Irreechaaf eenyurraa, maaltu eegama?

  • Jiraattonni Finfinneefi jiraattonnishii ayyaanicha akka qopheessummaatti otoo hintaane abbummaan fudhachuu
  • Jiraattonni uffannaa aadaa, tapha, afaaniifi aadaasaanii ibsuun wajjummaan bahanii uumaa galateeffachuu, gammachuu, jaalala, obbolummaafi nageenya faarfachuu
  • Nageenya naannawasaanii eeguu, mirkaneessuu, qaamolee tasgabbii wajjin hojjechuu
  • Ummata ayyaanicha kabajuuf naannawawwan adda addaarraa dhufan gammachuudhaan simachuu, sirnaan keessummeessuuf qophaa’uu, (keessumaa jiraattonni daldala kamuurrattuu bobba’an ummata miliyoona shan caalu keessummeessuuf qophaa’uufi fayyadamoo ta’uu qabu).
  • Irreechi ayyaana dhiifamaafi araaraati. Namoonni ayyaanicha dura wallolaniifi walitti mufatan araaramuu qabu. Jibbaafi miira haaloo bannaa keessaabahuu qabna. Bakkasaatti duudhaalee gaariin akka dagaagan gochuu qabna.
  • Abbootiifi dhaabbileen amantii, waldaaleen sivikii, jaarsoliin biyyaafi artistoonni hordoftootasaaniif duudhaa ayyaanichaa ibsuu qabu.
  • Paartiileen siyaasaa, dhaabbileen miidiyaafi aktiivistoonni ayyaanichi ayyaanaa aadaa ta’uusaafi ilaalcha siyaasaa kamuurraayyuu bilisa ta’uusaa hubatanii hubachiisuun irraa eegama. Qaamoleen kamuu ayyaanicha faayidaa ykn waltajjii siyaasaatiif oolfachuurraa of qusachuu qabu.
  • Qondaaltonniifi hoggantoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiran hubannoo hawaasaa cimsuudhaan ummata waltaasisaniifi qindeessanii ayyaanichi haala kallattii gaarii magaalattii ijaaruu danda’uu gochuurratti ittigaafatama olaanaa qabu.
  • Jiraattonni magaalattii qajeelfamootaafi beeksisoota adeemsa ayyaanichaa ilaalchisuun kennaman hordofuufi hojiirra oolchuu.
  • Keessummoota ayyaanicha kabajuuf fagoorraa dhufaniif gargaarsa gochuu. Fakkeenyaaf karaa agarsiisuudhaan, kanneen dhukkubsatan gara dhaabbata fayyaa geessuufi kkf
  • Konkolaachistoonni qajeelfama mootummaarraa kennamu kabajuufi ofeeggannoo taasiisuu
  • Haaloonni seeraan alaa yoo mudatan qaamoota seeraaf beeksiisuu.
  • Irreechi ayaanna sammuu qulqulluufi nagaan kabajamudha. Irreecha kabajuuf alaafi keessaan qulqulluu ta’uun dirqama. Jibba, hammeenyaafi booree qabatanii irreecha hindhaqan. Kadhannaafi galatas Waaqayyoo hindhagahu. Kanaafi, irreeffannaa  dura kan wallolee ni araarama, kan garaa walhanqate dhiifama walii godha, kan miidhe beenyaa kanfaluun irraa eegama. Walitti bu’isawwan uumaman hiikamuu qabu. Kan balleesse dhiifama gaafata, dhiifamniis ni godhamaaf. Kan jallate sirraa’uu, kan cabees fayyuu qaba. Irreeechi ayyaana jaalalaa, araaraa, obbolummaa, dhiifamaa, nagaa, abdii, badhaadhinaafi tokkummaati. Qulqullummaadhaan gara yeroo gaariitti cehuu gaafata.
  • Booreefi haaloo, jibbaafi lola, qabatanii cehuun hindanda’amu. Kanaafi irreecha kabajuun dura  walittii bu’iisi namoota, oollaa,gareefi gosa gidduu jiru araara, nagaafi dhifamaan hiikamuu kan qabu. Kana jechuun jibba, haaloofi booree qabatanii irreechaaf malkaafi tulluutti bu’uun hindanda’amu. Walitti bu’iinsonni hundi dhiifamaan hiikamuu qabu. Kun yemmuu ta’uudha Waaqayyoo kadhannaafi galata kan dhagahu. Kun yoo ta’uudha abdiin kan uumamuu, kan bara haaraatti cehamu.
  • Nagaa, obboolummaa, walkabajuu, waldanda’uun, gaarummaafi walgargaaruun qajeelfamoota irreechaati. Namoonni amala akkanaa hinqabne Waaqayyo fuuldura dhaabachuu hindanda’an.

Irreechi garaagarummaa gidduutti tokkummaa ijaara

Ayyaana irreechaarratti Oromoonni hundi adda addumaa ilaalcha siyaasaafi amantii tokko malee ni hirmaatu. Ayaannicharratti garaagarummaan akka jabinaatti jaalatamee, tokkummaafi Oromummaan weeddifamaa, faarfamaa, ijaaramaa cima. Muuxannoos walii hiru. Dhimmoota obbolummaa, waldanda’uu, tokkummaafi jaalalaarratti waadaa waliigalu.

Ittifufa…

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

One Comment to “Irreechaaf eenyurraa, maaltu eegama?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *