“Fayyadamoo ta’uuf dubartootni jijjiirama yeroo waliin tarkaanfachuu qabu”- Aadde Xayyibaa Hasan

Finfinnee: Dubartootni fayyadamummaa-saaniif kabachiifachuuf dandeettiifi gahumsa yeroon gaafatu horachuunf of qopheessuu akka qaban Daarektarri Olaantuun Dhimma Tajaajila Godaantotaafi Godaantota deebi’aniifi Pirezidaantii Ittaantuun Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhina Aadde Xayyibaa Hasan ibsan.

Aadde Xayyibaan Kamisa darbe guyyaa dubartoota addunyaa (‘March 8’) ilaalchisee Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhina akka paartiittis ta’e akka mootummaatti fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf mul’ata addaa qabatee hojjetaa jira. Kanaanis bu’aa qabatamaa kanaan dura ta’ee hin beek galmeessuu danda’eera. Ta’us dandeettiifi gahumsa jijjiirama yeroon gaafatu waliin tarkaanfachuuf qophaa’uun qooda dubartootaati.

Dubartootni humna hooggansaa, qabeenya dhuunfaafi biyyaa bulchuu keessatti qaban cimsuuf mootummaan jijjiirama sagantaa barnootaafi leenjii garaagaraa mijeessuu himanii; dubartoota gahooman heddumminaan gara hoggansaatti dhufuufi dhufaa jiraachuu dubbataniiru. Haaluma walfakkaatuun dubartoota dinagdeen cimsuuf hojiilee qonnaa, tajaajilaa, misooma albuudaa, maanufakchariingiifi industirii haala kanaan dura hinbaratamneen hirmaachisuu ibsaniiru.

Dubartootni hedduun carraa mootummaan diriirsetti fayyadamuun of gahoomsan ammaan tana itti gaafatama gurguddoo biyyaafi mootummaadhaan kennamaniif kutannoon hojjetanii firii gaarii agarsiisaa jiru jedhanii; dubartootni kaanis fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf bakkaafi sadarkaa jiranitti hojjetanii gahumsasaanii mirkaneessuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Wayita guyyaa dubartootaa baranaa kabajamu mootummaan jijjiiramaa hojiilee kabaja guyyichaa ol kaasan hedduu hojjechuu himanii; magaalaa hanga baadiyyaatti dubartootni manneen barnootaa dhiyootti akka argatan ijaarsa manneen barnoota hedduun taasifamuu yaadachiisaniiru. Dubartootni waldaan gurmaa’anii qabeenya akka horatan xiyyeeffannoo addaa hojjetamuus dubbataniiru.

Kanaan dura qabeenya horachuuf jecha dubartoonni karaa seeraan alaa biyya hambaa deemuun rakkoo qaamaa qalbii hanga du’a lubbuutti aarsaa kaffalaa turuu yaadachiisanii; ammaan tana dubartiin biyya alaa deemtu mirgaafi dafqashee kabachiifachuuf kan ishee dandeessisu seerri ba’uu eeraniiru.

Akka isaan jedhanitti, dubartii waan ta’anii qofa taa’anii waan eeguun gaarii miti. Kanaafuu, hundaa ol qophii sammuufi qorqalbii taasisuun barbaachisaadha. Dubartootni miiraa ofitti amanamummaa gabbifachuun cinatti haala yeroo duukaa of jijjiiruu qabu. Dandeettii kalaqaafi beekumsa sammuu gabbifachuu qofa osoo hintaanee hojiitti hiikuun mul’isuu qabu.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

 

Recommended For You