Waraana Saambee (1933)

Xaaliyaaniin bara 1928 biyya keenya, Itoophiyaa waraanuunshee nibeekama. Garuu gootonni Itoophiyaa tole jedhanii diina hinsimanne. Gotootni Itoophiyaa riphanii loluun (‘Guerrilla warfare’) faashistootaa Xaaliyaanii boqonnaa dhorkaniiru. Fakkeenyaaf loltoonni Leenca Gurraachaa (‘Black Lion’) jedhamanii waamaman kan ijaaraman Magaalaa Goreetti akka ture seenaan dhugaa baha.

Raas Immiruun akka isaan hogganu ta’e. Raas Immiruun bara sana qondaaltota Itoophiyaa biroo wajjin ta’uun Goree giddugala bulchiinsa Itoophiyaa godhatanii Itoophiyaa bulchaa turan. Loltootni leenca Gurraachaa jedhaman kunniin giddugala leenjii waraana Holotaarraa yeroo teessoon mootummaa gara Magaalaa Goreetti socho’uu kan dhufaniidha.

Humni kun Finfinnee bilisa baasuuf yaalee Gojabirratti diinaan rukutamuyyuu sochiisaa ittifufee ture. Akkuma beekamu gootonni Itoophiyaa aarsaa guddaa kaffalanii bara 1933 loltoonni Xaaliyaanii giddugaleessa biyyaarraa rukutamuun gara Itoophiyaa kibba lixaatti walfunaananii, walii ijaaranii socho’an kunniinis naannawa kumaatamaatti akka tilmaamaman seenaan ni ibsa.

Diinni walijaaree socho’aa ture kunis Magaalaa Goree qabatee humnasaa cimsatee lammaffaa gara giddugaleessa Itoophiyaatti deebi’uuf ture. Garuu ummatni Iluu Abbaa Boor muuxannoo diinaan hinbitamnu jedhu akaakileesaarraa dhaale bu’uura godhachuun diina dura dhaabachuuf murteeffate.

Akkuma seenaan ibsu ummatni Iluu Abbaa Boor Odaa Doggii giddugala Sirna Gadaa Salgan Iluu godhatee biyyasaa gootummaan akka bulchaa ture seenaa bal’aatu jira. Seenaa bal’aa sana amma kaasuu dhiisellee Abbaa Boor Diimaa Caaliifi Fatansaa Iluu akkamiin biyyasaanii daangeffatanii eeggachaa turan isa jedhu ibsuun yaala:

  1. Abbaa Boor Caalii Shoonoo Godina Iluu Abbaa Boor jennu kanaa Gaambeellaa, Jimma, Wallagga, Ummattoota Kibbaa wajjin daangaasaanii beekamaa godhachuun bulchaa turan. Akka diinni Salgan Iluu hinqabanneef aarsaa guddaa kaffalaniiru.
  2. Diimaa Caalii erga Abbaa Boor boqotanii booda Diimaa Caalii naannawa bara 1970 diinni Iluu Abbaa Boor weeraruuf karaa Wallagga Lixaa loltoota Miniliikiin ijaarame meeshaa waraanaa ardii Awurooppaa hidhatee dhufe dura dhaabachuun meeshaasaanii qabatanii dhufan harkaa booji’uun leeyyaasisanii deebisaniiru.
  3. Fatansaa Iluu bara 1875 diina lammaffaa ijaaramee dhufe dura dhaabachuun waraana Qarsaa Gogillaarratti gootota Iluu Abbaa Boor, Magaalaa Goreerratti qindeessuun diina akka bara sanaatti meeshaa sadarkaa olaanaan hidhatee dhufe dura dhaabatanii gootummaa ummataa Saglan Iluu agarsiisaniiru. Dirree Waraanaa kanarratti diinni humnasaa keessaafi alaan ijaarrachuun carraa injifachuu yoo argatellee gootummaan Fatansaa Iluu waraana deemsiseen iddoo guddaa qaba.

Akkuma Bakar Waaree dirree waraanaa Calanqootti aarsaa kaffalaa turan Fatansaa Iluus Oromiyaa lixaatti gootummaasaa agarsiiseera. Egaa yeroon gootummaa Caalii Shoonoo (Abbaa Boor Diimaa Caaliifi Fatansaa Iluu) kaasu seenaasaanii barreessuuf miti. Seenaansaanii daran bal’aadha.

Seenaasaanii seenaa ummata Salgan Iluu keessatti bal’inaan ibsina. Garuu yeroo seenaa waraana Saambee kaasnu gotootni Iluu Abbaa Boor faashistoota Xaaliyaanii dura dhaabatanii kanneen akka Bantii Daanyaa Margoo Bokaa, Ayyaansoo Bookaa, Zawudee Lamuu, Qilxuu Raaboofi goototni Salgan Iluu kumaatamaan lakkaa’aman wajjin ta’uun seenaa diinaan hinbitamnu jedhu Caalii Shoonoo, Diimaa Caaliifi Fatansaa Iluurraa dhaalaniin akka diina dura dhaabatan hubachuu qabna.

Lolli Saambee waraana 2ffaa addunyaa (2nd world war) qaama seenaa ta’a jedhee oggaan akka barataa seenaa tokkootti ibsu bara sana Xaaliyaanii, Jarmaniifi Jaappaan garee faashistootaafi Naazistoota addunyaa ta’uun yeroo sochii taasisan Ingiliiz, Faransaay, ‘USA’fi kkfn immoo garee tokko ta’uun faashistoota waraanaa turan.

