Biirichi giddugala tursiisa daa’immanii babal’isaa jira

Finfinnee: Manneen hojii mootummaa keessatti giddugala tursiisa daa’immanii babal’isaa jiraachuu Biiroon Dhimma Dubartootafi Daa’imman Oromiyaa beeksise.

Biirichatti Daarektarri Kominikeeshinii Aadde Ruuqiyaa Bashuu ibsa Kamisa darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, biirichi aangoofi ittigaafatamummaa Caffeen Oromiyaa kenneefirratti hundaa’uun inisheetivii guddina daa’immanii qopheessee hadholiifi daa’immaniif kunuunsi barbaachisu akka taasifamu gochuurratti argama.

Hojiin iddoo tursiisa daa’immanii ijaarsisuun hojii jalqabsiisuu kun sektarota bulchiinsa magaalotaafi godinaaalee keessatti raawwii gaariirratti kan argamu ta’uu himanii, sadarkaa biirolee Oromiyaattimmoo babal’isuuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechuu gaafata jedhan.

Giddugalli tursiisa daa’immanii kun yoo mijate haadholii hojjettoota mootummaa hojiisaaniitiin bu’aaqabeessa akka ta’an gochuun gahee isaan guddina biyyaa keessatti qaban dabaluuf daran gargaara kan jedhan Aadde Ruuqiyaan; bakki tursiisaa ijaaramu kun fayyaa daa’immaniitiif akka ta’utti istaandaardisaatiin hojjetamaa jira jedhaniiru.

Giddugalicha ijaaruufi babal’isuun akka Naannoo Oromiyaatti hojii yeroo dhiyoo keessa jalqabame ta’uus eeranii, hojicha cimsuuf mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiras jedhan.

Biirolee Naannoo Oromiyaa Finfinneetti argamanitti baay’inaan iddoon mana jireenya hojjettoota mootummaafi argama biirolee waan walirraa fagaatuuf haadholiin daa’immansaanii gara giddugalootaatti fiduuf fedhiinsaanii gadaanaa ta’uu ibsuun, giddugaloota kanneen biiroleedhaaf kilaastaraan ijaarsifamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanaafis akka giddugalli tokko biirolee hedduuf ta’utti karoorfamee hojjetamaa jira, torbee darbe giddugalli tursiisa daa’immanii mooraa waajjira Caffee Oromiyaatti eebbifame daa’imman hojjettoota Caffeetiif qofa osoo hintaane kan hojjettoota biiroolee Oromiyaa naannawa Saarbeetii hundaati jedhan.

Iddoon tursiisa daa’immanii kun haadholiifi daa’imman walitti dhiyeessuun sammuu daa’immaniifi tasgabbii hadholiif shoorrisaa guddaa ta’uu ibsanii, daa’immansaanii guddisuuf jecha haadholiin hojii mootummaarraai akka adda hinbaane taasisas jedhan.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

 

Recommended For You