Siiqqeen hiikaa hedduu qabdi. Siiqqeen ulee qal’oo dubartootni qabatanidha. Ulee ulfinaati. Handhuura intalaatiif guyyaa cidhashee kan kennamuudha. Siiqqeen mallattoo ulfinaafi aangoo dubartummaati. Uleen kun immoo kan tolfamtu muka waddeessaarraa yoo ta’u, dhadhaafi ibiddaan qaqamtee halluu magaalaa faayamtee qophoofti.
Siiqqee kennaa haati intala heerumtu guyyaa cidha kennitudha. Kana jechuun intalli dalagaashee ykn aangooshee sirnaan fayyadamuu eegalti. Siiqqeen aangoo dubartoota kan kabachiiftu qofa osoo hintaane, calaqqee itti fufinsa hormaataati. Ulee qophoofte akka kennaatti haati intala isheef kennitu kun akkatti hormaata calaqqisiisu qaba.
Kunis yeroo siiqqeen kun intalaaf kennamtu haati fiixee tokko qabattee intalatti hiixatti. Intalli immoo fiixee tokko qabachuun harkaa fudhatti. Kunis mallattoo itti fufinsa hormaataa haadhafi intalaa kan calaqqisiisudha.
Humna Siiqqee
Siiqqeen guyyaa cidhaa misirroo heerumtuuf erga akka kennaatti kennamee qabattee yeroowwan gara garaatti dhimmoota addaa addaatiif itti fayyadamti. Kunis yeroo ayyaana irreechaa, yeroo dubartoonni ateetee facaafatan, dubartii maseenteef kadhachuuf, yeroo ongeen dheeratuufi caamsaan hammatu waaqa kadhachuuf dubartoonni itti fayyadamu.
Kana malees, dhimmi guddaan siiqqeen ba’uuf yeroo wal dhabdeen hawaasa gidduutti uumamu seerri waaqaafi safuun hawaasaa cabu siiqqeen humnashee mul’isuun waldhabdee uumame keessatti qooda fudhachuun araara buufti. Akkasumas, seera waaqaafi safuu hawaasaa eeguun humnashee mul’isti.
Haala kanas, iyya siiqqeen walwaamuun hanga godaansa siiqqeetti dubartootni aangoo siiqqee mil’isuun itti fayyadamu. Dubartoonni siiqqee qabatanis jilawwan adda addaarratti ba’uun mallattoo heerumuu yookaan bultii ijaarachuu isaanii mul’isu. Kunis hawaasa keessa jiraatan keessatti kabaja qabaachuu isaanii kan mul’isudha.
Abaarsa Siiqqee
Sirna Gadaa keessattis ta’e jiruufi jireenya ummata Oromoo keessatti eebbiifi abaarsi waliin deemu. Wantoonni gaariin akkuma jiran wantootni badaanis ni uumamu. Ummanni Oromoo wantoota gaarii jiruufi jireenya hawaasa deeggaran eebbisuun yoo itti fufsiisan, wantoota badaa uumamaan immoo abaaruun balleessu. Dubartoonnis, wantootaa badaa uumamee arganiifi nama seera Waaqaa cabse ni abaaru.
Abaarreen kunis abaarsa ilmaa hanga sanyii torbatti darbu danda’a jedhamee waan amanamuuf abaarreen itti darbuun dura badii dalageefi seera cabse amanuun adabbii itti muramu fudhachuun araarrii bu’a kaanis kanarraa barachuun badii dalaguu, seeraafi safuu cabsuurraa of qusata.
(Darajjee Fayyisaa, Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Aanaa Dagamirraa)
Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012
One Comment to “Siiqqee”