Qeerrootu marsee eegaa eenyutu…

“Qeerrootu Marsee eegaa, eenyutu Abbichuu jeeqaa” jedhamee weellifameefiira. Dhugaadha. Qeerrummaas ta’e qarrummaan yeroo itti ari’anii qaban, yeroo itti hojjetanii of jijjiiran, jireenya dhala namaa keessatti bakka olaanaa qabuufi umrii ittigaafatamummaan olaanaa namatti kennamu waan ta’eef kabaja guddaa qaba.

Sirna mootummaa jijjiiramaa Doktar Abiyyi Ahmadiin durfamu kana dhaluuf wareegama qaaliifi obsa fixachiisaa hanga aarsaa lubbuutti gaafatu kaffaluun akka miilaan dhaabatu dimokraasiin akka dhugoomu walqixxummaan akka jiraatu; adda durummaanfi abbummaan hirmaachuun biiftuun bilisummaa har’a hunduu qaqqaammatu akka baatu taasisuu keessatti qeerroon gahee leencaa taphata.

Qeerroon akkuma wareegama qaalii kaffalee sirna mootummaa jijjiiramaa kana dhale sirnaan kunuunsee bu’aa dhamaateesaa kan itti nyaatu egeree dhalootaafis bu’uuraa dimokraasii kan itti kaa’u akka ta’uuf abbummaan eeggachuunis dirqamasaa ta’uu beeka.

Kanarraa kan ka’e sirni bu’aa dhiigaafi lafee dargaggoota kumaatamaa ta’e kun alseerotaafi finxaaleyyii hattuun akka hinsakaalamneef waardiyyaa dhaabachuun tikfachaa jira.

Sirni kun kansaa ta’uu kan beeku qeerroon farra sirnichaa qolachuuf caasaalee nageenyaa sadarkaa Gaachana Sirnaarraa kaasee hanga Raayyaa Ittisa Biyyaatti adda durummaan hirmaachuun natu biyyakoof wabiidha isa jedhu qabatamaan hojiitti hiikuun finxaaleyyii miira namaleen lafa dhiituu barbaaddu dhukkee irraa kaasee sirreessaa walabummaa biyyasaas haalaan kabajaafi kabachiifachaa jira.

Tarkaanfiin kun qeerroon jaalala biyyaaf qaama adda durummaan hiriiru ta’uusaatiif agarsiistuu guddaa waan ta’eef har’as akkuma kaleessaa sirna dhiigaafi lafeesaatiin fide caasaalee nageenyaa gara garaa keessatti hirmaachuun waardiyyaa dhaabatee farra sirnaa qolachaa, sirnasaa tikfachaa jira.

Caasaaleen nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran hedduu ta’anis isaan keessaa sochii misooma Gaachana Sirnaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar keessatti babal’ataa jiruufi ittigaafatamummaa nageenya waaraa kabachiisuuf isaan bahachaa isiniif dhiyeessina.

Obbo Leejjisaa Jootee Ittigaafatamaa Bulchiinsaafi Ngeenyaa Magaalaa Shaggar yoo ta’an, turtii Bariisaa waliin taasisaniin akka Magaalaa Shaggaritti Gaachanni Sirnaa dargaggootaan ijaarame kuma 67,200 gahuu kaasu. Humni kun rakkoo nageenyaa kamuu dursanii jala bu’anii hordofuun battalaan akka to’atamu humna jabaafi mindaa malee jaalala hawaasaaf hiriireedha jedhu.

Sirna jijjiiramaa kana dhaluu keessatti qoodni dargaggootaa gahee leencaa kan taphatu yoo ta’u, sirni bu’aa dhiigaafi lafeesaanii ta’e kun seermaleeyyii dheebuu aangoof seeraan ala socho’aniin akka hingufanneef adda durummaan waardiyyaa dhaabataa jiru.

Tajaajila tolaa kennan kanaaf nageenya naannawaasaanii akka kabachiifataniif waamicha dhiyaateefiin miira gammachuufi jaaalalaatiin guutameen leenjii gaachana sirnaa fudhachuun mindaafi meeshaa waraanaa malee hordoffiifi deeggarsa nageenyaa taasisuun olantummaa seeraa kabachiisaa jiru.

Kutannoo isaan gama kanaan agarsiisaa jiran fakkeenyummaan kan ka’u, kanamalees dargaggoonni keenya jaalala biyyaaf dabarsanii of kennanii mindaa malee tajaajila kennuunsaanii kan nama gammachiisudha.

Dargaggoonni kunniin shakkiin rakkoon nageenyaa kanamalees eeruu ummatarraa argataniin madda rakkoo dafanii bira ga’uun qaama dhimmisaa ilaallatutti dabarsuun warra alseerummaa dhaamsaa jiraniidha.

Alseerummaa hawaasa keessatti qaqqabu humna poolisiifi milishaa qofaan to’achuun waan hindanda’amneef ijaaramni gaachana sirnaa kun hojiirra akka oolu ta’eera.

Kanamalees hawaasni hojii idileesaatiif wayita oliif gadi socho’utti qabeenyasaa mobaayiliirraa kaasee hanga konkolaataatti kanamalees lubbuu qaalii bakka bu’insa hinqabne dhabaa haalli nageenyaa hammaataa deemuu hordofee ijaaramni sirnichaa murteessaa ta’ee argameera.

Haaluma kanaan yeroo ammaatti caasaan nageenyaa Gaachana Sirna kun yeroorraa yerootti misoomaa kan jiru yoo ta’u, akka Shaggaritti ammaan tana baay’innisaanii kuma 67,200 qaqqabeera.

Humni kun alseerummaa sadarkaalee xixiqqaarraa kaasee hanga hanna konkolaataa, kanamalees lubbuu lammiilee gaaga’uu danda’u jala bu’anii hordofuun qabanii qaama seeraatti kan kennaniidha.

Ijaarama gaachana sirnaa dargaggootaan guutame kana hordofuun yakki kanaan dura Shaggaritti hammaataa ture hir’ataa dhufeera.

Kanamalees alseeronni yakka hannaa battala raawwatanitti hordoffii gaachana sirnaatiin qabamanii seeratti dhiyaachaa jiru. Sodaan nageenyaa kanaan dura Shaggar keessatti keessumattuu hanna, saamichaafi hojmaatawwan badaa gara garaa qaqqabaa turaniifi haawaasa biratti komii kaasisaa turan hir’ataa dufaniiru.

Kabajamuu nageenya waaraa hawaasaaf mindaa malee qorra, rooba, aduu, beelaafi dheebuuf osoo hinjilbeeffatiin sa’aatii 24:00 caasaa nageenyaa waliin tajaajila lammummaa kennaa kan jiran qeerroofi qarree gaachana sirnaa keessatti hirmaataniif kabajni nimala.

Nageenyi waaraas ta’e misoomni ittifufaa lafa akka qabatuuf hirmannaan dargaggootaa olaanaa yoo ta’u, keessumaa sirna dhiigaafi lafeesaaniin fidan kun finxaaleyyii seermaleessummaa babal’isuuf kaka’aniin akka hingufanneef utuu dadhabe, nuffe hinjedhiin yoo waardiyyaa dhaabatan kaan ija gaariin kaaanimmoo ija hamaan kan ilaalan hindhabaman.

Dhimmi nageenyaa dhimma paartii godhanii ilaaluun sirrii miti kan jedhan ittigaafatamichi dhimmi jiraachuufi jiraachuu dhabuu kabajamuu olaantummaa seeraaf dhimma murteessaa waan ta’eef jajjabeeffamuu akka qabaatu eeru.

Ijaarama gaachana sirnaa hordofee saamichiifi weerarri lafaa Shaggar keessatti qaqqabaa ture hir’ateera. Sababnisaas lafti keenya lafee keenya isa jedhu qabatamaan agarsisuuf seermaleessummaa kana to’achuun dirqama.

Seermaleessummaan kunimmoo sirrachuu kan danda’u hirmaannaa caasaalee nageenya maraafi hawaasaan yoo ta’u, keessumaa nageenya naannawaa mirkaneessuuf osoo rakkoon hinmudatiin dursanii to’achuuf shoora gaachanni sirnaa taphatan olaanaadha.

Akka Shaggaritti alseerummaa hammaataan maalidha isa jedhuuf sakatta’insa taasifameen weerarri lafaa keessumaa maqaa amantaatiin, ijaarsa seeraan alaa, albuuda baasuu, hanna, saamichaafi daangaa babal’ifannaa, daldala kontorobaandiifi meeshalee waraanaa seeraan alaa isaan ijoodha.

Hudhaalee kanneen furuuf tarkaanfiifi hordoffiin gaachana sirnaan fudhatamaa jiru kan jajjabeeffamu yoo ta’u, rakkoon osoo hindhalatiin ykn battala dhalatetti dafanii irra gahuun qabanii caasaa seeraatti kennuun alseerumman akka hinbabal’anne taasisaa jiru.

Gaafa bakkeetti ilaalaman kan waayii hinbaasne fakkaachuu danda’u. Haata’u garuu ijaarama gaachana sirnaa booda hunduu qe’eefi nageenyasaa dabareen walharkaa fuudhee tikfachuun alseerummaa maqsaa jira.

Ijaarama gaachana sirnaa kana keessatti shoorri dargaggootaa olaanaa yoo ta’u, akka Magaalaa Shaggaritti kuma 67,200 ol bobbaasuun hawaasni nagaan bahee akka galu alseerummaan namaafi qabeenyarratti qaqqabu akka dhaabatu taasifamuun jalqabbii gaariidha.

Daragaggoonni caasaa nageenyaa keessatti hirmaannaa taasisuunsaanii miirri ittigaafatamummaafi jaalala biyyaa horatamaa akka deemu kan taasisu waan ta’eef caasaa kana humneessuun barbaachisaadha.

Barbaachisummaan gaachana sirnaa kun lammiilee hundaaf kan gale dhiyoodha jedhanii, keessumaa adda babahiitti hattuun kiisii seentee mobaayilii yoo buttu, kiisii seentee maallaqa yoo saamtu siyaasa nama walitti buusu calaqqisiisuuf yoo socho’an harkaafi harkatti qabanii seeratti dhiyeessuu eegaluusaaniin gammachuun ummataa dachaan dabalaa jira.

Kanamalees hattuun kaleessa dheengadda kallattiilee gara garaatiin walgurmeessee hawaasa bahuufi galuu dhorkee ture ijaarama caasaa kanaatii as tasgabba’eera.

Walumaagalatti Magaalaa Shaggaritti gaachanni sirnaa kuma 67fi 200 ol bobba’ee sochiin idilee haawaasaafi lammiilee alseerotaafi hattootaan akka hingufanne saamichi lafaafi yakki akka hinbabal’anneef humna ittigaafatamummaa guddaan socho’aa jiru keessumaa mindaa maleefi dargaggootaan kan ijaarame waan ta’eef qeerroofi qarree keenya galateeffachiisa.

Shaggar magaalaa miidhagduu kan keessa bashannanii haara itti galfatan malee dachee nama ittisaaman, galaafatan, alseerummaan itti hammaate akka hintaane qeerroofi qarreen gaachana sirnaa jalatti hiriiruun marsanii eegaa dhaloota dhufuuf dabarsuuf waakkii malee hojjetaa waan jiraniif kabajni nimalaaf.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

 

Recommended For You