Waa sadii walfakkatuu walitti firoomsi

  • Nama kaayyoo hinqabneefi konkolaataa fireeniin cite lamanuu deemuu  malee gara itti deeman hinbeekan.
  • Sobduufi gingilchaan yaasuu malee yeroo yaasan hinbeekan.
  • Albaadhessiifi waraabessi nyaachuu malee mi’aasaa hinbeekan.

Nuu haa bararuu

  • Waaqa waaqarraa cite —-Bakakkaa
  • Muka mukarraa cite —–     Murxuxxee
  • Nama namarraa cite —–   Maraatuu
  • Lafa lafarra   cite     ——    Hallayyaa

Raajidha

  • Lammin lammii hinfixu kan muka qottoo raajiidha.
  • Abbaan warraa hinquphanuu kan saree kormaa raajiidha.
  • Dubartiin dhala hinkakattu kan gaangee dhaltuu raajiidha.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *