Daandii AddelleeSakkiinaa deebii rakkoofi gaaffii bara dheeraa Godina Arsii

Finfinnee: Ummatni godina Arsii, Aanaa Amiinyaa sababa daandiin rakkoo daran ulfaataafi bara dheeraaf iyyachaa turan daandiin isaaniif hojjetamuusaaf akka lammata dhalachuutti miirasaanii ibsachaa jiru. Aanaan qabeenya uumamaan badhaate daandiin dhibuun jireenyi yaaddoo itti ta’uun tureera.

Pirojektiin daandii cirrachaa kiiloomeetira 36 Addellee-Sakkiinaa riqicha Laga Elellee meetira 180 dheeratu of keessatti hammate baajeta mootummaan naannoo Oromiyaa qarshii miliyoona 398n ijaarsisaa dhaabbata  Konstiraakshinii ‘Cross Land” jedhamuun boqqonnaawwan lamaan xumuramee tajaajila kennuu eegaleera. Daandichi gaara daran ol dheeraa kattaan yayyabame keessa hulluuqee sanumaayyuu injiinaroota keessoon haalli itti hojjetames ogummaan keessaa hanga akka guddate mul’isa.

Biiroo Daandiwwaniifi Loojestiksii Oromiyaatti To’ataan Pirojektichaa Injiinar Jaagamaa Dagabaasaa akka jedhanitti, daandiin kun qulqullinasaa eegee bajata qabameefi yeroo jedhame keessatti xumuramuun pirojektota ittaananiif fakkeenya gaarii ta’a.

Hojigaggeessaa Olaanaan Pirojektichaa Obbo Damis Lammii gamasaaniin daandii bu’uura waa maraa ta’uu ibsanii; Dhaabbatni ijaarsaa ‘cross land’ damee dhaabbata ‘7 stars’ keessaa tokko yommuu ta’u, Oromiyaa dabalatee naannolee garagaraatti hojii qulqullina qabu hojjechuun dirqama ogummaafi lammummaasaa ba’aa jiraachuu dubbatu.

Raawwachiisaan pirojektichaa Injiinar Solomoon Sintaayyoos gamasaaniin, qaala’iinsa gatii meeshaalee ijaarsaan osoo hin danqamin daandii gaaraafi kattaa rakkisaa keessa qaxxaamuru haaluma waliigalteetiin xumuruunsaa bu’aa muuxannoo yeroo dheeraa dhaabbatichi qaburraa kan madde ta’uu ibsaniiru.

Jiraattonni kunneen Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, Aanaa Amiinyaa gandeen akka Jiddaa Kaarraa gammoojjii ta’an omishaalee akka boqqolloo, mishingaa, agadaa shonkooraa, kuduraafi muduraan beekamoo ta’an of keessatti hammatti. Ta’us gaara kattaan itti baay’atuufi dheeraa ta’e ba’anii omishasaanii gabaaf dhiyeessuun qormaata hamaa ture. Yeroo baay’ee omishaaleen dafanii manca’an kanneen akka timaatimiia, muuziifi burtukaannifaa gatamaa turan.

Omishaa gabaaf dhiyeessuu miti dhukkubsataafi dubartii deessu mana yaalaan ga’uun rakkoo hamaa ture. Dubartii da’umsi qabee mana yaalaa magaalaa Addelleetti geessuuf baatanii osoo gaara kanaan wal’aansoo walqabanii kan lubbuun darbe danuudha. Osoo gabaa dhaqanii harrootni hedduun miidhaan waliin gaara kanarraa kufanii cabaniifi du’an hedduudha.

Sheek Sulemaan Mahaammad akka jedhanitti, qormaatni jiraattota ganda Jiddaa Kaarraa gaara kattaan faayame ijaajjee gad isaan ittisu qofa osoo hin taane laga Elellee godinaalee hedduu qaxxaamuruun Laga Waabeeshabaleetti makamudha. Lagni kun riqicha waan hin qabneef akkuma gaara sanii waggaa waggaan lubbuu namaafi beeyiladaa galaafachaa ture. Sababa daandiin firaa, gabaafi mana yaalaarraa cituuf dirqamanis amma garuu daandiin hojjetamuun akka nama lammata dhalateetti of ilaalu.

Obbo Mahaammad Amiin jiraataa ganda Elellee Abiroonyi yommuu ta’an sababa daandii dhabuun rakkoon hawaasummaafi dinagdee dhalootaa dhalootatti darbaa as ga’uu himanii; qabeenyi beeyiladaafi omishaaleen qonnaa gammoojjii sana keessa jiru gabaaf dhiyeessuun danqaa turuu yaadachiisaniiru. Gandeen saddeet gammoojjichatti argaman daandiin walqabatee mana barumsaa sadarkaa lammaffaa waan hinqabneef sadarkaan barumsaa kutaa saddeetitti daangeffamuus ibsaniiru.

Barataa Adam Jirruu magaalaa Adellee fageenya kiiloomeetira 25 hincaallee deemee barachuuf sababa daandiif halkan sa’aatii 7:00tti ka’ee ganama sa’aattii 3:00tti imala sa’aatii ja’aa booda akka achi ga’u eeree; galaafi qoraan osoo harreetti fe’anii gara magaalaa Addellee deemani barattoonni harree waliin gaararraa qilleetti kufanii qalbiin darbe akka jiran dubbateera.

Haa ta’u malee, daandiin Godina Arsii godinaalee Harargeefi Baaleetiin walqunnamsiisu boqqonaa 3ffaa kiiloomeetirri 50n hafe ijaarsisaa akka ittifufuuf jiraattonni kunneen cimsanii gaafataniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

Recommended For You