Gareen guddattoota dubartoota Itoophiyaa tapha gulaalliif qophiirra jira

Finfinnee: Ardiiwwan mararraa dubartoota addunyaa dirree tokkorratti kan walitti fidu walmorkiin waancaa kubbaa miilaa guddattootaa addunyaa ALA bara 2008 Niiwuzilaanditti jalqabame.

Qopheessummaa Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa ‘FIFA’tiin waggaa lamatti al tokko biyyoota miseensota waldichaatti kan adeemsifamu dorgommiin kun yeroo jalqabaaf ardiiwwan jidduutti taphatame.

Biyyoonni 16 ramaddiiwwan afuritti qoodamuudhaan taphawwan 32 taasifataniiru. Walumaagalatti galchoonni 113 kiyyoodhaan yoo walargan, namoonni kuma 212fi 504 taphicha daaw’ataniiru.

Shaampiyoonichi qalbii hawaasa addunyaa hawwachuurraa kan ka’e baay’inni hirmaattotaa dabalaa dhufuun ammaan tana biyyoota addunyaa 16 jidduutti haala miidhagaadhaan gaggeeffamaa jira.

Waancaan kubbaa miilaa dubartoota guddattootaa waggoota 16 lakkoofsise kun waggoota kanneen keessatti yeroo torbaaf biyyoota adda addaatti qophaa’e.

Waancichi yeroo afur ardii Eeshiyaa, yeroo sadii ammoo Awuroppaatti galeera. Eeshiyaarraa Koriyaan Kaabaa yeroo lama, Jaappaanifi Koriyaan Kibbaa al tokko tokko fudhataniiru. Awurooppaarraa ammoo Ispeen yeroo lama yoo argattu, Faransaayi al tokkotti milkoofteetti.

Hanga ammaatti Afrikaarraa biyyoonni jaha waancicharatti hirmaachuun ala milkaa’anii hinbeekan. Afrikaa bakka bu’uudhaan Gaanaan yeroo torba, Naayijeeriyaan al afur, Kaameeruuniifi Afrikaan Kibbaa yeroo sadii, sadii carraa hirmaannaa yoo argatan, Zaambiyaafi Gaambiyaan yeroo tokko tokkoof hirmaataniiru.

Gaambiyaan waancaa 3ffaa Azarbaajaan qopheessiterratti hirmaachuudhaan Koriyaa Kaabaatiin 11-0n, Ameerikaadhaan 6-0n, Faransaayiin 10-2n walumaagalatti gonbisa galchaa ta’uudhaan 27-2n mo’amuun biyya dursaa jirtuudha.

Waancaa kubbaa miilaa dubartoota guddattoota addunyaa kun dhuma waggaa Faranjootaa ALA Onkoloolessa 10 hanga Sadaassa 3 bara 2024 yeroo 8ffaa Riippablikii Dominikaatti adeemsifama.

Waancicharratti hirmaachuuf biyyoonni Afrikaa 25 gareewwan adda addaatti qoodamuudhaan tapha gulaallii adeemsifachaa kan jiran yoo ta’u, Afrikaa bakka bu’uuf carraa kan argatan biyyoota sadii qofa.

Gareen guddattootaa Itoophiyaas waancaa kanarratti hirmaachuuf tapha gulaalaa taasifachaa jira. Kanaan dura garee guddattoota Afrikaa kibbaa mo’achuunsaa kan yaadatamuudha.

Gareen kun Dilbata tares tapha gulaalaa sadaffaa Finfinnee, Istaadiyooma Abbabaa Biqilaatti garee Keeniyaa wajjin taasifachuudhaan galcha malee 0-0n adda ba’eera. Tapha deebii kan taasifatu Keeniyaa, Naayirobitti waan ta’uuf carraan inni tapha ittaanuuf darbuuf qabu mamsiisaadha.

Walmorkii deebii kanatti yoo mo’ate tapha ittaanu ammoo Jibutiifi Burundii keessaa mo’ataa wajjiin taasifata jedhamee eegama.

Raawudaa Aliitiin leenji’aa kan jiru gareen guddattootaa kun hoteela galee qophii taasisaa jira.

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

 

Recommended For You