Warshaan dhagaa cilee qarshii biliyoona shanii oliin Tarcaatti ijaaramaa jiru dhiyeenyatti hojii eegala

Tarcaa: Warshaan dhagaa cilee qarshii biliyoona shaniin Godina Daawuroo, nannawaa Magaalaa Taarcaatti Kubbaaniyaa Misooma Albuuda ‘ET’ (ET MINERAL DEV. T.S.C) jedhamuun ijaaramaa jiru dhiyeenyatti xumuramee hojii kan jalqabu ta’uu Bakka Bu’aan Kubbaaniyichaa Obbo Wandimmuu Mitikkuu himaniiru.

Obbo Wandimmuun garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa dhiyeenya kana sadarkaa sadarkaa ijaarsi warshichi irra jiru ilaaletti akka himanitti, ijaarsi warshichaa bajata qarshii biliyoona shaniin naannawaa Magaalaa Tarcaa Ganda Laallaa Ganjiitti adeemsifamaa jira. Ijaarsi warshichaa bara 2014 kan jalqabe yoo ta’u, dhiyeenyatti xumuramee hojii kan jalqabu ta’a.

Warshichi cilee miiccame kan Warshaa Simmintoof oolu kan dhiyeessu ta’uu himanii, dhagaa cilee warshichi miiccee dhiyeessu kan biyyattiin Afrikaa Kibbaarraa galchtu kan hambisuufi omisha biyya keessaatiin kan bakka buusu ta’uus eeraniiru.

Warshichi sa’aatii tokkotti dhagaa cilee toonii 150 miiccuu kan danda’u ta’uufi sa’aatii 24 kan omishu ta’uu himanee, waggaatti ammoo dhagaa cilee miiccame toonii miliyoona tokkoo ol omisha. Yoo akka tasaa ta’ee tajaajilli elektirikii addaan cite jenereetariin ammayyaa’aan warshicha sochoosu qophaa’uus himaniiru.

Warshichi dhagaa cilee alaa galu %75n kan hir’isu ta’uu himanii, hojiin ijaarsa warshichi ji’a tokko booda xumuramee hojii kan jalqabu ta’uufi namoota 400 oliif carraa hojii kan uumu ta’uu himaniiru. Albuudni cilee galtee warshichaaf barbaachisu naannawichatti (Godina Daawuroofi Kontaatti) bal’inaan bal’inaan kan argamu ta’uus eeraniiru.

Balfi warshicha keessaa ba’u naannawaa akka hinfaalleef warshichi balfa baasu deebisee kan ittifayyadamu ta’uu himanii, warshichi teknolojii ammayyaan deggeramee hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Warshichi tajaajila hawaasummaa kennuurrattis hirmaannaa taasisaa jiraachuu kan himan Obbo Wandimmuun, barattoota ganda Laallaa Ganjii kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti jiran 900f dabtaraafi qalama qarshii miliyoona tokkoofi kuma 330n bitee kenneera. Mana barnootaa kutaa barnootaa shan qabu ijaaruuf qophiirra jiraachuus eeraniiru.

Warshichi Ganda Shabaa Yooyyootti ammoo Kellaa fayyaa tokko ijaaruudhaan meeshaalee barbaachisaniin guutee dabarsee kan kenne ta’uu himanii, naannawaa warshichi itti ijaaramaa jiru Ganda Laallaa Ganjiittis  Kellaa fayyaa biraa ijaaraa jiraachuu himaniiru.

Maanaajarri Pirojektii Warshaa Dhagaa Cilee Injinar Balaay Asaffaa  akka jedhanitti, Itoophiyaa keessa warshaalee gurguddoon dhagaa cilee irra jireessaan fayyadaman saddeetu jiru. Warshaan cilee ijaaramaa jiru kun fedhee dhagaa cilee biyya keessaa guutuu keessatti gahee olaanaa qaba. Warshichi dhiyeenyatti hojii kan jalqabu ta’uufi sa’aatii tokkotti dhagaa cilee miiccame toonii 150 omisha. Warshichi sa’atii 24 waan hojjetuuf guyyaa tokkotti ammoo toonii   3,600 kan omishu ta’uu himu.

Itoophiyaan cilee alaa bittee galchuuf waggaatti doolaara miliyoona 300-400 baastu ta’uu himanii, warshichi fedhii biyya keessaa guutuurra darbee baasii sharafa alaa biyyattiin cilee bituuf baastu sadarkaa olaanaan kan hir’isu ta’uus eeraniiru.

Cileen madda humnaafi galtee warshaa ta’uun guddinaafi badhaadhina biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabu ta’uu kan himan Injinar Balaay, biyyoonni  albuuda cilee qaban qabeenyaafi  guddina dinagdee guddaa galmeessisaa jiru.

Godinni Daawuroo albuuda dhagaa cileetiin kan badhaadhe ta’uu himanii, galteen warshaa dhagaa cileef oolu  naannawichaa ba’aa jiraachuus eeraniiru.

Bulchaan Godina Daawuroo Obbo Wandimmuu Gabayyoo akka jedhanitti, godinichi albuuda dhagaa cilee bal’aa kan qabu ta’uu himanii, warshaan albuuda dhagaa cilees ijaaramee xumuramaa jiraachuufi dhiyeenyatti eebbifamee hojii kan jalqabu ta’uu himu.

Warshichi Kubbaaniyaa Misooma Albuuda ‘ET’ (ET MINERAL DEV. T.S.C) jedhamuun qarshii biiliyoona 5.2n ijaaramaa jiraachuu kan himan Obbo Daawit, warrshichi cilee miiccame kan Warshaa Simmintoof gargaaruufi biyyattiin maallaqa guddaadhaan Afrikaa Kibbaarraa bittee galchitu sadarkaa olaanaadhaan kan hir’isuufi dargaghoota 400 oliif carraa hojii bal’aa kan uumu ta’uus eeraniiru.

Dargaggoo Abbabbaa Cumbaalaa dargaggoota hojii ijaarsa warshichaarratti hirmaatanii jiran keessaa isa tokko. Dargaggoon kun akka jedhutti, hojii ijaarsa warshichaarratti hirmaachuu erga jalqabee waggaa tokkoofi walakkaa ta’eera. Duraan hojii mukaa hojjechaa turuufi yeroo ammaa warshicha keessatti hojii sibiilaarratti hirmaatee hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojii sibiilaatiin muuxannoo gaarii kan horate ta’uus himeera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

Recommended For You