Maaliif Daawuroo jedhame?

Maxxansa kanaan gara Naannoo Ummatoota Kibbaa yaadaan walgeessinee waa’ee maalummaa moggaasa ‘Daawuroo’fi haala naannawichaa gabaabinaan walhubachiisna.

Akka kitaabni, “Seenaa Ummata Daawuroo hanga bara 1983tti” jedhamu ibsutti, Daawuroon maqaa bakkaafi ummatoota naannawicha jiraataniiti. Daawuroo jechuun ummata goota, cimaa, kan hinsi’atamne jechuudha. Kanumarraa ka’uun godinichiifi ummanni godinichaa maqaa kanaan waamamu. Afaan ummata Daawuroo Daaworsum yoo jedhamu, maatii afaanota Oomootikiti.

Daawuroon Naannoo Ummatoota Kibbaatti maqaa godinaati, godinaalee naannichaa keessaa tokko jechuudha. Godinichi Itoophiyaa kibba lixaa, lageen Oomoofi Gojab jidduutti argama. Godinicha bahaan godinaalee Walaayittaa, kaaba bahaatiin Kambaataafi kaabaan Jimma (Oromiyaa) akkasumas lixaan Aanaa Addaa Kontaatiin daangeffama.

Bal’inni lafa godinichaa waliigalaan kiiloo meetir iskuweerii 4403 yoo ta’u, aanaalee shan Toocaa, Maaraqaa, Loomaa, Isaaraafi Geenaa Boosaa akkasumas bulchiinsa magaalaa tokko qaba. Gandoonni baadiyyaafi magaalaa 178fi manni qopheessaa tokkos ni jiru.

Magaalaa guddoon Godina Daawuroo, Tarcaan Finfinneerraa karaa Walaayittaa Sooddootiin  kiiloo meetira 498, karaa Jimmaa 478 akkasumas Hawaasaarraa 280 fagaattee argamti.

Akka ragaa bara 2003tti godinicha keessa ummanni kuma 552fi 435 kan jiraatu yoo ta’u, kanneen keessaa harki 96.5 hojii qonnaarratti, kan hafe daldalaarratti bobba’eera.

Charinnat Hundeessaatiin

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *