Gujiitti qonnaan bultoonni 143 gara invastimantiitti ce’an

Finfinnee: Godina Gujiitti ji’oota ja’an darbanitti qonnaan bultoonni 143 gara invastimantiitti ce’uu Waajjirri Invastimantii godinichaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Mabraatuu Roobaa torbee darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, godinichi damee invastimantii qonnaafi albuudaatiif baay’ee mijataadha. Haaluma kanaan ji’oottan ja’an darban qofatti abbootiin qabeenyaa qarshii biliyoona lamaa ol galmeessan invastimantii damee qonnaarratti bobba’uun namoota kuma sagaliifi 591 ta’aniif carraa hojii uumuu danda’aniiru. Haaluma walfakkaatuun misooma hoteelaarratti abbootii qabeenyaa 28f eeyyamni invastimantii kennameera.

Godinicha keessa pirojektoota invastimantii 857 jiraachuu kan dubbatan Obbo Mabraatuun; hawaasni godinichaa duudhaa Sirna Gadaatiin waan buluuf abbootiin qabeenyaa hojii invastimantiirratti bobba’an hammachuusaan abbootiin qabeenyaa kunneen yaaddoo nageenyaa tokko malee hojjechaa akka jiran ibsaniiru.

Yeroo ammaa fooyya’uun nageenyaa hojii invastimantiif haala mijataa ta’uu ibsanii; aanaalee godinichaa 13 keessaa aanaaleen 11 guutumaan guututti yaaddoo nageenyaarraa bilisa akka ta’eefi aanaalee lamaan hafan gandoota muraasa keessatti darbee darbee rakkoon nageenyaa jiraachuu yaadachiisaniiru.

Hojii invastimantii albuudaatiif godinichi mijataadha kan jedhan Obbo Mabraatuun; warqeefi koopparii dabalatee akaakuuwwan albuudotaa 30 ol akka jiran qorannoodhaan adda ba’uusaa dubbataniiru. ta’uu ibsaniiru.

Jijjiirramaa dura sababa invastimantiitin beenyaa gahaa osoo hin argatin qonnaan bultootni hedduun jiruufi jireenyasaaniirrraa kan buqqa’an ta’uu himanii; rakkoon yeroo sana ture ammaan tanas qonnaan bultootni yoommuu invastimantiin garasaaniitti babal’atu akka yaadda’an taasisaa jira jedhaniiru.

Bu’uuralee misoomaa ilaalchisee Obbo Mabraatuun akka jedhanitti, aanaaleefi magaalota tokko tokko keessatti rakkoon humna ibsaan wal qabatee nijira. Rakkoon daandiifi bishaanii barootaf kan ture ta’us yeroo ammaa furamuusaa ibsaniiru.

Qonnan bulaa yoo jajjabeessine invastara baay’ee uumuu ni dandeenya kan jedhan Obbo Mabraatuun; qonnaan bulan sanada lafasaa qabsiisuun baankiirraa liqeeffatee hojii invastimantiirratti akka bobba’u mootummaan hojmaata diriirsuus hanqinni raawwii guddaan jiraachuu dubbataniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

 

Recommended For You