Pirojekitoota atileetiksiif xiyyeeffaannaa barbaachisa

Sulultaa: Itoophiyaan addunyaarrattis ta’u Afrikaarratti walmorkiiwwan ispoortii hedduudhaan hirmaachaa turuunshee ni beekama. Dorgommiiwwan ispoortii kanneen keessaa hanga ammaatti qabxii olaanaa galmeessisaa kan jirtu atileetiksiidhaan.

Aaadaan injifannoo ispoortii atileetiksii biyyattii kaleessa ture gara fuula duraattis akka itti fufuuf atileetonni, leenjistoonni, Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa, abbootiin qabeenyaa, mootummaafi ummanni walta’insaan yoo hojjetan qofa.

Afrikaafi addunyaarratti beekamtii olaanaa kan argamsiise ispoortiin atileetiksii kun, yeroo dhihoodhaa as laafaa dhufuunsaa qabxii Itoophiyaan dirree kanarratti galmeessistu hir’isaa dhufeera. Sababuma kanaan atileetonni beekamoo Itoophiyaa durii dabalatee leenjistoonni gareewwan atileetiksii  biyyaaleessaa, leenjistoonni kilaboota beekamoo atileetiksiifi waldaaleen ispoortii atileetiksii gaazexeesitoota wajjiin walarguudhaan marii cimaa taasisaniiru.

Leenjisaan kilaba Atileetiksii Magaalaa Sulultaa Obbo Faxxanaa Taaddasaa akka ibsanitti, laafina ispoortii atileetiksii Itoophiyaas ta’u naannoleef kan itti gaafatamu Federeeshinii Atileetiksii biyyaaleessaati. Federeeshinichi kilaboota beekamoo kanaan dura atileetota  hedduu horatan ofirraa fageessuun ispoortiin atileetiksii biyyattii dadhabaa akka ta’u godheera jechuun komataniiru.

Hojiin federeeshinichaa iftoomina hinqabaanneefi karri isaas akka hinsaaqamne kan taasise jecha “Naaf hooqi siifan hooqa’’ jedhuurratti hundaa’ee turuusaa eereera. Kanaaf rakkinni kun furmaata argachuu yoo baate ispoortiin atileetiksii biyyaas ta’u naannolee kana caalaa dadhabaa kan adeemu ta’uusaa sodaa qabanis ibsaniiru.

Dabalataanis ispoortiin atileetiksii Itoophiyaa dandamachuuf birmannaan ummataa barbaachisaa ta’uusaa addeessanii, Koreen Federeeshina Atileetiksii Itoophiyaafi Waldaan Atileetota Itoophiyaa ammaa hojiirratti argamu hatattamaan kilaboota atileetiksii diigamuuf qarqararratti argaman dandamachisuu qabaa jedhaniiru

Burqaa atileetota biyyattii kan taate naannoon Oromiyaa waggoota  darban keessaa kilaboota beekamoo magaalota addaddaa 20 hundeessuudhaan atileetota bebbeekamoo garee biyyaaleessaaf gumaachaa turtus ammaan tan baay’een isaanii diigamuusaanii dubbataniiru.

Kilaboota rakkina qaban kanneen keessaa tokko kilaba bulchinsa magaalaa sulultaa yoo ta’u, ammaan tana maqaaf jira malee rakkoolee adda addaatiin marfamuudhaan yeroo gabaabaa keesatti ‘diigamaa laata’ sodaa jedhu keessa galaniiru jedhan.

Magaalaan Sulultaafi naannoon ishee qilleensa namatti tolu waan qabaniif, atileetonni beekamoon biyyaa keessaafi biyyaa alaa yeroo hundaa qilleensa kanatti fayadamuudhaan shaakalu.

Naannichi atileetota beekamoo kanneen akka gootota Waamii Birraatuu, Abbabaa Mokonnon, Birhaane Adaree, Maaree Dibaabaafi kkf horachuudhaan beekamtii qabaatus kilabni magaalattii pirojekitii atileetiksii waan hinqabneef atileetota bor bakka bu’an horachuu  akka hindandeenye ibsaniiru.

Magaalattiin iddoowwan leenjii atileetiksii Yaayaa Vileejii, Tiraakii Atileetiksii Qananiisaa Baqqalaafi ijaarsi isaa kan jalqabame  giddugalessa leenjii ispoortii ammayyaa Oromiyaa  qabaatus kilabni  atileetiksii ishee qabxaa’aa ta’u hindandeenye jechuudhaan adeesseera.

Leenjisaa Faxanaan akka ibsuti,kilaba magaalaa Sululta dandamachisuf fali isaa pirojeekitii atileetiksii magaalatii cimsun gaafii yeroo hinbarbaachifneedha jechuudhaan muldhiseera.

Naannoon Oromiyaa keessumattuu atileetotni godina Shawaa Kaabaa addunyaarratti dur Itoophiyaa dirreewwan olompikiifi shaampiyoonaawwan atileetiksii addunyaarratti beeksisan kanneen akka Abbabaa Biqilaa, Abbabaa Waaqjiraa, Isheetuu Turaa, Kabbadaa Baalchaa, Darajee Nadhiifaa horate waan ta’eef, ummata biyyattii biratti seenaa hindagatamneedha.

Kannaafuu burqaa gootota atileetoota Itoophiyaa kan taate naannoo Oromiyaafi   pirojektoota atileetiksii magaalaa Sulultaaf xiyyeeffannaan olaanaa kennamuu qabaa jenna.

Tashoomaa Qadiidaatiin

Bariisaa Waxabajjii 15 bara 2011

Recommended For You

4 Comments to “Pirojekitoota atileetiksiif xiyyeeffaannaa barbaachisa”

  1. Pingback: Click Here
  2. Pingback: 꽁머니 5만

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *