Shaashamannee akkuma Finfinnee misooma kooriidarii eegalte

Shaashamannee: Shaashamanneen akkuma Finfinnee misooma kooriidarii eegaluu bulchiinsi magaalattii beeksise.

Kantiibaan magaalattii Obbo Adaanaa Taklagiyoorgis Wiixata darbe Gaazeexaa Bariisaaf akka ibsanitti, inisheetivii misooma kooriidarii Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad kallattii kaa’an hordofee Shaashamanneen Magaalaa Finfinnee muuxannoo fudhachuun misooma kooriidarii eegalteerti.

Misoomni kun kan eegalame Kutaa Magaalaa Alattii jedhamutti yommuu ta’u, daandii kiiloomeetira 2.4 dheeratu haala sochii konkolaataaf mijatutti meetira 14 akka bal’atu taasisuu cinatti deemsa lafoof akka toltuuf bitaafi mirgisaa meetira 18 bal’isuun ta’uu himanii; magaalattiitti kan kooriidarii kana dabalatee hojiin misoomaa tumsa ummataa qarshii miliyoona 60n hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasni misoomicha milkeessuuf qarshiifi waan qabu hundaan tumsa taasisaa jiraachuus dubbatanii; marii hubannoo uumuu hawaasa waliin taasifameen gamoowwan dabalatee manneen 238 beenyaa tokko malee fedhii ummataatiin kaafamaniiru jedhan.

Misoomichas baasii mootummaa tokko malee tumsa ummataan kutaalee magaalattii hundatti hojjechuuf itti adeemaa jiraachuus eeraniiru.

Shaashamanneen magaalota rakkoon dhabiinsa nageenyaa mudataa tureefi gochi faallaa mootummaa itti calaqqisaa turan keessaa tokko ta’uu yaadachiisanii; keessumaa du’a Artisti Haacaaluu Hundeessaatiin walqabatee rakkoon nageenyaa farreenya nageenyaa uuman badii lubbuu, mancaatii qabeenyaafi buqqaatii lammiileetiif ka’umsa turuu eeraniiru.

Amma garuu ummata magaalattii abbaa nageenyasaa taasisuun hirmaachisummaa bal’aa taasifameen Shaashamanneen daandii misoomaafi nageenyaarra jirti jedhanii; sheediiwwan 73 baroota dheeraaf namoota muraasaan qabamee ture dargaggoota hoji dhabeeyyiif kennuuf qophiin xumuruu kantiibichi ibsaniiru. Kanaan duras hoji dhabdummaa hir’isuuf akka magaalattiitti hojii bal’aa hojjetameen dargaggoota hedduuf carraan hojii uumameera jedhan.

Nageenya magaalatti caalaatti waaressuuf dargaggoota gaachana sirnaa jalatti leenji’an kuma 10fi 766 eebbisiisuun hojii nageenyaarratti bobbaasuun danda’ameera. Haaluma walfakkaatuun milishootni 1,894 leenji’anii hojii nageenya magaalattii eeguurratti qooda fudhachaa jiraachuu eeraniiru.

Akka isaan jedhanitti, Shaashamanneen jijjiirama rogawwan maraa keessa jirti. Misooma kooriidarii dabalatee hojiileen maisoomaa tumsa ummataan yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu ta’a. Rakkoon bishaan dhugaatii kanaan dura ture furamee yeroo ammaa uwwisni bishaan dhugaatii %70 irra ga’eera. Fuulduratti dhiyeessii bishaan dhugaatii hunda waliin ga’uun saffisaan kan hojjetamu ta’a.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

Recommended For You