Bitootessi 24 guyyaa seenaqabeessa jijjiiramni abdachiisaan itti eegalame

Shaggar: Bitootessi 24 bara 2010, jalqabbii jijjiirama siyaasaa, dinagdeefi hawaasummaan seenaa Itoophiyaa keessatti dhagaa bu’uuraa seenaqabeessa ta’uun yaadatama. Raafama siyaasaa hammaateen biyyi diigamuuf qarqara geessee mataa hoggansa jijjiiramaa Ministira Muummee Abiyyi Ahmadiin (PhD) baraaramuu qofa osoo hintaane daandii badhaadhinaa qabachuu dandeesseetti.

Har’a gaaga’ama rogawwan maraafi yaaddoon bittinnaa’uu dhidhimee abdii badhaadhinaa firii naqachuutti ce’eera. Ummatnis guyyaa hindagatamne kana kabajuuf waggaa hiriira deggersaan waadaasaa haaromsaa jira. Dilbata darbes guutuu Oromiyaatti hiriirri deggersaa kabaja guyyichaa mul’isu taasifameera. Nutis kan argamne hiriira deggersa sadarkaa Magaalaa Shaggaritti Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee taasifamerratti.

Dhiiraafi durba, jaarsaafi jaartiin osoo hinhafin roobaafi qorra jabaa keessa ummatni huccuu aadaatiin faayamee gammachuusaa ibsachaa ture. Sirba qofa osoo hintaane dhaadannoowwan “Nageenyi hundaaf hundi nageenyaaf”, “Sabdaneessummaa cimsuun biyya waloo ijaarra,”, “Itoophiyaa cimtuu obbolummaa sabdaneessarratti ijaarra”, “Humni waloo keenyaa utubaa dinagdee keenyaati” jedhamaniin fira onnachiisaa diina ammoo ollachiisaa turaniiru.

Hirmaattonni hiriirichaa suuraalee hoggansa jijjiiramaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiifi Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa qabachuun jaalalaafi kabaja qabaniif ibsataniiru. Gaachana sirnaa dabalatee qaamoleen nageenyaa jecha nageenya ummataaf roobaafi qorra keessa olii gad jechuun gatii jijjiiramaa caalaatti mul’isaniiru. Qindominni jirus nageenya har’aaf ofitti amanamummaa, isa boruuf ammoo abdii namaaf kenna.

Hirmaattonni yaadasaanii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennanis, nageenyasaaniifi hoggansa jijjiira akka qaroo ijasaaniitti akka eeggatan dubbatu. Jijjiirama argame dhamdhamachuu cinatti fuulduratti tarkaanfachiisuu dirqamasaanii ba’uuf qophiidha.

Jiraataan Kutaa Magaalaa Koyyee Faccee Obbo Qaasim Ibraahim akka jedhanitti, waggota shanan darbanitti wantootni baay’een jijjiiramaniiru. Dhiyeessiin xaa’oo duraan rakkisaa ture jijjiiramaas qonnaan bulaan guddistuu callaa fooyya’aa argatee omishaafi omishitummaasaan dabalaa jira. Bittaa guddistuu callaatiif qonnaan bulaan liqaa akka argatu haalli mijateera. Milkaa’inni argame akka cimee ittifufuufi hanqinoota mul’atan furuuf tumsa barbaachisu hunda taasisuuf qophiidha.

Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee, Aanaa Guduruurraa kan dhufe Qeerroo Gaddafaa Naannechaa gamasaatiin gama nageenyaa, dinagdeefi misoomaan jijjiirama mul’ataa jirutti gammaduu himeera. Jijjiiramichi obbolummaa sabaafi sablammoota gidduu jiru gabbisuun nageenya biyyaa cimsaa jira. Gama dinagdeetiinis qonna babal’isuun hojiiwwan guguddoon hojjetamaa jiran maqaa biyyaa jijjiiraa jira. Qeerroofi Qarreen hunda waliin ta’ee jijjiirama kana cimsuufi nageenya argame eeguuf qophii ta’uu ibseera.

Haati Siinqee Koyyee Faccee Hawwii Tuqee, hiriira deeggarsaa hawaaasni Magaalaa Shaggar taasisetti gammaduu ibsaniiru. Hiriirri deeggarsaa jiraattota magaalichaan taasifames waggoota jijjiirama as wanti dubbatame biyyattiitti qabatamaan lafarratti mul’achaa jiraachuu agarsiisa. Gama nageenyaatiin haalli fooyya’aa ta’us araarri eegalame cimee akka ittifufu dhaamanii; jijjiiramni jalqabame akka ittifufuuf ummatni mootuummaa bira dhaabbachuu qabas jedhaniiru.

Kantiibaa Magaalaa Shaggar Doktar Tashoomaa Addunyaa akka jedhanitti, Bitootessi 24 guyyaa seenaqabeessa siidaan tokkummaa, obbolummaafi walqixxummaan ummattoota Itoophiyaa itti hundeeffameedha. Guyyichi guyyaa biyya fiixee diigamuufi bittinnaa’uurraa deebisuun dhukni sirna federaalizimii sabdaneessaa itti jabaateedha. Hoggansa humni jijjiiramaa fideen rifoormii hirmaachisaa, dimokraasiifi nageenya jiruuf bu’uura ta’uun seenessa waloo cimsuun danda’ameera.

Injifannoo dippilomaasii biyya boonsu galmeessisuun danda’amuu himanii; biyya keessatti gochoota finxaaleyyii, hanna, hanqina kenna tajaajilaa, qaala’iinsa jireenyaa maqsuuf miira biyyaalessummaa qabaachuun hojii hojjetameen boqonnaa haaraan uumameera. Kanaafis, hirmaannaan qaama hundaa barbaachisaa waan ta’eef hunduu jijjiirama argame ittifufsiisuuf ga’ee irraa eegamu akka ba’uuf waamicha dhiyeessaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

Recommended For You