Siiqqee

Siiqqeen hiikaa hedduu qabdi. Siiqqeen ulee qal’oo dubartootni qabatanidha. Ulee ulfinaati. Handhuura intalaatiif guyyaa cidhashee kan kennamuudha. Siiqqeen mallattoo ulfinaafi aangoo dubartummaati. Uleen kun immoo kan tolfamtu muka waddeessaarraa yoo ta’u,  dhadhaafi... Read more »

‘Abeebee Suuq’ maaliif jedhame?

Magaalaa Finfinnee, fuuldura Imbaasii Ingiliizii bakki ‘Abeebee Suuq’ jedhamuun beekamu ni jira. Bakka kana namoonni naannawichaa maaliif akka jedhame yoo gaafattan namicha Guraagee tokkotu asii suuqii qaba ture, isumaan waamamee hafe jedhu.... Read more »

Irreechaaf eenyurraa, maaltu eegama?

Jiraattonni Finfinneefi jiraattonnishii ayyaanicha akka qopheessummaatti otoo hintaane abbummaan fudhachuu Jiraattonni uffannaa aadaa, tapha, afaaniifi aadaasaanii ibsuun wajjummaan bahanii uumaa galateeffachuu, gammachuu, jaalala, obbolummaafi nageenya faarfachuu Nageenya naannawasaanii eeguu, mirkaneessuu, qaamolee tasgabbii... Read more »

Holqa Mana Waaqaa, Madda Walaabuutti

Godina Baalee, Aanaa Madda Walaabuu, Ganda Liqimsaa Bokoree, bakka iddoo addaa Haroo Wacaraa jedhamutti holqi uumamaa kan seensawwan (balbaloota) 47 qabu qorannoodhaan argameera. Holqi kun bara durii nama maqaansaa Muudee Galchuu jedhamuun... Read more »

Maaliif Daawuroo jedhame?

Maxxansa kanaan gara Naannoo Ummatoota Kibbaa yaadaan walgeessinee waa’ee maalummaa moggaasa ‘Daawuroo’fi haala naannawichaa gabaabinaan walhubachiisna. Akka kitaabni, “Seenaa Ummata Daawuroo hanga bara 1983tti” jedhamu ibsutti, Daawuroon maqaa bakkaafi ummatoota naannawicha jiraataniiti.... Read more »

“Diina kee jaaladhu waan jedhamuufin si dhungadhe”

Haadha warraafi abbaa warraatu yeroo baay’ee walii hingalle. Abbaan warraa yeroo ba’ee yemmuu galu haadha warraasaa ifachuu, arrabsuufi ildiimuun (dalga ilaaluun) gochasaa guyyuu ture. Isheenis dubbiidhaan tuqachuun amala ta’eeraaf. Rakkoosaanii kan furachuuf... Read more »

Waa sadii walfakkatuu walitti firoomsi

Nama kaayyoo hinqabneefi konkolaataa fireeniin cite lamanuu deemuu  malee gara itti deeman hinbeekan. Sobduufi gingilchaan yaasuu malee yeroo yaasan hinbeekan. Albaadhessiifi waraabessi nyaachuu malee mi’aasaa hinbeekan. Nuu haa bararuu Waaqa waaqarraa cite... Read more »

Gatii waliin ooduu

Abbaan warraafi haati warraa waan waliitti bu’aniif waliin oodu. Lamaanuu callisa dheeraa keessa waan seenaniif yaadaan liqimfamaniiru. Callisa hamaa kana cabsuun lamaanittuu mo’amuu ta’ee waan itti mul’ateef akkuma waliin oodanitti sa’aatiin hirriibaasaanii... Read more »

Hubadhu

Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti! Tattaaffii jireenya kee fooyyessuuf taasiftu keessatti kufaatiiwwan simudatan kufaatii osoo hintaane, akeektuu milkaa’ina tattaaffii keetiiti! Addunyaa tanarratti... Read more »

Maaliif Asoosaa jedhame?

Asoosaan magaalaa guddoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz yoo taatu, Finfinneerraa gara Itoophiyaa Lixaatti kiiloomeetira 667 fagaachuun argamti. Godinaalee Oromiyaa Lixaa lameen (Wallagga Bahaafi Lixaa) waliinis kan waldaangessan waan ta’eef, jiruufi jireenyi... Read more »