Roobni ji’a Bitootessaa hojii qonnaafi nyaata beeyiladaatiif mijataadha

Finfinnee: Roobni ji’a Bitootessaa hojii qonnaafi nyaata beeyiladaa biqichuuf mijataa ta’uu Inistiitiyuutiin Metiworolojii Itoophiyaa beeksise. Ittigaafatamaa Ittaanaa Damee Raaga Metiworolojii, Tajaajila Gorsaafi Qorannoo Inistitiyuutichaa Doktar Asaamminoo Tashoomaa ibsa dheengadda Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, kutaalee biyyattiitti rooba arfaasaa argatanitti roobni ji’a Bitootessaa hojii qonnaafi nyaata beeyiladaaf mijataadha. Kanaafis, qonnaan bultoonni qophii oyiruufi galtee omisha qonnaa taasisuun barbaachisaadha.

Akka ibsasaaniitti, Gurraandhala 22 bara 2016 irraa eegalee guyyoota kudhan keessatti kutaalee biyyaa Kibbaa, Kaaba Bahaa, Giddugala, Kibba Dhihaa, Sulula Qinxaamaafi nannawaa ollaatti rooba fooyya’aatu argamaa jira. Kutaaleen biyyaa rooba arfaasaan omishan hedduun rooba salphaa hanga giddugaleessaatti akka eegamu himanii; Kibba, Giddugla, Kaaba Bahaafi Kibba Dhihaa rooba guddaatu eegama jedhaniiru.

Naannoo Oromiiyaa godinaalee Jimmaa, Shawwa hundumaa,godinoota Arsii Dhiyaafi Arsii, Baalee, Gujii Dhiyaa, Finfinneen rooba idileetti dhiyaatu wayita argatan bakkeewwan muraasatti ammoo rooba guddaa argatu. Naannoo Amaaraa Goojjam Bahaa, godinoota Walloo Kaabaafi Kibbaa, Waagimiraa, Shawaa Kaabaa, naannoo Sidaamaa, Itoophiyaa Kibbaafi Kibba Dhiyaa, Itoophiyaa Giddugala haaluma walfakkaatuun rooba idileetti dhiyaatuu kan argatan yommuu ta’u bakkeewwan muraasatti ammoo rooba guddaa rooba.

Buunnoo Baddallee ,Iluu Abbaaboor, Gujii, Godinoota Booranaa,Harargee Bhaafi Dhiyaa, Baalee Bahaa, Hararii Dirreedawaa, Godinoota Goondar Kibbaa ,Godinoota Affaar ,Godinoota Tigiraayi Kibbaa, Kibba Bahaafi Bahaa, Sumaalee Sitii,Fafan,Daawwaafi godinoota Liiban rooba xiqqa argatu.

Bitootessa 2-12/ 2016 kutaalee biyyaa waqtiin arfaasaa rooba argatan hedduun fayyadamoo rooba ta’un walqabatee Kaaba Bahaa, Baha, Kibbaafi Kibba Bahaa roobaa cimina akka argatantu eegama jedhanii; Kanaan walqabatee Kibba Bahaa, Giddugaleessa, Kaaba Bahaafi Bahatti rooba salphaa hanga giddugaleessaa akka argatan ibsaniiru.

Roobni kun qaamolee bishaanii kanneen akka Omoofi Gibee gara oliifi giddugala, Sulula qinxaamaa, Awaash, yaa’aa laga Abbaayyaa,Baaroo Akooboo Giddugalafi gara olii ,Affaar Danaakil, Ganaalee Daawwaa gara olii muraasaafi Yaa’a laga Takazeetti jiidhinsi qilleensa dhiibbaa uumuudhaan kutaalee biyyaa rooba arfaasaan omishan bakkeewwan muraasatti jiidha guddaa akka argatan taasisa.

Haalli kun ammoo jiidhinsa biyyee fooyyessuun sanyii midhaanii dursanii faca’an akka biqilanii guddatan taasisa jedhanii; dhaabbii biqilootaafi nyaata beeyiladootaaf bishaan gahaan waan argamuuf qonnaan bultoonni bakkeewwan kunneenitti argaman hojii qonnaaf waan isaan barbaachisu dursanii akka qopheeffatan dhaamaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

 

Recommended For You