About

Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa:- Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa jaarmiyaa miidiyaa mootummaa bara 1933 hundaa’eedha. Dhaabbatichi torbanitti al tokko guyyaa Jimaataa Gaazexaa Afaan Oromoo “Bariisaa”, Amaariffaan Gaazexaa “Addis Zaman” guyyuudhaan, torbanitti guyyoota jahaaf Ingiliffaan Gaazexaa “Z Itoophiyaan Heeraaldi, Arabiffaan Gaazexaa “Al-Aalam” akkasumas ji’oota lamatti al tokko Barruu “Zaman” jedhamu maxxansiisa. Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa jaarmiyaa hojjettoota 300 ol qabuufi galii ofiisaatiin buluudha.