Gatii waliin ooduu

Abbaan warraafi haati warraa waan waliitti bu’aniif waliin oodu. Lamaanuu callisa dheeraa keessa waan seenaniif yaadaan liqimfamaniiru. Callisa hamaa kana cabsuun lamaanittuu mo’amuu ta’ee waan itti mul’ateef akkuma waliin oodanitti sa’aatiin hirriibaasaanii qaqqabe. Garuu akka tasaa inni waa yaadate. Innis walga’iirratti hirmaatu waan qabuuf ganamaan balali’uu qabaachuusaati.

Hirriba waan jaalatuuf ganama ganama akka hojii deemuuf haadha warraasaatu dammaqsa. Haaluma kanaan afaaniin  dubbachuun du’a ittifakkaatee, “Boru gara biyya alaa waanin deemuuf akka balaliin na jalaa hinbaaneef adaraa sa’aatii 11:00 irratti na dammaqsi” jedhee  waraqaarratti barreessee bakka isheen agartu kaa’eefii otoo homaa hindubbatiin rafe.

Ganama oggaa hirribaa ka’u ganama keessaa sa’aatii 3:00 ta’ee balaliinis walga’iinis jala bahe. “Akkasitti cimsee akka na dammaqsituu ishee akeekkachiisee akkamitti na hindammaqsine” jedhee daran aare. Oggaa sireerraa ka’u waraqaa wayii komadiinoorraa argatee fudhee ergaa akkana jedhu dubbise, “Sa’aatii 11:00 guuteeraa akka balaliifi walga’iin si jala hinbaaneef ka’i”.

Egaa eenyu kan dogoggore? Kamtus sirriidha? Gatii waliin oduu hubattanii?

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *