“Yaalii ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf taasifamu kamuu dura dhaabbanna” -Miseensota poolisii Oromiyaa

Bulbulaa: Haadholiitu waan daa’imman ofii qooqsee pirojektii biyyaaf waan dhoksatan itti gadi baase. Qonnaan bulaa jiruun hin guuttaminiiftu, “Ilmi koo bor akka koo hinrakkatiin” jechuun isa gaafa rakkootiif olkaayyate itti gadi yaafate.

Dureessaa hamma hiyyeessaa, sheekaa hamma qeesii, xiqqaa hamma guddaa guutuun lammii biyya tanaa marti miira tokkummaatiin irratti hirmaachuun waan qabu itti darbate. Biyya hiyyeessatu pirojektii dureessaafuu qormaata guddaa ta’u, hamileefi miira jaalala biyyaatiin guutame qofaan eegalee addunyatti bitaa gale.

Liqiin addunyaa dhowwamee qaamni alaa tokkos dhimma kanaaf akka hinbirmanne uggurame. Kun immoo lammiilee biyyattii aarsee xiiqii keessa galchee, waan hindanda’amnes dandeessisee abdii gara dhugoomsuutti ceesise. Hinjalqabaniin jalqabamnaan, hindanda’aniinis danda’amnaan walaloon jaraas jijjiiramuun hinjalqabanii irraa gara hinxumuraniitti deebi’e. Kana milkeessuuf immoo ollaa firatti dhaammatanii gargaarsa sassaabatanii sochii pirojektii irreen tokkummaa

ummattoota biyyattii irratti mirkanaa’e kana gufachiisuuf carraaqan.  Yaaliin gaafa duraa ijaarsi hidha guddichaa akka hin eegalamneef ture fashalaa’uun sanaan booda kan taasifamu hundaaf ergaa guddaa akka qabaatuuf ture. Keessattuu yaalii isa karaa doorsisaatiin dhihaatu dura dhaabbachuudhaaf qophii ta’uu miseensonni poolisii Oromiyaa dhiyeenya eebbifaman ni ibsu.

Karaa dippilomaasiitiin ala yaaliin humnaan doorsisuutiin mirga Itoophiyaan laga ofiitti fayyadamuuf qabdu jijjiiruun kan hindanda’amne ta’uu kan himu miseensi poolisii Oromiyaa Konistaabil Mohaammad Aliyyii, fedhii biyyaaleessaa hidhichaatiif immoo wareega barbaachisu kanfaluuf qophii ta’uusaa ibsa.

Mallattoo tokkummaafi gumaata lammiilee biyyattii hundaan kan jalqabame ijaarsi hidha guddichaa akka fiixa bahuuf ga’een hawaasa hundaa murteessaa ta’us kan miseensota damee nageenyaa garuu dachaa ta’uu dubbata.

Iteeneesh Shibbiruus miseensuma poolisii Oromiyaa yeroo dhiyoo eebbifaman keessaa tokko yoo taatu, faayidaa biyyaaleessaa Itoophiyaarratti Misiris taate Ameerikaan keessa galanii borcuuf mirga tokkollee hinqaban jetti.

Yaaliin qaamota kanneeniis hamilee ummata Itoophiyaa boodatti kan deebisu osoo hintaane, xiiqiidhaan gara hojiitti akka galuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsa. Akka miseensa qaama nageenyaa tokkoottis imaanaa dacha isheetti kenname bahachuuf qophii ta’uushee dubbatteetti.

Deggarsa ijaarsa hidhichaa cimsuuniifi doorsisa kamiyyuu dura dhaabbachuu keessatti hawaasni hunduu ga’ee isarraa eeggamu bahachuu akka qabus ni gaafatteetti.

 Bariisaa Bitootessa 19 Bara 2012 (March 28, 2020)

Bayyanaa Ibraahimiin

Recommended For You

One Comment to ““Yaalii ijaarsa hidhichaa gufachiisuuf taasifamu kamuu dura dhaabbanna” -Miseensota poolisii Oromiyaa”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *