“Diina kee jaaladhu waan jedhamuufin si dhungadhe”

Haadha warraafi abbaa warraatu yeroo baay’ee walii hingalle. Abbaan warraa yeroo ba’ee yemmuu galu haadha warraasaa ifachuu, arrabsuufi ildiimuun (dalga ilaaluun) gochasaa guyyuu ture.

Isheenis dubbiidhaan tuqachuun amala ta’eeraaf. Rakkoosaanii kan furachuuf jaarsummaan heddu taa’ameera; garuu fala hinarganne. Haala kanaan waggoota dheeraaf waliin jiraatanii ilmaan illee horataniiru.

Gaaf tokko garuu waan isheen argitee hinbeeknetu ta’e. Abbaan warraa gaafa alaa galu akka durii arrabsuurra, fuula ifaadhaan nagaa ishee gaafate seene. Utuu kun ishee dinquu itti siqee hammatee addashee dhungate. Baay’ee dinqamte, gammaddes. Maalirraa ka’ee akka jijjiirame baruufis hawwite.

Nagaa gaafannaafi dhungannasaatiif dachaadhaan deebisteefi buna danfistee irbaata dhiheessite waliin gammadaa nyaatan. Garuu sababni jijjiiramuusaa waan gaaffii itti uumeef maalirraa ka’ee aluma tokkotti akka jijjiirame gaafatte. Innis, “Har’a abbaa amantii tokko argeen ture. Innis diinakee akka ofii keetti jaalladhu” waan naan jedheefin hammadhee si dhungadhe jedheen.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 25/2011

Recommended For You

2 Comments to ““Diina kee jaaladhu waan jedhamuufin si dhungadhe””

  1. Pingback: browse this site
  2. Pingback: เติม psn

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *