Diyaasporaa garaagarummaa ilaalchaa qabaatus dhimma biyyaarratti tokko ta’uu qaba

Finfinnee: Garaagarummaan ilaalcha siyaasaa hawaas diyaasporaa gidduu jiru fayyaalessa ta’us dhimma biyyaarratti tokkummaa’uun dirqama ta’uun ibsame.

Waltajjiin marii carraa investimantiifi dhimma biyyaarratti hirmaannaa diyaasporaarratti xiyyeeffate Kamisa darbe galma Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti taa’ameera. Waltajjicharratti hoggansi garagaraa carraa investimantii jiru ilaalchisanii wayita ibsa kennan hawaasni diyaasporaas rakkoolee qabatamaan jiran ibsaniiru.

Ittigaafatamaan Waajjira Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktar Abdullaaziz Daawud akka jedhanitti, mormii bara 2000 ture qabbaneessuuf mootummaan ADWUI dayaasporaa heddumminaan gara biyyaatti waamuun lafti kennamuufis hedduunsaanii lafa gurguratanii biyya irraa dhufanitti deebi’uunsaanii mufannaafi shakkii uumeera. Har’a garuu diyaasporaa biyya diiguuf halkanii guyyaa kan boolla qotu osoo hintaane garaagarummaa keessatti dhimma biyyaarratti hirmaatutu barbaachisa.

Mootummaan biyyattiitti jijjiirama rogawwan maraa fiduuf xiiqeffatee hojjechaa jiraachuu himanii; jijjiiramni yaadame mootummaa qofaan waan bakka hingeenyeef deggarsi diyaasporaa murteessaadha. Mootummaanis hawaasa diyaasporaa waliin hojjechuuf qophiifi kutannoo qaba jechuun ibsaniiru. Waliin hojjechuun ilaalcha paartii tokko jalatti hiriiruu akka hintaanes hubachiisaniiru.

Hawaasni diyaasporaa ce’umsa teknolojii, babal’ina barnootaafi manneen barnootaafi hawaasa rakkoo keessa jiru deggaruun siyaasa osoo hinhaane dhimma biyyaa ta’uu hubatee tumsa taasisuu akka qabus waamicha dhiyeessaniiru. Carraan invastimantii bal’aa jiruttis fayyadamuu akka qaban dhaamaniiru.

Hawaasni diyaasporaa akkuma kana dura jedhamu lafa fudhatee gurguruun biyya hambaatti kan deebi’u osoo hintaane babal’ina barnootaafi manneen barnootaaf, hojii invastimantiin galii guddaa biyyaaf galchuu, biyyaaf ambaasaaddara ta’uu cinatti waan qabu hundaan biyya cina dhaabbatudha kan jedhan ammoo Daarektara Olaanaa Dhimma Diyaasporaa Oromiyaa Obbo Amiin Jundiiti.

Deggersi diyaasporaan taasisu paartii tokkoof osoo hintaane biyyaafi ummata bal’aaf jedhanii; garaagarummaa ilaalcha siyaasaan osoo hindaangeffamin biyya tumsuun dirqamasaanii ta’uus dubbataniiru. Biyyaan ala siyaasni ta’e jireenyiyyuu hamaa ta’uun hubatamee warra biyya diigurraa of qusachuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Hawaasni diyaasporaas gamasaaniin, invastimatiirratti bobba’uuf fedhii guddaa osoo qabanii aadaa birokraasii walxaxaafi malaammaltummaarraa kan ka’e mufatanii boodatti jechuu himanii; kanaan booda gaaffii mana jireenyaas ta’e kan invastimantii danqaa tokko malee deebii akka argatu gaafataniiru. Namootni jijjiiramni har’aa akka dhufuuf wareegama qaalii kaffalan addatti akka deggaramanis dhaamaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

 

Recommended For You