Maaliif Asoosaa jedhame?

Asoosaan magaalaa guddoo Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Beenishaangul Gumuz yoo taatu, Finfinneerraa gara Itoophiyaa Lixaatti kiiloomeetira 667 fagaachuun argamti.

Godinaalee Oromiyaa Lixaa lameen (Wallagga Bahaafi Lixaa) waliinis kan waldaangessan waan ta’eef, jiruufi jireenyi sabootaafi sablammoota Asoosaa keessa jiraatan keessumaa magaalota Najjoo, Beegii, Gimbiifi Naqamteerratti kan hirkateedha. Garuu Asoosaa jechuun maal jechuudha ykn Asoosaa maaliif jedhame?

Akka ragaan biiroo dhimmoota kominikeeshinii mootummaa naannichaarraa argame maanguddoota Beenishaangul Gumuz wabeeffachuun mul’isutti, magaalittiin moggaasa maqaa, ‘Asoosaa’ jedhamu osoo hinargatiin dura ‘Asoosoo’ jedhamtee waamamaa turte. Asoosoo jechuun ammoo Afaan Bartaatiin goondaa gurmuudhaan deemu yoo ta’u, kunis laga Garii jedhamu wajjin kan walqabatuudha.

Lagichis guddaa waan tureef jiraattotni magaalittii haalaan itti fayyadamaa turaniiru. Wayitii bonaa garuu hanqina roobaarraa kan ka’e lagichi waan gogeef magaalittiin gurmuu goondaatiin weeraramuushee bal’inaan ni dubbatama. Kanarraa kan ka’es maanguddootni Bartaa naannawicha jiraachaa turan hanga weerara Xaaliyaaniitti magaalittii ‘Asoosoo’ jedhanii waamaa akka turan himama. Moggaasni kunis barreeffamaan Biiroo Aadaafi Turizimii naannichaa keessa kaa’amuusaa hubachuun danda’ameera.

Weerara Xaaliyaanii boodas saboota Beenishaangul Gumuz shananiin (Bartaa, Gumuz, Shinaashaa, Maa’oofi Koomoo) ala sabootaafi sablammootni Itoophiyaa magaalicha keessa bal’inaan jiraachuu kan eegalan yoo ta’u, suuta suuta maqaan, “Asoosoo” jedhu gara Asoosaatti jijjiiramuu akka danda’e hubatameera.

Haa ta’u malee moggaasni maqaa, “Asoosaa” jedhu hiika Afaan Oromoo qabaachuusaas ga’eessotni Oromoo magaalittii keessa jiraatan tokko tokko ni ibsu. Asoosaa jechuun hiika, “Iddoo dhiyeenyaa ykn fagoo hintaane, ykn ammoo magaalaa itti aara galfataniidha” jedhu. Hiikni kun ammoo sirrii ta’uufi dhabuusaa hayyootni Yunivarsiitii Wallaggaa lama gaafatamanii qorannoo kan gaafatuudha jechuun deebisaniiru.

Takkaalliny Gabayyootiin

Gaazexaa Bariisaa Hagayya 18/2011

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *