Imaammata biyya alaa Itoophiyaan hordofaa jirtuufi tikni biyyaalessaa walsimachaa waan hinturreef, dhimmootni sodaa nageenyaan walqabatanii imaammata biyya alaa keessatti hammatamaniifi osoo hinhammatamiin hafan kan fooyya’an ta’uu Doktar Abiyyi Ahmad wayita ambaasaddaroota biyyattii mariisisan ibsanii turan.
Yunivarsiitii Wallaggaatti Doktar Damis Firdiisaa ogeessaafi barsiisaa saayinsii siyaasaafi qunnamtii biyyoolessaa yoo ta’an, imaammataafi tika biyyaaleessaa keessatti guddina dinagdeefi siyaasaa haalaan walsimsiisuun murteessaa ta’uu dubbatu. Kunis, imaammatni biyya keessaafi alaa walsimatee kaayyoo tokkoof akka dhaabatu gochuudhaa, jedhu.
Biyyoota guddataa jiran keessatti humni siyaasaafi dinagdee biyya keessaa walsimsiisaa deemuun xiyyeeffannoo jalqabaa ta’uu qaba kan jedhan Doktar Damis, Itoophiyaa keessatti garuu fedhiiwwan siyaasaa biyya keessa jiran rakkoolee addaddaan xaxamaa turaniiru.
Siyaasni biyya keessaa guutummaatti tasgabbii kan hinqabne yoo ta’e, dhiibbaa biyya alaa fiduunsaa kan hinoolledha. Kunimmoo sochiin siyaasaa guddina dinagdeerratti, akkasumas sochiin dinagdees siyaasarratti dhiibbaa kan qaqqabsiisu yoo ta’e adeemsa keessa kufaatii kan fidu ta’uusaa ibsu.
Akka ibsa Doktar Damisitti, biyyattii keessatti humni siyaasaafi dinagdee kan walsimu taanaan imaammatni alaa hordofamuu malu qajeelaa deema. Imaammata biyya alaa jechuun ammoo fedhii biyya keessaa eeguu jechuu waan ta’eef, cimsaa deemuunn dirqama gaggeessitoota biyyaati jedhu.
Sirnoota darban keessa galmi ykn fedhiin siyaas-dinagdee tokkummaa biyyattii eegsisaa waan hinturreef, imaammata haajaa alaa hordofamaa turerraa hawaasni bal’aan fayyadamaa akka hinturre dubbatu. Hoggantootniifi gaggeessitootni turan fedhii isaanii guuttachuuf malee fayyadamummaa ummataaf guutummaan guutuutti hojjechaa waan hinturreef, hawaasni idil-addunyaa biyyattiirraa abdiifi amantaa akka hinqabaanne danqaa ta’aa turuusaas eeru.
Siyaasni-dinagdee addunyaa kanaa wayita ilaalamu naannolee(regions) saffisaaan guddachaa jiran duuba biyyootni guddatan jiraachuu ibsu. Kunis, imaammatni alaa keessoo biyyattiirra darbee akka naannootti faayidaas ta’e dhiibbaa kan qabudha.
Kunimmoo Itoophiyaan humna siyaasaafi dinagdeeshee walsimsiistee deemuunn dirqama ta’uusaa kan agarsiisudha. Fulduratti garuu humni aangoo siyaas-dinagdee biyya tokko qofaasaatti jijjiirama fiduu akka hinndandeenye hubatamu qabas jedhu. Yunivarsiitii Finfinneetti Doktar Mulugeetaa Dabbabaa ammoo Barsiisaa saayinsii siyaasaati. Akka isaan jedhanitti, imaammatni alaa milkaa’uu kan danda’u nagaafi tasgabbiin biyya keessa yoo jiraateedha.
Mootummaan biyya nagaa qabdu qabatee hojii dippilomaasii hojjechuu danda’a malee biyya jeequmsaan guutamteefi olaantummaan seeraa hinmirkanoofne qabatee socho’uun gaara dhiibuudhaa, jedhu. Imaammatni alaa biyyattiin hordofaa jirtu fooyya’aa jiraatullee mootummaan humna siyaasaafi dinagdee biyya keessaa walsimsiisuuf yeroo dheeraa kan barbaadu ta’uus ibsu.
Wayita ammaa Itoophiyaa keessatti hunduu siyaasarratti milkaa’uuf xiyyeeffatee hojjechaa kan jiru yoo ta’u, misoomni hawaas-dinagdee garuu waan dagatame fakkaataa jedhu. Kunimmoo lammiileen biyyattii marti ijaarsaafi egeree biyyaarratti yaada faffaca’aa qabaachuusaanii kan mul’isu waan ta’eef, fooyya’uu akka qabu gorsu.
Mootummaa jijjiiramaa kan tumsuuf illee hundarra humna hawaas-dinagdee, sochii siyaasaa waliin walsimsiisuun dirqama ta’uusaas ibsu. Kana ta’uu baannaan maraammartoo keessaa bahuu hindandeenye keessa lixuu dandeenyaa jedhu.
Imaammata alaa milkeessuufis dura mana keessaa kosiin qulqullaa’uu qaba kan jedhan Doktar Mulugeetaan, biyya nagaa qabdu uumuuf walta’insaan hojjechuun murteessaadha. Humni siyaasaafi dinagdee biyya keessaa walsimachuun kan deemu yoo ta’e beekamtiifi aangoon biyyoota gaanfa Afrikaas akkasuma jabaachaa deema.
Dinagdeen biyya keenyaa tirataadha yoo ta’e garuu furmaata biyyaas ta’e kan naannawaa fiduun waan hinyaadamneedha. Kunimmoo imaammatni alaa tika biyyaalessarratti hirkataa ta’uusaas kan mul’isu ta’uusaati.
Bariisaa Bitootessa 13/2011
Takkaalliny Gabayyootiin
9 Comments to “Imaammata alaa tika biyyaalessaa wajjin walsimsiisuu”