Hubadhu

  • Nama kabajuun mallattoo sodaa ykn lugnummaa osoo hin taane, bilchina sammuu fi dandeettii fageessanii yaaduuti!
  • Tattaaffii jireenya kee fooyyessuuf taasiftu keessatti kufaatiiwwan simudatan kufaatii osoo hintaane, akeektuu milkaa’ina tattaaffii keetiiti!
  • Addunyaa tanarratti harreen akka namaatti yaadu jiraachuu baatus, namni akka harreetti yaadu hindhabamu!
  • Akka addunyaatti yaadii, akka naannawaatti hojjadhu!
  • Dhalli namaa wanta haaraa argannoodhaan yoo uumu (kalaqu) kan nama gammachiisu yoo ta’u, garuu ofiisaatii uumamuu (kalaqamuu) yoo irraanfatu immoo kan nama gaddisiisuudha!
  • Kan nama qaanessu ba’aa guddaa sammuurratti baachuu osoo hintaane, sammuu hin yaanne baachuudha!
  • Yoo rakkoon wayii si mudate waa’ee rakkoo si mudatee sanii yaaduu osoo hintaane, akkaataa   rakkoo simudate san keessaa itti baatu yaaduu qabda!
  • Osoo dhugaan kophee hingodhatin, dharri addunyaa naannofti!
  • Mucucaattee dugdaan yoo kufte balleessa ta’uu hindanda’u, balleessaan kee ta’uu kan danda’u kuftee yoo achitti hafteedha!
  • Walbeekuurra, walii beekuu wayya!
  • Bishaan kadhaan argame dheebuu nama hinbaasu!
  • Sareen yeroo hunda duttu akka hinbirmanneef of gooti!
  • Kan nama nyaatu dukkana osoo hintaane, wanta dukkana keessa jiruudha!
  • Irra caalaatti kan dinqisiifatamuu qabu namoota addeessarra qubatan osoo hintaane, namoota   akkaataa isan addeessarra itti qubatan barsiisaniidha!
  • Addunyaan tun sirraa waan tokko eegdi waan ta’eef, waan gaarii tokko hojjadhu!

Maddi: Barruu ayyaana waggaa 50fa Mana Barumsaa Caboo Wancii sababeeffachuun qophaa’e

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *