Shawaal Iid: Ayyaana tokkummaafi obbolummaa ummatoota cimsu

Jiraattonni naannoo Hararii, keesuummoonni naannolee oollaa naannichaarraa, naannolee biyyattii biroofi biyya alaatii dhufan hirmaachisuun Roobii darbe Ayyaanni Shawaal Iid sirna ho’aadhaan kabajameera. Sirnicharratti agarsiisiwwan adda addaa dhihaatanii akka ayyaanichi caalaatti miidhagu taasisaniiru.... Read more »

Aartiin daawwitii dhugaa ummata keessa jiru baasee agarsiisuufi bashannansiisaa barsiisuudha

Amaataroonni 150 marsaa saglaffaaf akaakuuwwan aartii adda addaatiin Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti ji’oota sadiif leenji’aa turan Wiixata darbe eebbifamaniiru. Amaataroonni kunneen ogummaa aartii fiilmii, shubbisa, muuziqaa, weedduu, qofdubbii (Monologue), Sululukii, walaloo, bobbocaa,... Read more »

 Heera, aadaafi duudhaa ganamaa Oromoofi qabiyyeewwansaanii

Kutaa 3ffaafi isa xumuraa Meedhicha ittikaa’uu Erga sirni gumaa kafalamee dhume booda meedhichi sangaa baalaa qalamu sanarra miila bitaarraa baasuun nama harka danawettii kaa’ama. Kan miila mirgaarraa baafamemmoo nama namni irraa du’e... Read more »

 Heera, aadaafi duudhaa ganamaa Oromoofi qabiyyeewwansaanii

Kutaa 2ffaa Gumaa daalacha jechuun maal jechuudha? Akkuma jalqaba kaafame imimmaan haqataa xumureen gaariin ambaa (jaarsa ambaa) faajjii qabatee gaaddisatti jidduu taa’ee beellama qabamerratti gumaa kafaluun araara buusuuf waa’ee araaraa dubbachuu eegala.... Read more »

 Heera, aadaafi duudhaa ganamaa Oromoofi qabiyyeewwansaanii

Kutaa 1ffaa Oromoon heera tumatee yeroo dheeraaf ittiin bulaa tureefi ammas ittiin walaraarsaa jiru qaba. Heerri Oromoon ittiin walbulchaa tures sirna Gadaa jedhama. Sirni Gadaa damee tumaalee heeraa guguddoo qabu keessaa tokko... Read more »

Duudhaaleefi sirnoota walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujii

Oromoon ummata afaan tokko dubbatu, aadaa walfakkaataa qabu, daangaa tokko keessa waliin jiraatu, gaariifi hamaa waliin dabarsu, jireenyisaa kan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaas walitti hidhaminsa kan qabuudha. Ummatni kun dhimmoota adda addaarratti ilaalchafi... Read more »

Iddoowwan hawwata turistii Daawuroofi aadaa sabichi ittiin beekamu keessaa muraasa

Daawuroon godinaalee Bulchiinsa Naannoo Ummattootta Itoophiyaa Kibba Lixaa ja’an keessaa tokko yoo ta’u, aanaalee 10fi bulchiinsota magaalaa lama qaba. Maagaalaan Tarcaa ammoo magaalaa guddittii naannichaafi godinattii taatee tajaajilaa jirti. Godinni Daawuroo iddoowwan... Read more »

 Aadaa Oromoo Gujii keessatti dubartiin woyyuu

Sirni Gadaa Jarmiyaalee hawaasaa umriidhaan, korniyaan sadarkaa barnootaafi ulaagaa birootiin hinqoodu. Garuu Jarmiyaalee kunneeniif gaheefi ittigaafatamummaawwan garagaraa kenna. Ulfina dubartiif kennamurraa dubartii dura laga hince’an. Duudhaa sirna Gadaatiin dubartootnis ta’e dhiirotni waan... Read more »

Injifannoo Adwaarratti duudhaa kabaja fardaafi gumaachasaa

Guuboon jechaa Afaan Ingilizii Oksifoordi jecha Farda jedhu beeylada manaa biqiloota sooratu, qaamaan guddaa, kottee jabaa qabu, garmaamu, ba’aa baachuufi gaarii harkisuun tajaajila hawaasaaf kennu jedhee hiika. Walittidhufeenya Oromoofi farda gidduu jirurraa... Read more »

 Sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gujiifi duudhaaleesaa

Ardaa jechuun bakka namoonni quttuma jireenyaa, fooraa ykn horaa, qachaa sirna Gadaa, mana jireenna dhunfaafi kkf irraa qubatanii turan jechuudha. Gabalaan (area) Gadaan itti qachisee ykn qubatee ittijilifatu ardaa jedhama. Bariisaanis odeeffannoo... Read more »