Holqa Mana Waaqaa, Madda Walaabuutti

Godina Baalee, Aanaa Madda Walaabuu, Ganda Liqimsaa Bokoree, bakka iddoo addaa Haroo Wacaraa jedhamutti holqi uumamaa kan seensawwan (balbaloota) 47 qabu qorannoodhaan argameera.

Holqi kun bara durii nama maqaansaa Muudee Galchuu jedhamuun sirni waaqeffaanaa gaggeeffamaa akka tureefi holqichi maqaa “MANA WAAQAA” jedhamuun akka wamamaa ture maanguddoonni dubbifne ni ibsu. Akka isaan jedhanitti mana waaqaa jechuun mana Waaqni ijaare jechuu ta’uus nuu himaniiru.

Holqi balbaloota 47 kanneen tarree galan kan qabu yommuu ta’u kanneen keessaa doo’ii isa tokko keessatti taasifameen bocawwan ajaa’ibsiisoon akka argamu hubatameera. Kunis boca Odaa, boca Galma bal’aa, boca Waancaa, boca Mucha saawwaniifi guntuta dubartootaa fakkaatu hedduu kan qabuudha.

Bocni muchaafi guntuta shamarranii fakkaatu halluuwwan magariisa (‘sprite’), adiifi diimaa qaban copha imimmaanii fakkaatu dhimmisu. Keessii holqa kanaa hangam akka fagaatu imalli sa’aatii 3:00f taasifamus dukkana holqichaa sodaarraa kan ka’e xumurarra gahuun hindanda’amne. Keessi Holqichaa karaa (‘block’) hedduu kan qabuudha. Bakki holqi kun itti argamu bosona uumamaan uwwifamee kan nama hawwatuudha.

Waajjira Aadaa fi Turizimii Aanaa Madda Walaabuutti oggeesii Godambaa, Obbo Haydaraa Ibraahim qorannoo haaraa Holqa Mana Waaqaa kun akka argame ibsaniiru. Qorannoon gadifageenyaan akka irratti taasifamus ibsaniiru jechuun kan gabaase Waajjira Dhimmoota Kominikeeshinii Aanaa Madda Walaabuuti.

Kan qindeesse Charinnat Hundeessaa

Gaazexaa Bariisaa Fulbaana 10/2012

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *