“Magaalaa baadiyyaatti mirgiifi faayidaan dubartootaa walqixa kabajamuu qaba” – Pirezidaanti Sahaalawarqi Zawudee

Finfinnee: Magaalaa baadiyyaatti mirgiifi faayidaan dubartootaa walqixa kabajamuu akka qabu Pirezidaantiin Itoophiyaa Sahaalawarqi Zawudee hubachiisan. Guyyaan dubartootaa akka addunyaatti yeroo 113ffaaf, akka Itoophiyaatti ammoo yeroo 48ffaaf mataduree ‘Dubartoota haa gahoomsinu, misoomaafi nageenya haa mirkaneessinu” jedhuunKaleessa Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajameera.

Kabaja ayyaanichaarratti Pirezidaanti Sahaalawarqi akka jedhanitti, dubartootni walqixxummaa malee mirga addaa hinfedhan. Kanaafuu, magaalaa baadiyyaatti mirgaafi faayidaa dubartootaa kabachiisuun gahee hundaati. Hirmaannaan dubartootaa sektaroota hundatti cimuu qaba jedhanii; kun ammoo warra magaalaa

 keessa jiraatan qofa osoo hintaane dubartootaa baadiyyaa jiraatanis akka ilaallatu hubachiisaniiru. Rakkoo nageenyaa bakkawwan tokko tokkotti mudachaa jiruufis adda durummaan kan saaxilamu dubartoota waan ta’aniif hojii nageenya mirkaneessuu keessatti hunduu gaheesaa ba’uu qaba jedhaniiru.

Hirmaannaa dubartootaa siyaasa keessatti mirkaneessuu baannaan nageenyaa, haqaafi dimokraasii karaa guutuun eeguun hin yaadamu jedhanii; dubartoota sadarkaalee hundatti gahoomsuufi barsiisuun dhimma ijoo ta’uu ibsaniiru. Mootummaanis qajeeltoo kana tumsu baasee hojiirra oolchaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin, mootummaan hirmaannaa dubartootni siyaasa, hawaasummaafi dinagdee keessatti qaban cimsuuf hojiiwwan hedduu hojjechuu himanii; ta’us fayyadamummaafi hirmaannaan dubartootaa sadarkaa yaadamerra akka hingeenye himaniiru. Hirmaannaa dubartootaa cimsuuf furtuun gahumsasaaniirratti hojjechuu akka ta’es hubachiisaniiru.

Magaalattiitti dubartootni daldala quunnamtii saalaarratti bobba’an jiraachuu eeranii; fayyadamummaa dinagdee dubartoota kunneenii mirkaneessuuf “Giddugalli Haaromsaafi Ogummaa” ijaaramee torban ittaanu akka eebbifamus Aadde Adaaneach ibsaniiru.

Ministirri Dubartootaafi Hawaasummaa Doktar Ergoggee Tasfaayees akka dubbatanitti, mirgaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf mootummaan hojii bal’aa hojjechaa jira. Sadarkaa biyyaatti sochiin fayyadamummaa dubartootaarratti xiyyeeffachuun taasifame bu’aalee qabatamoo hedduu argamsiiseera.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

  BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

Recommended For You