Qonnaan bultoota Ganda Simbixxaa Seeftineetii jalaa bahanii gara waggaa guutuu omishuutti ce’an

Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Halaabaa, Aanaa Diijootti kan argamtu Gandi Simbixxaa kanaan dura yeroo gara garaa balaa lolaatiif saaxilamuun beekamti. Qonnaan bultoonni gandichaas sababa balaa lolaatiin qe’eefi manasaanii dhiisanii deemuuf dirqamaa turan. Qonnaan bultoonni Ganda Simbixxaa baroota dheeraaf deggarsa mootummaa federaalaafi naannichaatiin jiraachaa turan.

Yeroo ammaa garuu seenaa gandichaa jijjiiramee qonnaan bultoonnis gargaarsa jalaa bahanii of danda’anii jiraachaa jiru. Qonnaan bultoonni gandichaa yeroo ammaa sababa balaa lolaatiin qe’eesaanii gad dhiisanii deeman hinjiran. Qonnaan bultoonni Simbixxaa yeroo ammaa bonaafi ganna omishaalee gara garaa omishuurratti argamu.

Qonnaan bulaa adda duree gandichaa kan ta’an Obbo Garramuu Mahaammad akka jedhanitti, kanaan dura sababa balaa lolaatiin manaafi qe’eesaanii dhiisanii deemuuf dirqamaa turan. Midhaan isaan facaafatanis lolaadhaan jalaa badaa ture.

Baroota dheeraaf deggarsa mootummaan naannichaafi federaalaa taasisuufiin jiraachaa turan. Yeroo ammaa garuu bona jallisiidhaan ganna ammoo rooba fayyadamuun waggaa guutuu omishaa jiraachuufi gargaarsa jalaa bahanii jiraachuu dubbatu.

Kanaan dura ijoollee barsiifachuu mitii nyaachisanii buluunuu qormaata cimaa ture kan jedhan qonnaan bulaan kun, rakkoon sababa balaa lolaatiin gandattiirra gahaa ture yeroo ammaa seenaa ta’eera. Qonnaan bultoonni gandattiis bona jallisiidhaan ganna ammoo rooba fayyadamuun waggaa guutuu omishaa jiru. Qonnaan bultoonni gandattii yeroo ammaa gargaarsa eeggachuun jalaa bahanii hojjetanii of danda’anii bulaa jiraachuu dubbatu.

Yeroo ammaa dhibeewwan daddarboo lolaa hordofuun nurra gahaa turerraa baraaramneerra kan jedhan qonnaan bulaan kun, weerara tureen maatii baay’een ijoolleesaanii yaalchisuuf bu’aa ba’ii hedduuf saaxilamaa turuufi yeroo ammaa garuu kun seenaa ta’uu dubbatu.

Waggaa shan dura qonnaan bulaan gandichaa tokko boolla mana fincaanii utuu qotuu bishaan lafa jalaa guddaatti ba’uu kan himan Obbo Garramuun, isa booda bishaan kun ogeessaan akka qoratamu taasisan. Ogeessichis naannawichi qabeenya bishaan lafa jalaa guddaa kan qabu ta’uufi hawaasni naannawichaa bishaan kana misooma jallisiif fayyadamuu akka danda’an gorse.

Qonnaan bultoonni naannawichaas waldaadhaan gurmaa’uudhaan misooma jallisiirratti bal’inaan hirmaachuun muuzii, avokaadoo, paappaayyaa, bunaafi kuduraalee gara garaa omishuun nyaatarra darbee gabaaf dhiyeessaa jiraachuu dubbatu.

Hojii misooma jallisii kanaan galii fooyya’aa argachaa jiraachuu kan himan qonnaan bulaan kun, gargaarsa eeggachuun seenaa ta’ee yeroo ammaa of danda’anii jireenya fooyya’aa jiraachaa jiru. “Maatiin kamuu hiyyummaa keessaa ba’ee ijoolleessaa guddisuu, barsiisuufi jireenyasaa jiraachuuf cimee hojjechuu qaba jechuun gara misoomaatti galuu dubbatu.

Qonnaan bulaan kun yeroo ammaa guutummaatti gargaarsaafi eeggattummaa jalaa bahanii jiraachuu himanii, ijoolleen isaaniis nyaata madaalamaa argachaa jiru. Ashaboorraa kan hafe waan nyaatamu maasaa isaaniirraa argachaa jiraachuufi qonnaan bultoonni Ganda Simbixxaa hundi gargaarsa jalaa ba’uuf fakkeenyummaasaanii hordofuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Ittaanaa Bulchaafi Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa Aanaa Diijoo Obbo Goobanaa Sammaan akka jedhanitti, gandoota 26 aanicha keessa jiran keessaa torba lolaaf saaxilamoodha. Gandi Simbixxaa ammoo gandoota torban keessaa daran lolaaf saaxilamaadha.

Balaa lolaa kanarraa ka’uun jiraattonni gandattii waqtii gannaa qe’eesaaniirraa buqqa’anii jiraachaa turan. Bulchiinsi Godina Halaabaafi Aanaa Diijoo fageenya kiiloomeetira 3.5 irratti laga Diijoorratti bo’oo lolaa guddaafi hojiilee misooma sululaa hirmaannaa hawaasaan hojjechuudhaan lolaa Ganda Simbixxaarra gahaa ture daran hir’isuun danda’ameera.

Gandi Simbixxaa kanaan dura waqtii gannaa lolaaf saaxilamaa waan tureef keessa jiraachuunis ta’e gara gandichaatti konkolaataadhaan mitii miilaanuu seenuun daran rakkisaa turuu himanii, hojiin bo’oo lolaa jallisuufi misooma sululaa gandichatti erga hojjetamee as garuu qonnaan bultoonni waqtii bonaa jallisiidhaan tibba gannaa ammoo rooba fayyadamuudhaan waggaa guutuu omishaa jiraachuu dubbatu.

Qonnaan bultoonni gandichaa jallisii fayyadamuun qamadii bonaa dabalatee kuduraaleefi fuduraalee gara garaa qotanii ofiisaaniirra darbanii gabaaf dhiyeessaa jiraachuu himanii, keessumaa omishaaleen kuduraafi fuduraa seenaa gandattii jijjiiraniiru. Biqiltuuwwan muuzii kuma saddeet bara darbe Arbaa Minci irraa fiduudhaan qonnaan bultootaaf raabsanis yeroo gabaabaa keessatti gahee qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jiraachuu eeru.

Qonnaan bultoota Ganda Simbixxaa yeroo gabaabaa keessatti fayyadamoo taasisuuf leenjisuufi hubannoosaanii gabbisuun gara hojiitti akka seenan taasisuu himanii, ogeessonni qonnaas qophii maasaarraa eegalanii hanga midhaan sassaabamutti qonnaan bultootaaf deggarsa, hordoffiifi to’annoo barbaachisu akka taasisaniif ta’eera. Biqilaan muuzii bishaan gahaafi kunuunsa waan babaaduuf utuu walirraa hincitiin oggeessota qonnaatiin to’annoofi hordoffiin barbaachisu taasifamaafii jiraachuu himu.

Ganda Simbixxaatti hojii misooma kuduraaleefi fuduraalee bu’a qabeessa taasisuuf dura garee misoomaa gurmeessuun leenjisanii gara hojiitti galchuu himanii, gareen kun lafa qonnaa lolaadhaan miidhamee ture gabbisuuf bal’inaan kompostii akka fayyadamu taasisuu himu.

Aanichatti Ganda Simbixxaa dabalatee gandoota shan keessatti hojiin ijaarsa misooma jallisii raawwatamuu himanii, barana gandoota aanichaa saddeetitti hojiin misooma qamadii bonaa bal’inaan adeemsifameera. Rakkoo daandii naannawichaa hanga tokko furuuf hawaasa hirmaachisuudhaan hojjetame jira. Muuxannoowwan gaggaarii gama kanaan argaman gandoota aanichaa 26tti babal’isuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Qonnaan bultoonni aanichaa hojii misooma jallisii baranaatiin keessumaa kuduraaleefi fuduraalee baay’inaan omishuudhaan gabaa godinaaleefi aanaalee ollaatiif dhiyeessaa jiraachuu himanii, qonnaan bultoonni aanichaa bakka lagni hinjirretti boolla bishaanii meetira 6-20 gad fagaatu qotanii misooma jallisiif ittifayyadamaa jiru. Bulchiinsi aanichaa qonnaan bultoota shan shaniin gurmeessuudhaan kilaastaraan akka qotaniifi boolla bishaaniis waliin qotanii waliin akka itti fayyadaman taasiseera.

Gatiin boba’aa dabaluusaatiin qonnaan bultoonni rakkachaa jiraachuufi rakkoo kana furuuf Qajeelcha Daldalaafi Industirii godinichaa waliin ta’uun deggarsa kan taasisaniif ta’uu himanii, rakkoo boba’aa kana karaa ittifufiinsa qabuun furuuf teknolojii soolaarii babal’isaa jiraachuus ibsaniiru.

Aanichi xaa’oo, sanyii filatamaafi galteewwan qonnaa biroon yeroodhaan qonnaan bultoota bira akka ga’aniif hojjechaa jiraachuu eeranii, aanichatti misooma jallisiitii baranaatiin kuduraaleefi fuduraaleen gara garaa bal’inaan omishamaniiru. Qonnaan bultoota aanichaa gurmeessuudhaan hojii omisha muuzii babal’isuuf hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaatti, Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Qindeessaan Kilaastara Qonnaafi Misooma Baadiyyaafi Hogganaan Biiroo Qonnaa Obbo Usmaan Surur akka jedhanitti, qonnaan bultoonni Ganda Simbixxaa yeroo ammaa gargaarsa eeggachuu jalaa bahanii jallisiifi rooba fayyadamuun gara waggaa guutuu omishuutti ce’aniiru. Omishasaaniis hanga gabaa giddugaleessaatti dhiyeessaa jiru. Qonnaan bultoonni kunneen cimanii hojjechuun gargaarsa seeftineetii jalaa bahanii of danda’uudhaan qonnaan bultoota naannichaatiifis ta’e biyyattiif fakkeenya gaarii ta’u.

Muuxannoo qonnaan bultoota Ganda Simbixxaa kana qonnaan bultoota naannichaa hunda biratti babal’isuuf hojjechaa jiraachuu himanii, mootummaan naannichaa gaaffii bu’uuraalee misoomaa qonnaan bultoonni kaasan deebisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

 

Recommended For You