagdee dadamqsuufi dhaabbilee mootummaa jijjiirama kana baachuu danda’an ijaaruu irratti xiyyeeffatee hojjechaa ture. Rakkoo nageenyaa mudateen lammiilee hedduun du’aniiru, buqqa’aniiru, bu’uuraaleen misoomaas barbadaa’uu isaaniitiin sochii diinagdee irratti dhiibbaa uumeera.
“Daddabarsi meeshaa waraanaa seeraan alaa, miidiyaaleen tokko tokko faallaa tokkummaa biyyaafi nageenya ummataa socho’uun, walitti bu’iinsi yunivarsitiiwwan adda addaa keessatti uumamuun, walitti bu’iinsi amantii, yakkamtoota magaalota keessatti gurmaa’anfi daldalli seeraan alaa maddoota rakkoo nageenyaa ta’anii turaniiru. Rakkoo nageenyaa kunneen hir’isuudhaaf, itti fufiinsaanis dhaabuuf tarkaanfiileen gara garaa fudhatamaniiru. Akkasumas hoggantoota mootummaa ummatni komii irratti dhiyeessaa turan jijjiiruu; adeemsa sirreessuufi caasaa dhaabbilee mootummaa ijaaruufi haaromsuu irratti tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiru”.
Olaantummaa seeraa kabajchiisuudhaaf kanneen yakka malaamaltummaa guddaa raawwachuun shakkaman seeraan akka gaafataman ta’eera. Namootni gareelee gurmaa’an keessatti hirmaatan, hoggantoonni sarbamuu mirga namummaafi yakka malaamaltummaa guddaa raawwachuun shakkaman seeraan akka gaafataman ta’eera. Hoggantoonniifi qaamoleen nageenyaa saba bu’uura gudhachuun yakka walitti bu’iinsa uumuu, lammiilee buqqisuu keessatti hirmaataniiru jechuun shakkaman 799 qabamanii seeratti akka dhiyaatan ta’eera. Hojjettoonni baankiifi Itiyoo-Teleekoom yakkawwan dinagdee raawwachuun shakkaman 34, akkasumas daddabarsa meeshaatiin namoonni 235, daddabarsa qarshiitiin namoonni 63fi daddabarsa namootaatiin namootni 51 qabamanii seeratti akka dhiyaatan ta’eera jedhu Doktara Abiyyi.
“Humnootni dhiyeenya kana nageenya ummataa akka eeganiif meeshaan itti kenname hoggantoota Amaaraafi Itaamaazyor Shuumii Raayyaa Ittisa Biyyaa ajjeesanii mootummaa fonqolchuuf yaalan dogoggora guddaa raawwataniiru. Tarkaanfii hatattamaa raayyaan ittisaafi humnootni nageenyaa naannichaa fudhataniin kaayyoo isaan mootummaa fonqolchuuf taasisan fashaleessaniiru. Ammaan booda Itoophiyaa keessatti taayitaan sagalee korojootiin malee afaan qawweetiin argachuuf yaaluun biyyattii waggoota dheeraadhaan kan duubatti harkisuudha. Warri afaan qawweetiin taayitaa qabachuuf yaalanis imala keenyatti gufuu ta’uu danda’u malee yoomiyyuu hinmilkaa’an” jedhu.
Akka Doktar Abiyyi ibsanitti, tattaaffii mootummaa federaalaafi naannoleen ji’oota darban keessa taasisaniin buqqaatota miliyoona 2.3 keessaa miliyoona 2.1 ta’an gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an ta’eera. Kanneen hafanis dhiyeenyatti gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif tattaaffiin cimaan taasifamaa jira. Buqqaatiifi walitti bu’iinsa lammiilee hambisuufi nageenya waaraa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira.
Ji’oota 11 darbanitti dinagdeen biyyattii % 9.2 guddina agarsiiseera. Bara bajataa darbe ammoo %7.7 kan ture yoo ta’u, fooyya’iinsi dinagdee akkasitti yoo itti fufe bara dhufu bu’aa olaanaa kan eegamu ta’uu himu.
Hojdhabdoota biyyattii miliyoona 11 ol ta’an keessaa bara bajataa kana lammiilee miliyoona 1.4 carraa hojii uumuun danda’ameera. Kun lakkoofsa hojdhabdoota waliin yoo ilaalamu gahaa akka hintaanees ni kaasu.
Gama galii mootummaatiinis qarshii biiliyoona 178.5 walitti qabuun danda’ameera. Sharafa alaa irraa ammoo doollaarri biiliyoona 19.4 ji’oota kurnan darban keessa walitti qabameera. Qaala’iina gatii gara dijitii tokkootti gad buusuuf karoorfamee hojjetamaa turus ji’oota darbaniif %12 gad ture. Caamsaa gara %16.2 irra gaheera. Qala’iinni gatii kun keessumaa harka qalleeyyiifi kanneen galii gadaanaa argatan waan miidhuuf gareen haala qaala’iinsa gatii kana qoratee sirreessu hundaa’ee hojii eegaleera jedhu.
Sochii dhaabbilee misoomaa mootummaa guutummaattis ta’e gartokkeen gara dhuunfaatti taasifamaa jiruunis Itiyoo teleekoomiifi warshaaleen sukkaaraa sadarkaa duraa irratti argamu. Maddawwan humnaafi dhaabbilee korporeeshiniifi loojistikii baaburaa sadarkaa lammaffaa irratti kan argaman yoo ta’an, paarkiiwwan industiriifi daandiin xiyyaaraa Itoophiyaa sadarkaa dhumaa irratti argamu akka ibsa gabaasichaatti.
Nageenyaafi tasgabbii waaraa mirkaneessuuf dhimmoota ummatni akka hintasgabboofne taasisan adda baasuufi furmaata waaraa barbaaduun, siyaasa gara mariifi falmiitti geeddaruudhaan aadaa ijaarsa sirna dimokiraasii si’eessuun, ummata hunda misoomarratti hirmaachisuun, rakkoo hojidhabdumaa furuun, mirga lammiilee bakka kamuu jiraachuufi qabeenya horachuu kabajchiisuun, qaala’iina gatii hir’isuun, gama hundaanuu omishaafi omishtummaa guddisuun, invastimantiif haala mijeessuufi eegumsaafi kunuunsa naannawaa mirkaneessuun kallattiiwwan hojii ijoo gara fuulduraa ta’uu himu.
Biqiltuuwwan biiliyoona afur dhaabuuf hojiin eegalames kan itti fufu yoo ta’u, Adoolessa 22 bara 2011 guyyaa tokkotti biqiltuuwwan miliyoona 200 dhaabuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Daawwannaan masaraa mootummaas Fulbaana bara 2012 kan eegalu ta’a. Hojiin misooma pirojektii shaggaris kan itti fufu ta’a. Hojiin magaalota misoomsuufi bareechuun jiraattotaaf mijatoo taasisuus itti fufiinsaan kan hojjetamu ta’uus himaniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 29/2011
6 Comments to “Milkaa’inaafi bu’aa ba’ii raawwii hojii mootummaa”