Qorichiifi meeshaaleen wal’aansa fayyaa qarshii biliyoona afurii Tigraayitti ergamaniiru

Finfinnee: Waliigaltee Piritooriyaa booda qorichootaafi meeshaaleen wal’aansa fayyaa qarshii biliyoona afuritti tilmaamaman gara naannichaatti ergamuu Biiroon Fayyaa Naannoo Tigraay ibse.

Hogganaan biirichaa Doktar Amaanu’eel Hayilee Roobii darbe Gaazexaa Bariisaaf akka ibsanitti, sababa waraana Itoophiyaa Kaabaatiin naannichattti dhaabbileen fayyaa hospitaala riifaraalarraa eegalee hanga keellaa fayyaatti midhaan irra gahee ture.

Dhaabbilee fayyaa miidhaan irra ga’e adda baasuuf Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniifi Ministeerri Fayyaa walta’uun qorannoo bilisaa gaggeessuu himanii, dhaabbilee fayyaa naannichaa keessaa dhibbantaan 86 gariinsaanii miidhamaniiru. Dhibbantaan sadii ammoo guutummaattin barbadaa’aniiru jedhan.

Dhaabbileen %72 ta’an gariin meeshaalee wal’aansa fayyaa qaban kan miidhaman yoo ta’u, %27 ammoo meeshaaleen wal’aansa fayyaa qaban guutummaatti barbadaa’aniiru.

Dhaabbilee fayyaa miidhaman suphuufi haaraas bituuf Ministeera Fayyaa waliin walhubachuun kutannoodhaan hojjechaa jirra kan jedhan Doktar Amaanu’el; miidhaan dhaqqabe daran bal’aa ta’uurraa kan ka’e ammallee kenniinsa tajaajila fayyaa bakka duraatti deebisuuf daran hojjechuu akka gaafatu eeraniiru.

Hospitaalotni naannichaa hospitaalota Finfinnee 13 waliin walitti hidhuun deeggarsa tajaajila deddeebisanii yaaluu, talaallii, yaaliifi kenniinsi qoricha ‘HIV’, yaaliin dhibee sombaafaa akka jalqabaman ta’eera. Yaaliiwwan jalqabaman kunneenis yaalii guutuudha jechuun akka hindanda’amne ibsaniiru.

Hamma eegames ta’uu baatu dhaabbileen idil addunyaa kanneen akka baankii addunyaa deeggarsa taasisaa jiru. Baankiin Addunyaa naannolee Amaaraa, Tigraayifi Affaaritti hawaasa sababa waraanaatiin rakkoof saaxilame deeggaruuf waliigaltee mootummaa Itoophiyaa waliin mallatteesse doolaara Ameerikaa miliyoona 300 keessaa suphaa dhaabbilee fayyaa Tigraayiif doolaara Ameerikaa miliyoona 25 ramaduun aanaalee shanitti hojjetamaa jira.

Gamtaa Awurooppaatiinis keellaan fayyaa tokko, buufatniwwan fayyaa 15fi hospitaalotni sadarkaa jalqabaa lama karaa ‘UNICEF’ hojii suphamaa jira jedhan.

Waliigalatti naannichi hospitaalota riifaraalaa lama, waliigalaa 14, hospitaalota sadarkaa jalqabaa 24, buufataalee fayyaa 231fi keellaawan fayyaa 741 qaba kan jedhan Doktar Amaanu’el; dhaabbilee kunneen bakka duraatti deebisuuf ifaaja bal’aa fedhu jedhaniiru.

Inshuraansii fayyaatiin walqabatee sababa baay’achuu buqqaatotaafi hongeetin lammiileen naannichaa inshuraansii fayyaa kaffaluu waan dadhabaniif mootummaan fedaraalaa deeggarsa barbaachisu taasisuu qaba jedhaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

Recommended For You