Milkaa’ina Itoophiyaa Qulqulluuf lammiileen hundi hirmaannaa taasisuu qabu

Finfinnee: Milkaa’ina Itoophiyaa Qulqulluuf lammiileen hundi hirmaannaa taasisuun dirqama lammummaa ba’uu akka qaban Hospitaala Kollejjii Miliniyeemii Paawulositti Ispeeshaalistiin Xinsammuu Doktar Solomoon ibsan.

Doktar Solomoon sosochii Itoophiyaa Qulqulluu ilaalchisee Kamisa darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, sosochiin kun mana fincaanii bal’inaan ijaaruu waan of keessatti hammatuuf daandii gubbaatti bobbaa ba’uufi fincaa’uun hafee fayyaa hawaasaafi qulqullina naannawaa mirkaneessuu keessatti shoora guddaa taphata.

Hanqina qulqullina naannawaatiin dhibeen fayyaa hawaasaa mudatu Itoophiyaa baasii dabalataatiif saaxilaa ture kan jedhan Doktar Solomoon; qorannoo baankii addunyaa bara 2013 wabii godhachuun biyyattiin sababa hanqina qulqullina naannootiin waggaatti qarshii biliyoona 13.5 ta’u baasii akka taasiftu dubbataniiru.

Du’a daa’immaniif sababa guddaa kan ta’e dhibeen garaa kaasaa keessattuu daa’imman waggaa shanii gadii caalaatti kan miidhu ka’umsisaa sababa hanqina qulqullina naannawaan ta’uu himanii; yaadamni Sosochii Itoophiyaa Qulqulluu du’a daa’immanii haalaan hir’isuuf gumaata guddaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Itoophiyaa keessatti du’a daa’immanii reeshoo 166/1000 irraa gara 67/1000tti gadi kan bufame ta’uu himanii; sosochiin kun guutummaatti hojiirra oolee jennaan reeshoo kana caalaatti xiqqeessuun ni danda’ama jedhaniiru.

Kanamalees, hanqinni qulqullina naannawaa dhiphina sammuufi araadawwan garaagaraaf nama saaxila, naannawaa qulqulluun fayyummaafi gammachuu dhala namaa dabaluun dhibeewwan akka dhiphina sammuu, dhibbaa dhiigaafi dhukkuba sukkaaraa hir’isuuf shoora mataasaa qabaachuu ibsaniiru.

Akka Doktar Salamoonitti, Itoophiyaa keessatti baadiyyaattis ta’ee magaalaatti namootni miliyoona hedduun lakkaa’aman mana fincaanii dhabuurraan kan ka’e daandiirratti qulqullaa’u. Bobbaan daandiirraa rakkoo qaamaa qalbii waan fiduuf sossochii Itoophiyaa qulqulluu tumsuun barbaachisaadha.

Yaadamni sosochii kanaa iddoowwan lammiileen itti qulqullaa’an kan sadarkaasaanii eeggatan ijaaruun miira gammachuu hawwaasa biyyatti dabaluun hawaasni qulqullina naannoof xiyyeeffannoo akka laatu gochuu waan ta’eef milkaa’ina sosochii kanaatif jarmiyaaleen hawaasaa afoosharraa kaasee dhaabbileen amantii, dhaabbatni miti mootummaa, miidiyaaleen, ogeessotni fayyaa tumsa isaanirraa barbaachisu taasisuu qabu jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

Recommended For You