Wayita soomaa biyyaaf kadhachuufi gaarii hojjechuun dirqama hundaa ta’uu qaba” – Abbootii Amantaa

Finfinnee: Hordoftoonni amantaa kirsitaanaafi Islaamaa wayita sooman biyyaa kadhachuu, gaarii hojjechuufi dubbachuun dirqama amantaasaanii ba’uu akka qaban Abbootiin Amantaa hubachiisan. Abbootiin amantaa kunneen soomana tibba dhufu qabamu ilaalchisiin ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, biyya ummatni irra jireessi soda uumaa qabutti rakkoo hamaan biyya quunnamaa jiraachuu qajeeltoon amantaa hangam akka hojiitti hiikamaa jiru of gaafachuun barbaachisaadha.

Biyyaaf kadhachuun, gaarii hojjechuu, tokkummaafi jaalala labsuun dirqama lammmummaa qofa osoo hintaane dirqama amantaati. Waldaa Amantaa Ortodoksii Tawaayidoo Itoophiyaatti Hoji Gaggeessaa Ittaanaan Mana Lubbummaa Lubni Kitilaa Balaay Mokonnon akka jedhanitti, soomni Kibxataa qabee ji’a lamaaf hordoftoota amantichaan soomamu Sooma guyyaa 40 kan Kirsitoos soome yaadachuuf. Kirsitoos cubbuu waan hojjeteef miti kan soome, soomaan cubbuu hinhojjetne.

Namni soomu hamaa hundarraa fagaatee hojiifi garaa qulqulluun gara uumaasaatti iyyuu qaba jedhanii; biyyi rakkoo keessa kan galtuuf kadhatni amantootaa dhaga’amuu kan diduuf soomni lapheerraa ta’e dhibuu ta’uu yaadachiisaniiru. Nagaa kan hawwu nagaa buusuu, jaalala kan fedhu jaallachuu, kabaja kan fedhu isa biraa kabajuun dirqama amantaa ta’uus hubachiisaniiru. Qajeeltoon amantaa gaggeessaa biyyaa abaaruu, jibba facaasuu, waraana labsuu osoo hin taane eebbisuufi jaalala labsuu ta’uu himanii; namni amantaa kamuu siyaasaafi qajeeltoo amantaa waliin makuurra of qusachuu akka qabanis ibsaniiru.

Barsiisaan amantaa Islaamaa Ustaaz Abbubakar Ahmad gamasaaniin, soomiin gochaa gaariin hindeggeramni foon dadhabsiisuu yookiin sochii qaamaa taasisuurra kan darbe bu’aa tokkollee hinqabu. Namni soomuu nyaataafi dhugaatii lagachuu qofa osoo hintaane waan himalle hundarraa of qusachuun uumaa waliin walitti dhiyeenyaa dubbata, qalbiis jijjiirata. Faallaa kanaa jibba labsaa, nama arrabsaa kan soomuu yoo ta’e nyaata lagachuufi qofa osoo hintaane uumaa waliin dubbachuun akkasumaan dadhabuudha.

Allaan nama dhuunfaattis ta’e biyyatti rakkoo sababa malee hinfidu jedhanii; rakkoo dhufee gara carraatti jijjiiruuf qaamaa qalbii sassaabbachuun Allaa kadhachuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru. Soomuun firii qabatamaa hinqabne kasaaraa lakkaa’uu qofa yookiin “Soomeera” jedhanii himachuu qofaaf kan oolu ta’uu dubbataniiru.

Abbootiin yookiin barsiisotni amantaa akkuma maqaasaanii qajeeltoo amantaa qofa hojiitti hiikuun amantootaaf fakkeenyaa ta’uu qabu jedhanii; siyaasaa jibbaa oofaa huccuu amantaa uffachuufi sagalee Allaa dubbachuun fakkeenya waan nama hin taasisneef wayita sooma kanaanillee dhaabbatanii of ilaaluun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

Recommended For You