Ummatni Iluu Abbaa Boor garee faashistootaa addunyaa kana yeroo Saambeetti rukutu akka hirmaannaa godhatan fudhadhaa. Akkuma beekamu Goota Abdiisaa Aagaa Awurooppaa deemee faashistoota loluurratti seenaa guddaa hojjateera. Uummatni Salgan Iluus Saambeetti seenaa boonsaa hojjeteraa.

Barreeffama gabaabduu kanaan waanuma muraasa jechuun barbaada. Bara 1933 goototni Itoophiyaa qindoomina guddaa gochuun faashistoota Xaaliyaanii giddugaleessa biyyaarraa sadarkaa olaanaatti rukutan. Yeroo sana akkuman irranatti ibsuuf yaale Itoophiyaa kibba lixaatti walqindeessanii Magaalaa Goree qabachuun gara giddugala biyyattii deebi’uuf karoorfachuunsaani nibeekama.

Ummatni Innoos Saambeefi naannawashee sadarkaa duraatti sochii faashistootni Xaaliyaanii karaa kibba lixaa gara Magaalaa Goreetti godhan hubachuun lafa jalaa iccitiidhaan garee diinatti makamuun kallattii Nooraa (Riqicha) Laga Qabar irraan akka dhufaniif gareen biroon immoo Nooraa laga Qabarirra jiru kutuun akka laga hinceene taasise.

Yeroon sunis dhuma Waxabajjii waan tureef laga Qabar eenyuyyuu ce’uu hindanda’u ture. Tooftaan loltoonni fayyadaman sun sirriidha jechuudha.

Yeroo faashistootni Xaaliyaanii kumaatamaan lakkaa’aman Qabar gahan goototni Innoos Saambeefi naannawashee jiran qindeessitoota waraana kanaa kanneen akka Zawudee Lamuu, Margoo Bokaa, Ayyaansoo Bokaa, Bantii Daanyaafi Qilxuu Raaboofaan meeshaa waraanaa qabanuun diina laga garanaatti rukutuu jalqaban.

Akkuman irranatti kaasuuf yaale yeroon sun ganna ture. Laga Qabar gara gamaa (gara bahaa) laftisaa daran dhaqdhaqii (haroo dhoqqee qabu ture) ce’uuf mijataa hinturre waraana kanaa ummatni naannawa Innoos Saambee jiru Shaambal Waldayyas Bullukkoo Magaalaa Goree jiru wajjin loltootasaanii qindeessuun lola kana ittifufan.

Akka diinni laga hinceene daangessanii qaban. Goototni Iluu dirmannaa guddaa godhan. Akkasumas goototni Shawaa, Jimmaafi Wallaggaa irratti hirmaataniiru. Waraanni kun Waxabajjii 27, 1933 hanga Adoolessa 04/1933tti sadarkaa olaanaan adeemsifameera.

Bara sanas goototni akka Itoophiyaatti beekamoo ta’an Jaagamaa Keelloofi Leensee Keelloo irratti hirmaataniiru. Akkasumas Jeneraalli Ingiliizii Mejeraal Dallasiifi Raas Masfin Silashii wajjin sirna boojuurratti argamaniiru jedhama. Faashistootni Xaaliyaanii yeroo humnasaanii ol ta’u huccuu adii ol kaasuun boojuu gaafatan.

Firii waraanichaa

Booji’amtootni hogganaa gareewwan sanaa jeneraala dabalatee gara Magaalaa Goreetti fiduudhaan haala gaariin akka turan taasifamee ture.

Waraana Faashistootaa Jeneraalarraa kaasee hamma qondaaltota gadaanaatti turan namootni 1, 585 booji’amaniiru. Loltootni du’aniifi madaa’an kanneen karaa diinaa kumaatamaatti tilmaamaman, karaa Itoophiyaa immoo dhibbatamaatti tilmaamamu.

Lola Saambeerraati gaggeeffameen booji’amtootni loltootaafi meeshaan waraanaa injifannoon argaman akka armaan gadii ture.

  1. Loltoota Xaaliyaanii 1,585
  2. Madfii- 9
  3. Matrayyasii Bizaantiin – 46
  4. Aarliikoonii (Anti –aircraft)
  5. Meeshaalee waraanaa xixiqqaa 20,000

Meeshaalee booji’aman kunniin gara Magaalaa Goreetti fudhatamanii Mankuusa keessa yeroof akka turan erga taasifamee booda konkolaataadhaan Finfinneetti ergamee pooliisiifi loltoota mootummaatiif qoodamee hojiirra ooleera.

Booji’amtoonni Xaaliyaanii kabajaan gara Finfinnee akka deeman kan taasifame yoo ta’u, eegumsi barbaachisu godhameefii yoo dhukkubsatan yaalamaa yoo beela’an nyaachisaafi yoo du’anillee kabajaan awwaalamaa turaniiru.

Haalli adeemsasaanii Goree ka’anii Mattuu Yaayyoo Yamboo Cooraa Abbaa Booraa Beddellee Arjoo Naqamtee yoo ta’u, sana booda konkolaataadhaan gara Finfinnee geeffamaniiru.

Tamasgeen Korjeetiin

Kutaa qophiirraa

Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Iluu Abbaa Booritti ogeessa aadaafi Barsiisaa Seenaa Obbo Tamsageen Korjee barreeffama bilchaataafi ergaa cimaa qabu nuu erguusaaniitiif maqaa dubbistoota keenyaatiin guddaa galateeffachaa dubbistoonni keenya kaanis haaluma kanaan akka hirmaattaniif isin affeerra.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

Recommended For You