Oromiyaatti kompostiin idilee meetirkuubiin miliyoona 155 qophaa’e

Finfinnee: Oromiyaatti ji’oota saglan darbanitti kompostiin idilee meetirkuubiin miliyoona 155 qophaa’uu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.

Biirichatti Daarektarri Fooyya’iinsa Gabbina Biyyee Obbo Isheetuu Laggasaa ibsa Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf kennaniin akka jedhanitti, naannichatti yeroo ammaa dhangaggaa’ummaan biyyee balaa hamaa damee misooma qonnaati.

Rakkoo kana maqsuuf dhaqqabamummaansaallee salphaa kan ta’e xaa’oo uumamaa qopheessuufi fayyadamuudha jedhanii, bara 2012rraa eegalee biirichi hojii xaa’oo uumamaa qopheessuutiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechuurratti akka argamu ibsaniiru.

Dhangaggaa’ummaa biyyee hir’isuun ala, xaa’oo uumamaatiin omishuun albuuda biyyee dabaluuf, biyyeen akka bishaan qabatu gochuuf, gabbina biyyee dabaluuf faayidaa guddaa qaba.

Hojii xiyyeeffannoon hojjetameenis naannichatti hojii xaa’oo uumamaa qopheessuu jajjabeessuuf inisheetiviin bocamee hojiitti galameen hangi omishuus waggaadhaa gara waggaatti dabalaa jiraachuu himanii; bara bajata kana akaakuu xaa’oo uumamaa keessaa tokko kan ta’e kompostii idilee meetir kuubii miliyoona 150 qopheessuuf karoorfamee ji’oota saglan darbanitti qofa meetir kuubii miliyoona 155 qopheessuun akka danda’ame ibsaniiru.

Haaluma walfakkaatuun bara bajatichaatti varmikompostii kuntaala miliyoona 2.4 omishuuf karoorfamee kuntaalli miliyoona 2.2 yoo omishamu, mala baayogaazitiinis kuntaala kuma 270 omishuuf karoorfamee karooraa ol kuntaalli kuma 394 omishamuusaa dubbataniiru.

Hanqinni dhiyeessiii xaa’oo keemikaalaa bara darbe mudate xaa’oo uumamaa baay’inaan qopheessuuf kaka’umsa uumuu himanii; barana naannichatti lafa heektaara miliyoona torbaa ol xaa’oo uumamaatiin misoomsuuf karoorfamee ciminaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.

Qonnaan bultootni xaa’oo uumamaa bal’inaan akka omishaniif leenjii kennuurraa eegalee biirichii deeggarsa barbaachisu hunda taasisaa jira.Giddugala qopheessaa barnikompostii aanaalee hunda keessatti qarshii miliyoona 944n ijaarsisaa akka jiranis ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaa

 BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

Recommended For You