
Itoophiyaatti matadureewwan misoomaafi dimokiraasiirratti dubbatan hedduun osoo jiruu rakkoon nageenyaa har’as ajandaa ijoo ta’uun taate boquu nama buusudha. Jijjiiramaa as yeroo muraasa keessatti milkaa’inoota ajaa’ibaa gonfachuun danda’amus rakkoon nageenyaa ija namoota baay’ee... Read more »

Gaaffii mindaafi faayidaa ogeessonniifi hojjattoonni fayyaa Itoophiyaa tibbana dhiyeessaa turaniin walqabatee sirna fayyaa biyyattiitiif qormaata ta’aa tureera. Gama tokkoon ogeeyyiin fayyaa gaaffilee ijoodha jedhan 12 tarreessuun ji’a tokkoof erga mootummaa gaafataa turaniin... Read more »

Mootii hattuu tokkotu ture, ilmaansaa miti sareensaayyuu foon malee waa biraa hin nyaatani. Maatiin mootichaas, sareenis horii harkaqal’eeyyii saamamee guyyuu qalamuufiin of bokoksanii deeffachaa yoo deeman mul’atu. Maanguddoon biyyaa taatee kana ija... Read more »

Sirnoonni darban dhagaa bu’uuraa kaa’uun ala pirojektii dhaloota egereef bu’uura ta’e lafa qabsiisuufi yeroo qabameef keessatti qulqullinaan xumuranii tajaajilaaf oolchuurratti hanqinniifi komii guddaan tureera. Harkifannaa pirojektotaatiin walqabatee fedhiin misoomaa lammiilee haalaan mirkanaa’uu... Read more »

Komishiniin marii Biyyaalessaa Itoophiyaa waggoota lamaan darban kutaalee biyyattii adda addaa keessatti ajandaawwan ummanni gaafatu, dhimmoota marii biyyaalessaa keessatti hammatamuu qabanirratti hojii ajandaawwan adda baasuu hojjechaa jira. Sochiiwwan hanga ammaatti gama dhimmoota... Read more »

Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad tibbana biyyoota Faransaay, Xaaliyaaniifi Vaatikaanitti daawwannaa adeemsisuun isaanii ni yaadatama. Daawwannaan isaanii kunis keessumaa walitti dhufeenya biyyootaa cimsuurra darbee muuxannoo biyyoonni kunneen qaban qooddachuuf carraa kan... Read more »

Haati warraa ulfooftee ciniinsuun daran itti hammaannaan abbaan warraa waan falatu dhabee olii gadi fiigee watwaatus, hidhii xuuxuun ala namni watwaannaasaatiif deebii kennu dhabame. Wayita inni abdii kutannaa keessa jirutti maanguddoon tokko... Read more »

Aadde Ayishaa Jibriil Godina Wallagga Bahaa, Aanaa Billoo Boosheetti dhalatan. Barnootasaanii sadarkaa tokkoffaa achuma bakka dhalootasaaniitti xumuranii barnoota sadarkaa lammaffaaf gara Magaalaa Bishooftuu deeman. Akkuma barnoota sadarkaa lammaffaa xumuraniin Kolleejjii Barsiisootaa Adaamaa... Read more »

Workishooppiin ji’oo paarkiifi ji’oo tuuriizim kan biyyoota Afrikaa Bahaa 10 hirmaachise Caamsaa 4fi 5 Finfinneetti kan adeemsifamu ta’uu Ministirri Turizimii Aadde Salaamaawit Kaasaa ibsaniiru. Bakkeewwan hawwata tuuriizimiin teessuma lafa bu’uureffatan kunneen sektara... Read more »

‘Masoob’ kennaa tajaajilaa iddoo tokkooti. Kennaa tajaajiloota mootummaa seektaroota garaa garaatiin raawwatamu gurmeessee bifa waldubbiseen akka hojjatamu kan taasisuudha. Kennaawwan tajaajilaa gama mootummaatiin hawaasa biyyattiitiif kennaman kunniin qindaa’oofi mijatoo akka ta’aniif riifoormiin... Read more »