Doktar Abiyyi badhaasa nageenyaa ‘UNESCO’ injifatan

Finfinnee: Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad badhaasa nageenyaa Dhaabbanni Barnoota, Saayinsiifi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (‘UNESCO’) qopheessu injifatan.

Badhaasni nageenyaa Doktar Abiyyi injifatan; nageenya fiduu, kabachiisuufi tursiisuuf gumaacha taasisaniini. Badhaasni injifatanis kan Feliniiksi Haafeef- Booniiy kan ‘UNESCO’ bara Faranjootaa 2019ti.

Badhaasichaaf tarkaanfiin Doktar Abiyyi walabummaan pireesii akka jiraatuuf gumaachanis akka ulaagaatti fudhatmeera. Badhaasicha kan iftoomsan daarektara ‘UNESCO’, Adrii Azuulaay Guyyaa Walabummaa Pireesii dheengaddarraa eegalee Itoophiyaatti kabajamaa jirurratti.

Filannoo kanas koree filannoo badhaafamtoota ‘UNESCO’ pirezdaantiin duraanii Laayibeeriyaa Eelan Joonsan Sarliifiifi pirezdaantiin duraanii Faransaay qabateetu adeemsise.

Feliniiksi Haafeef- Booniiy ALA bara 1991 irraa kaasee namoota beekamoo 20 oliif badhaasa kenneera. Badhaasni kun namoota waldhabdeewwan biyyoolessaa hiikuun, waliigaltee uumuun, waldanda’uufi walqixxummaadhaan nageenyi akka dhufuuf bu’aa buusaniif kan kennamu ta’uu miidiyaalee addaddaarraa odeeffanneerra.

Bariisaa Ebla 25/2011


Recommended For You

7 Comments to “Doktar Abiyyi badhaasa nageenyaa ‘UNESCO’ injifatan”

  1. Pingback: site
  2. Pingback: tải sunwin
  3. Pingback: Dan Helmer
  4. Pingback: herbal products

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *