Qananiisaan olompikiirratti yeroo afraffaaf hirmaachuufi

Finfinnee: Olompikii 33ffaa Paariisitti adeemsifamuuf jedhu gara ji’oota sadiitu isa hafa. Biyyoonni miseensa koree olompikii addunyaa 209 ta’anis Olompikicharratti hirmaachuuf atileetotasaanii filachuun qophii olaanaarratti argamu.

Biyyoota miseensa korichaa keessaa Itoophiyaanis tokko ta’usheetti atileetota akaakuuwwan ispoortii atileetiksii adda addaarratti hirmaatan filachuudhaan guyyaa olompikichi itti banamu eegaa jirti.

Akka Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa ibsetti, atileetota hirmaatan keessaa maaraatoniidhaan gooticha Olompikii Qananiisaa Baqqaalaa dabalatee, Sisaay Lammaafi Darrasaa Galataa dorgommichaaf filatamaniiru. Taammiraat Tolaafi Izaddiin Mahaammad eeggattoota

Dubartootaan ammoo Riikordii maaraatonii addunyaa harkatti kan galfatte Tigisti Asaffaa, Amaanee Bariisoofi Magartuu Alamuu yoo filataman, Goytatoom Gabrasillaaseefi Bizuu Dirribaa eeggattoota.

Qananiisaa Baqqalaa Umurii dargaggummaasaatii kaasee atileetiksiidhaan biyya haadhasaa Itoophiyaa dirreewwan irratti hirmaate marattuu gamachisuun as gaheera.

Gootichi Olompikii, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa, Dorgommii Qaxxaamura Addunyaa, Taphawwan Guutuu Afrikaafi Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa dorgommii maaraatoonii dabalatee, fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma shaniin, kan meetira kuma sadii akkasumas maayilii lamaan riikardii Addunyaa irra deebiidhaan fooyyessuudhaan har’a gaheera.

Qananiisaa Baqqalaa dorgommiiwwan atileetiksiitti sadarkaa biyyoolessaatti Itoophiyaa bakka bu’uudhaan hirmaatetti walumaagalatti meedaaliyaa warqii 26, meetii afurifi nahaasa lama argateera. Kanaanis ofiisaaf injifannoo, badhaasaafi beekamtii yoo argatu, Itoophiyaa ammoo addunyaarratti kabaja olaanaa gonfachiiseera.

Qananiisaa Baqqalaa waggoota 20n darbaniif Olompikiii Ateensi kan ALA bara 2004 adeemsifamee kaasee Itoophiyaa bakka bu’uudhaan olompikiiwwan afurirratti hirmaachuusaatti atileeta seenaa addaa hojjete isa taasisa.

Gootichi kun dorgommiiwwan dhunfaadhaan hirmaatetti walumaagalatti meedaaliyaawwan warqii, meetiifi nahaasaa 100 ol argateera. Kanarraa ka’uun sadarkaa addunyaatti Atileeta urjii waggaa ta’uudhaan yeroowwan lama walitti aansee Waldaa Atileetiksii Addunyaarraa badhaasa addaa argateera.

Atileet Qananiisaan Olompikii Paariis kan ALA Adoolessa 26-hanga Hagayya 11 bara 2024, adeemsifamurraati dorgommii maaraatoniitiin Itoophiyaa bakka bu’ee hirmaachuuf filatamuun Itoophiyaanota dhiisii qaamoleen dorgommicha qopheessan gammachusaanii karaa adda addaatiin ibsataa jiru. Goonni kun umriisaa waggaa 42tti olompikiirratti hirmaachuun adda isa taasisa.

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You