‘Abeebee Suuq’ maaliif jedhame?

Magaalaa Finfinnee, fuuldura Imbaasii Ingiliizii bakki ‘Abeebee Suuq’ jedhamuun beekamu ni jira. Bakka kana namoonni naannawichaa maaliif akka jedhame yoo gaafattan namicha Guraagee tokkotu asii suuqii qaba ture, isumaan waamamee hafe jedhu.

Dhugaan isaa garuu akkas miti. Akka Hayyuun Seenaa Obbo Alamaayyoo Haayilee jedhanitti, Miniliik sobee Abeebee kiristinaa erga kaaseen booda suuta suuta lafa qabiyyee abbaasaa duraan waraanaan qabachuu dadhabe Finfinneerraa tooftaadhaan gara kutaa biyyaa kan biraatti erganii Finfinnee dhuunfatan.

Lafti amma Imbaasiin Ingiliizii irra jiru kunis lafa tooftaa Miniliikiin, eeyyama Fitaawuraarii Abeebeetiin kenname. Naannawa lafa kanaas Abeebeen suuqii daldalaa xiqqoo akka qabu himama; moggaasni maqichaas achumarraa kan dhufeedha.

Saamraawiit Girmaatiin

Gaazexaa Bariisaa Onk 29/2012

Recommended For You

One Comment to “‘Abeebee Suuq’ maaliif jedhame?”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *