Obbo Haayilee Gabree: Warqee Gujii ofii abidda seenanii Oromoo miidhagsan

Obbo Haayilee Gabreetiin Oromoon wallaalee jira jechuun fafa. Isaan umurii isaanii guutuu Oromoof nama jiraate ta’uu seenaan jireenya isaanii ni agarsiisa. Faayidaa ummata isaanii dursuun gidiraa hedduu arganiiru. Hoggantoota biratti jibbamanii dhiibamaniiru. Ija nama baay’ee baachuuf dirqamaniiru.

Seenaan Obbo Haayilee seenaa waggoota 72 yoo ta’u, gaafdeebii tokkoon hunda kaasuun galaana fal’aanaan waraabuudha. Namni isaan waliin sa’atii muraasa ture sabboonummaa, xiiqii, jabummaa irraa barata. Hundaafuu Gaazexaan Bariisaa nama guddaa kana jalqaba maxxansa addaa Bariisaa Sanbataa irratti keessummaa taasifateera. Akka armaan gadiitti dhihaata. Dubbisa gaarii.

Bariisaa: Obbo Haayileen eenyu, isa jedhurraa kaanuu?

Obbo Haayilee: Ani Haayilee Gabree Lubee Jalduu Biluu Wandoo Kuttii Waareen jedhama. Oromoon gaafa himatu hanga mana torbaatti himata. Torbaffaarratti lafa yookiin biyya ta’aa jechuudha. Umuriin koo gara waggaa 72ti. Bakkin itti dhaladhe yommuu sana konyaa Geediyoo jedhama. Amma Gujii Lixaati. Hanga waggaa 10tti akkuma ilma Oromoo baay’eetti horii tikseen guddadhe.

Bara 1948 keessa naannawaa keenyatti lafaan walqabatee waldhabdeen uumame. Yeroos qabiyyeen lafaa ‘Xaf, Xaflamiifi lam’ jedhama. Lam jechuun baddaa, xaflam jechuun baddadaree xaf jechuun immoo gammoojjiidha. Gammoojji namni deemu hinturre, busaan waan tureef. Kanaaf yommus warra gootota jedhamaniif lafa kennu. Yommuu kana lafa abbaa kiyyaa ‘xafii’dha jedhanii fudhatan. Haala kanaan lafa keenyarraa kaanee rakkoo keessa galle. Achii kaanees gara Sidaamaa aanaa Daallee dhufne, anis achittin guddadhe.

Yommus nu bira manni barnootaa waan hinjirreef haati kiyya gara Yirgaalam na fiddee mana barnootaa na galchite. Manni Barnootaa ani seene kan qeesiiti. Yeroo sana afaan ani ijoollummaarraa kaasee ittiin guddadhe Afaan Oromoodha. Yommuu ijoolleen “ha, hu…” jettu ani homaa hinbeeku. Calliseen asiifi achi ilaala. Yommuu kana qeesiin qabee mataa keessa na rukute. Isarraa ka’ee barnoota jibbee barachuu dide. Abbaan kiyya ijoollee lama godhate, ani ilma tokkicha. Qananiin ture, namnu takkaa na rukutee hinbeeku. Qeesiin na rukutuun baay’ee na aarse.

Haati kiyya akkan barnoota baradhu baay’ee barbaaddi turte. Sababni isaa lafa keenya kan dhabne sababa dubbisuu dhabuutiin waan hinmallerratti mallatteeffameetu. Animmoo waan na mudaterraa ka’uun akka malee barnoota jibbaa ture. Bara 1951 gara mana barnootaa (isukulaa) na galchan. Manni barumsichaa kobbee hancufaan jiifamaa ittiin barreeffamuufi dabatara kenna. Wiixataafi Jimaatammoo aannan nuu kenna. Ani aannan dhugaatiin guddadhe, isaaf jechan deemuun eegale.

Bariisaa: Kanumaan barnoota jaallatanii itti fuftaniiree?

Obbo Haayilee: Yeroo tokko haati kiyya namicha gaarii harkaan oofamuun bishaan baarmeelaan dhibu natti agarsiifte. Achiimmoo yommuus barsiisaan huccuu guutuu cuqulisa uffata, karabaataa hidhate irraan gaawanii adii uffata ture; isas natti agarsiifte. “ilaa ilmakoo yoo baratte akka barsiisaa kanaa taata, yoo barachuu baattemmoo akka isa gaarii dhiibuu taata. Ani lafa hinqabu, abbaa hinqabdu baradhu” naan jette. Yeroos irraa kaasee barnoota jaallachuu eegale. Haala kanaan barnoota kiyyatti jabaadhee itti fufee barachuun Mana Barumsaa Raas Dastaa Daamxoo jedhamuttin kutaa 12 xumure.

Bara 1966 gara yunvarsiitii seene. Barri sun yeroo rakkisaa wana tureef barumsa addaan kuteen ba’e. Achii Hawaasaatti manni barumsaa ‘Community Development’ jedhu barattoota dorgomsiisee waggaa tokkoof  barsiisa ture. Anis dorgomee tokkoffaa ba’uun barattoota 30 taanee achi seenne. Bara 1967  yommuun achii ba’u fincila waa’ee lafaatu ture. Yommus anis dargaggeessan ture, namoota qindeessuun eegale. Deggaraa ‘Ihaappaa’n ture.

Kanarraan kan ka’e mana hidhaan seene. Mana hidhaa seenuun kiyya anaaf badaa fakkaatus Waaqni na hambisuu waan barbaadeef achi na galche. Namni tokko yommuu wanni badaa itti dhufu duubasaa waan gaarii akka jiru akka beekuufin kana kaase. Yeroos wanti ani ittiin  qabame yakka biyya diiguuti. Kun immoo waggaa 18 yookiin du’a namatti murteesisa. Ani sababa waraqaan wabii naa barreefameefin ture. Kudha tokko taanee hidhamnee, hundi na biraa ajjeefamanii ani qofti hafe. Waggaa lama hidhamee ba’een barnootatti deebi’e.

Bariisaa: Eessatti barnoota itti fuftan?

Obbo Haayilee: Biyya Raashiyaa deemeen waa’ee waldaa hojii gamtaa baradhe, deebi’uun  Ardaayiitaatti waggaa saddeetiif barsiisaan ture. Sanaa booda ADWUI’n seene. Anis gara mootummaa naannoo Oromiyaa dhufe. Yeroos yeroo mootummaan naannoo  hundeeffamu ture. Yeroo baay’ee ulfaataa ture.

Biirolee banuu, caasaasaanii hojjechuu bara 1986 kottaa jennee wal waamne hojjechuutti kaane malee hubannaan ga’aa illee hinturre. Kanarratti immoo bajatnis hinturre. Namoonni 46 foddaa tokkorratti barreessaa Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa kan ijaarre. Deebi’eemmoo Biiroon Qonnaa ofiisaatiinu  guddaadha. Isa jalatti immoo Waldaa Hojii Gamtaatu jira. Bara sana mootummaan waldaaleef ilaalcha gaarii hinqabu. Qonnaan bulaan asiin “xaa’oon hinjiru, kun hinjiru” jechuun sitti iyya. Biiroo keessa teenyee hojjennullee hinqabnu. Biiroodhaaf bakka hoolaan itti gurguramu nuu kennan. Isaa boodadha bakka amma Caffeen itti ijaaramellee kan nuu kenname.

Haala kanaan Oromiyaa waggaa torba hojjedheen gara federaalaa deeme. Achis waggaa shanin hojjedhe. Bakkan deemetti waa hunda haaraa hojjechuu malee namni tokko ijaaree kan naa kenne hinjiru.

Bariisaa: Isiniin abbaa waldaa hojii gamtaati jedhamtu. Mee akkamiin gara waldaalee hundeessutti dhuftan?

Obbo Haayilee: Waldaa hojii gamtaa ani kanin beeku waa lamaani. Tokko  jiruudhaan, lammata immoo ogummaadhaani. Ani yommuun baradhu of danda’een baradhe. Abbaa hinqabu, fira hinqabu. Kana jechuun nan qota, nan daldala, nan baradha. Yommuun barachaa ture, guyyaa mana barumsaadhaa ba’ee laaqanakoo ergan nyaadhe booda bataskaana jala taa’een dubbisa. Achii ka’ee kiloomeetira 14 miila kiyyaan deemeen manatti gala. Dabtarakoo harkatti qabadhee dubbisaan fiiga ture. Yommuun mana ga’u waan dukkanaa’uuf dadhabeen rafa. Barsiifati kun ammallee na waliin guddate galgala turuu hindanda’u.

Sanbattan lamaan ammoo nan qota. Gannammoo nan  daldala. Haala kanaan of danda’een baradhe, sanuu nama gargaaraa. Buna dhaabuu yeroosaniin jalqabe. Buna sana yommuun gabaatti gurguruu gogaasaa shilingiidhaan narraa bitu. Yommuun waldaatti kennu ammoo narraa fuudhanii ji’a lamaa booda qarshiidhaan naa deebisu.

Kanaaf bu’aa waldaa waaniin beekuuf ijoollummaadhumaaniin miseensa Waldaa Hojii Gamtaa Qonnaan Bultoota Daallee ture. Kana jechuun waldaan anaaf jiruudha. Akka carraa ta’eemmoo barnootas waa’ee waldaa hojii gamtaan baradhe. Kanaaf ogummaadhaanis nan beeka jechuudha.

Bariisaa: Kanumatu gara waldaa hundeessuu isin geesse jechuudhaa?

Obbo Haayilee: Waldaa jechuun rakkoo namni tokko qofaasaatti hiikuu hindandeenye gurmaa’anii rakkoo dinagdeefi hawaasummaa hiikuudha. Fakkeenyaaf,  qotuun homaa rakkoo hinqabu, haamuutu rakkoo qaba. Qonnaan bulaanis humnasaa ol waan ta’uuf jigii/daboo waammata. Kun hojii waldaati.

Akka addunyaatti waldaan warraaqsa indastirii addunyaa  ALA bara 1848 erga hundeeffamee booda bu’aa olaanaa buusuu eegale. Abbootii qabeenyaa dhuunfaafi mootummaatti aanee karaa guddina isa sadaffaas jedhamuun beekama. Waldaan ammoo ofiisaayyuu gosa lama; kan aksiyoonaafi kan hojii gamtaati. Bal’inaan bu’aa kan fidu garuu waldaa hojii gamtaati.

Faayidaan waldaa inni biroo qabeenya qixa fayyadamuufi. Namni hanga dandeettiisaa akka argatu gochuudha. Kana ta’uu baannaan saamicha. Nama akka koo ijoollummaadhaan bu’aa waldaa bareef ammoo isa barachuun bu’a qabeessa; gammadeen baradhes. Haala kanaan dippilomaadhaa kaase hanga maastarsii isuman baradhe. Qorannoos isarrattin hojjedhe.

Hanqina waldaan hojii gamtaa biyyatti qabummoo nan beeka; kan Haayilasillaasees, kan Dargiis jechuudha. Inni yeroo Dargii sun rakkoo qaba. Waldaa osoo hintaane akkaataa ijaarsasaatu rakkoo qaba.

Bariisaa: Maal ture rakkoon isaa?

Obbo Haayilee: Waldaan falaasama sadii qaba. Inni tokko waldaan ijaaramuu kan danda’u kaappitaalaani jedha. Inni lammataammoo humnaafi kaappitaalaan ijaarama kan jedhudha. Qoodinsisaas akkaataa namni tokko itti hojjetaniidha jedha. Inni sadaffaa waldaan ni ijaarama, namni tokko hamma dandeettiisaa hojjeta. Garuu akka fedhiisaatti bu’aa argata jedha. Inni dadhabaa rafaa tures inni dhama’es bu’aa ni argata jechuudha. Dubbiin waldaa omishtoota Dargiin hundeesserratti rakkoo fiddes kana.

Egaan animmoo ergan dhimmoota kanneen hunda adda baasee booda biyya kanaaf kan barbaachisu maali isa jedhun qoradhe. Waldaa inni duraa bu’aa buuse hinqabu. Qonnaan bulaan biyya keenyaammoo humnaafi kaappitaala hinqabu. Kunimmoo yoo hingurmoofne teknolojii keessa galuu hindanda’u. Kunimmoo omishtummaan akka hinguddanne godha. Kana jechuun ammoo beela jalaa hinba’amu jedhuudha. Biyyi keenyammoo biyya qonnaan bulaafi siyaasa baadiyaati. Baadiyyaan yoo hinammayyoofne biyyi hinjijjiiramtu.

Baadiyyaa ammayyeesuuf ammoo waan afurtu barbaachisa. Isaanis, teknolojii, kaappitaala, humna nama barateefi biyya. Nuti afur keessaa biyya qofa harkaa qabna. Sadii hafe fiduf namni tokko qofaasaa hindanda’u. kanaaf falli jiru namoota walitti fiduun isa tokko qabutti isa dhabe dabaluun hojjechuudha. Gaaffii kaappitaalaa hiikuuf sheerii qopheessiitee gurguruu, humna namaa ammoo barsiisuufi leenjisuun guutuu qabda. Kanaaf kana hinjijjiirru taanaan kana caalaa beelofna jechuudha. Barbaachisummaan hojii gamtaa egaa asitti.

Rakkoon keenya kana qofa miti. Qonni keenya qonna xixiqqaadha, bona hinqonnu. Ji’a sadii qonnee ji’a sagal nyaanna. Yeroo kanatti nyaachuu malee waan oomishnu hinqabnu. Yoo waggaatti sadii lama omishne maleemmoo beelli nurraa hinka’u. kunimmoo teknoloojii, nama barateefi kaappitaala barbaada.

Kanaaf waltaaneetu waa’ee Baankii Waldaa Hojii Gamtaa hundeessuurratti dubbanne. Qonnaan bulaan keenyas ijaaramee fayyadamaa akka ta’uuf yaadnee kaane. Kanaaf seeraafi labsii biyya kanaaf ta’u baasuun barbaachiisaa waan tureef isatti fufne. Labsiin kun haaraa miti; utuu haaraa ta’ee salphaa ture. Bara 1958 eegaleetu Itoophiyaa keessatti waldaan hojii gamtaa hundaa’uu kan eegale.

Bariisaa: Bu’aa ba’ii akkamii keessa baatanii hundeessitan?

Obbo Haayilee: Waldaa inni bara Dargii ture ummata keessa madaa kaa’ee darbuun isaa gufuu cimaa ture. Inni biraammoo humna nama barate damee kanaan argachuun qormaata. ADWUI yeroo ce’umsaa immoo waldaaleen yeroos hundaa’an Dargii sooraa waan turaniif ejennoo baduu qaba jedhu qaba. Rakkoolee kanneen hunda baachuun dirqama koo ture.

Adeemsa waldaa ijaaruu keessatti qajeelfamni ‘influence the influential’  jalqaba. Nama dubbii kee fuudhutti himi jedhu jira. Kanaaf eenyuunu haa ta’u mootummaa amansiisuun hojii duraa kiyya ture. Ifaajjii cimaadhaan mootummaa Oromiyaafi federaalaa amansiisne. Achii gara seera baasuutti seenne. Kunis hojii salphaa hinturre. Tokkoon tokkoon jechaarratti yaaduun dirqama ture.

Kanneen hunda erga xumurree booda hojiin keenya waldaa dura jibbame sana maqaasaa deebisanii ijaaruutti seenne. Kanaaf ammoo gara waldaalee 550 irratti qorannoo taasifne. Deebiin arganne abdii kutachiisaa ture. Maqaadhuma waldaayyuu namni dhaga’uu barbaadu hinjiru. Kanaaf irra deebinee ijaaruu eegalle. Isuma caasisneemmoo yuniyeeniifi fedeereshinii ijaarre. Harka mootummaa jalaa baafne. Fakkii faayidaa waldaa ibsus kaasifne ummataaf akka galutti Moojoo, Amboofi Finfinneetti maxxansine. Haala kanaan waldaalee hedduu ijaarre.

Egaa kanaa booda kan barbaachisu humna nama barateeti. Baadiyyaa ammayyeessuuf ogeessa hedduu barbaachiisa.  Kana hiikuuf kaarikulamii qopheessuun dippiloomaarraa hanga digrii lammaffaatti akka baratamu goone. Hanqina teknolojii suuta hiikuu dandeenya isa jedhuun waliigalle. Amma barattoonni kumaatamaan ni ba’u.

Rakkoo faayinaansii hiikuuf ammoo qusannoo jabeessuufi baankii ijaaruun dirqama. Kanarraa kaaneetu Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa  ijaaruuf kan kaane. Haala kamiinuu baankii  ijaaruun salphaa miti. Mootummaa amansiisuun gara waggaa sadii nutti fudhate. Kanaaf hoggantoota muraasa biyya keenyaa gara Keeniyaa geesseen faayidaa baankii waldaa agarsiisee amansiise. Sanaa booda hojiin jiru hamma tokko ni salphate. Ittaansee qonnaan bulaa amansiisuun hojii cimaa biraa ture.

Yommuu nuti baankii waldaa ijaaruuf sochonu kaappitaalli itti baankii ijaaran miliyoona 10 irraa 75 gale. Kana jechuun hinijaariin jechuu ture. Yommuus kaappitaalli Baankii Awaash miliyoona 28, Baankiin Daashin ammoo miliyoona 27 irra turan. Kun hudhaa guddaa natti ta’e. yommuus Oromoon gara miliyoona 35ti jedhama. Kanaaf dhagaa baadheen Oromoo qarshii lama yookiin sadii kadhadha malee hindhiisu jedheen muradhe itti seene. Galanni Rabbiif haa ta’u nan milkaa’e. Mootummaan Naannoo Oromiyaas yommuu kana xiiqiidhaan itti seenan. Baankii kanas miliyoona 120 kanfaltii qulqulluu ‘paid up’ miliyoona 300 ammoo waadaadhaan ‘declared’ sassaabne.

Rakkoon biraan ammoo namoota galmeessuu ture. Miseensi duraa namoota kuma 225 turan. Miseensoota kanneen naannoftee galmeessiitee seera guutuu qabu. Yeroosana magaalaan guddoo Oromiyaa Adaamaa waan tureef achi deemaa nuun jedhan. Baankii biyyaaleessaa ijaaruuf naannootti nu ergan. Asirratti dhugaa dubbachuuf Ministirri Muummee duraanii Obbo Mallas gidduu seenanii Finfinneedhumatti akka galmoofnu ta’e. Baankii kanas dameewwan shaniin banne.

Erga kana xumurree boodammoo ogeessa baankii hogganu argachuun mataa dhukkubbii nutti ta’e. Ulaagaan baankii nama baankii hogganaa ture barbaada. Biyya alaadhaa bitachuuf yaadnaan seerri isaammoo hin eeyyamu. Nama baankii keessa hojjetuufi ani beeku hundumaa irra deemeen gaafadhe. Garuu baankii qonnaan bulaa keessa galuu hinbarbaannu naan jedhu. Ani ofii itti darbee hinhogganu; seerri taa’ee rakkoo… dhumarratti garuu nama tokko Baankii Daldala Itoophiyaarraa arganne. Isa mindeessinee, ijoollee kaan biyya Hindiifi Chaayinaatti erginee leenjisiisne.

Bariisaa: Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa maaliif naannoolee biroorratti hinhundoofne?

Obbo Haayilee: Baankii kana akkuma Oromiyaatti ijaarreen naannoolee Amaaraa, Tigraay, Ummattoota Kibbaafi Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti hundeessuuf karoorfanne. Qorannoo kanaafi qarshii kuma 500 ol baasneerra. Kaappitaalas walitti qabnee turre. Garuu kaappitaala waldaalee Finfinnee keessaa walitti qabuun  Baankii Intarnaashinaalaa Addis hundaa’e. Sababni isaa maqaa isa nuti yaadneen hinbanamu jedhame. Kan Kibbaa hinta’u jedhamee Dabuub Giloobaal Baankii jedhamee as ba’e. Kan Amaaraa Abbaayi Baankii ta’e.

kanaaf sababni ijoon baankii waldaa hojii gamtaa baankii ummataati. Kana taanaan ammoo akka barbaadanitti sochoosuu hindanda’an. Kanumaas jibba irratti horatan. Siyaasni si qabnaan gara itti deemtu hinbeektu. Kunuu utuu nuti hinbeekiin darbeera kanaa achi hindabarfattu naan jennana hafe malee ani naannoleerratti ergan bane booda baankii hojii gamtaa biyyaaleessaa banu ture karoorri koo. Kana fakkaata eegaa bu’aa ba’ii nuti keessa dabarre.

Bariisaa: Ammma maalirra jirtu?

Obbo Haayilee: Ergan soorama ba’e waggaa 12. Inniin karaa waldaa yaade akkan yaadetti naa deemuu hindandeenye. Bitaafi mirgi wal hidhaadha. Kanaaf hammana yoon hojjedhe ba’uun qaba jedheen ba’e. Yommuun ba’u waa afur karoorfadheen ba’e.

Tokko waa’ee nageenyaati. Waa’een Adda Bilisummaa Oromoofi waa’een biyyattii hidhaa guddaadha. Waa’een Oromoo sirritti qoratamee hiikkoo yoo argate malee gaanfa Afrikaa jeeqa; hinbittinneessa. Oromoon daangaa ABOn ykn ODPn baafate deemu qofa miti. Baarentummaan Tigraay keessa jira. Raayyaa Azaboon eenyuu? Oromoodha. Eessa jira? Tigraay keessa jira. Walloon Amaara keessa jira. Walakkaan Gojjaam gosa Wallaggaati.

Akkaataa biyyi kun itti caaseefamte wanta kana kan walitti fidu miti. Jeequmsi Oromiyaarratti ka’u biyyattii kana akka qilleensaatti akka baddu kan godhudha. Kanaaf rakkoo ABOfi mootummaa biyya kanaa hiikuun dirqama.

Akka ilaalcha kiyyaatti Oromoofi Oromummaa deebisuu qabna. Oromummaa ijaaruu kan dandeenyu yoo biyyattii nageessinedha. Sababni isaa caasaan guddaa Oromoo Itoophiyaa keessa jira. Tokko ta’u, walbeekuufi walhidhuun murteessaadha. Nageenya fidneemmoo tokkummaan uumuun dirqama. Inni lammataammoo kan nurraa ba’e sana deebifachuudha. Walloofaa Raayyaafaa deebifachuu qabna. Akkamitti deebifanna? Waliin jiraannetu afaan keenya afaan biyyattii goonee deebifanna. Yoo kana ta’e kan Oromoo biyya keessaa ni deebifanna. Inni alaammoo inni biyya yoo tokkome ni tokkooma.

Nageenyi dhufee yoo nuti biyyattii kan bulchuu dandeenye Oromummaa isa dura deeme, isa deemuuf jedhullee deebisuu dandeenya. Kanaafan waggaa 12 yommuun soorama ba’e irratti hojjechuuf karoorfadhee kanin ba’e. Achii mootummaa Itoophiyaa dubbisuuf  koree ijaarre. Jaarsolii biyyaa 175 Keeniyaa, Ameerikaafi biyya keessaa waamnee walgeenye. Anis miseensa korichaan ture.

Namoota sadii Ambaasaaddar Birhaanuu Dinqaa (Kofi Aanan kan turan amma lubbuun hinjiran), Qees Ittifaa Goobanaafi Abarraa Tolaa taanee hanga Sudaaniifi Eertiraa deemnee ABO dubbisne. Deebineemmoo Obbo Mallasiin dubbisne. Isaanis ABOn yoo seera keenya yoo fudhate guyyaa tokkotti shoroorkeessummaa keessaa nan baasa nuun jedhe. Yoo inni dhukaase malees hindhukaasu jedhee waadaa nuu seenan. Utuu kanaan jirruuti isaan kan boqotan. Isaa booda yaalii muraasa taasisnuus haaloonni nuuf hinmijanne. Kanaan utuu jirruuti ABOn biyya kan seene.

Asirratti wantiin hinkaasiin hindabarre, ani Oromoo dinagdeedhaan ijaaraa kanin ture Oromoo tokkomsuufi.

Karoorri koo inni lammaffaa of jiraachisuudha. Ani yommuun waldaa ijaaru manayyuu hinqabu. Harki hojjetee misoomse yoo na nyaachisuu baate haa du’u jedheen ba’e. Achii bakka dhalootakoo Gujii deemee lafa barbaadee buna qotuu eegale. Miseensa horadhes amma dhaabbata ‘Mordocofe’ jedhamuu dhaabee biyya alaatti buna erga. Kanas ijoollee kiyya dubaraa afur waliin ta’een hojjedha. Ijoolleen kiyya dubarri biroo lamammoo hojii mataasaanii hojjetu. Dhaabbata kana jalatti namoota 350 oliif carraan hojii uumameera.

Karoorri sadaffaammoo hojii hawaasummaa hojjechuudha. Bu’uura kanaan dhaabbata gargaarsaa ‘Girjaa Intagrated Rural Service’ jedhamu banee daa’imman haadhaafi abbaa hinqabne, maanguddoota gargaarsa hinqabneefi dubartoota harka qalleeyyii deeggaruurrattiin jira. Akkasumas hojii manneen barnootaa, keellaa fayyaa ijaaruu hojjetaan jira.

Karoorri arfaffaan kitaaba barreessuudha. Muuxannoon jireenyaa keessa darbe yoo kan namoota barsiisuu ta’e waa xiqqoon kataba jedheen yaada. Isa kana hojii warra kaan waanin durseef itti hinseenne. Waggoota lamaan dhufanitti garuu yoo Rabbi umrii naa kenne nan milkeessa jedheen yaada.

Bariisaa: Mordocofe jechuun maali?

Obbo Haayilee: Ani wantoota gabaabsutti tokkoffaadha. Yommuun baradhullee  barsiisaan  kiyya kitaaba ‘Ande la innaatuu’  jedhamu fuula hedduu akka gabaabsinu hojmanee nuu laannaan fuula lamatti deebise. Innis na dinqisiifate daree hundaaf fakkeenya na godhatee ture. Maqaakooyyuu nan gabaabse malee Haayilamaariyaam Gabraiyyasuus ture. Kun maqaa kiristinaati. Maqaan dhalootaakoo Abdii Dhugoo ture. Haala yeroo sana tureen isa kiristinnaatti waamame malee.

Kanaaf ‘Mordocofe’ inni jedhus ‘Mormor River Valley Development Coffe’ isa jedhu gabaabsuun kan moggaafamedha.

Bariisaa: Warraaqsa dinagdee Oromoo irratti yaada maalii qabdu?

Obbo Haayilee: Baay’eensaa hundeeffama waldaa hojii gamtaa waliin kaaseera. Dinagdee Oromoo jabeessuuf baadiyyaa ammayyoomsuu, isaaf ammoo ummata gurmeessuufi ogeessa horachuun dirqama. Kanaachi dhagaa yoo baqsanii yookiin caccabsanii sibiila godhan malee dhagaan dhagaadha. Biyyeen yoo qotanii midhaan irratti facaasan malee bu’aa hinqabu. Midhaan midhaani yoo daakanii nyaata godhan malee. Daakuun daakuudha yoo ogummaa itti dabalanii makaroonii godhan malee.

Inni biraa Oromoon dinagdeesaa guddisuu yoo barbaade xiiqiidhaan barachuu qaba. Ittaansee ijaarsi bu’uuraalee misoomaa xiyyeeffannaa olaanaa argachuu qaba. Kunneen yoo walsiman isa yaadame bira ga’uun salphaadha.

Bariisaa: Yommuu araara ABOfi  mootummaa sana haasaa garaa nama nyaatu taasistanii turtan. Ana qalaa jara kana araarsaayyuu jettanii turtan. Maaliif akkas jettan?

Obbo Haayilee: Duratti mana hidhaa keessatti ijoollota waliin hidhame dhabe jedhee miti? Ijoollee kana waliin yommuu barannu hundi keenya yaada tokko qabna. Innis mootummaa Haayilasillaasee mootummaa gabroomsaadha, biyya kana hinguddisu. Kanaaf isa kuffisnu malee barumsa hinbarannu fuunees ijoollee hinhorannu kan jedhu ture. Yommuus akkuma qeerroo ammaa paartii hinqabnu, dhiiraafi dubartiin garaagarummaa  hinqabnu. Kanaan utuu jirruu bara 1965 keessa paartiin barattoota keessaa ba’e hundaa’e. paartiin kun ammo garaagarummaa xixiqqoo keessoosaatti uumameen iddoo lamatti qoodamee ‘Ihaappaafi Mi’eesson’ ta’e. Ani kan jedhu haa ta’u jechuurraa kaanee dhumarratti wal fixne. Finfinneettoo yommuu ‘Qay Shibbirii’ sana kuma shan oltu wal ajjeesee karaan reeffa duwwaa ta’e.

Sababni isaa walbeekna. Utuu walbeekuu  baannee dhoksaatti abaluudha jennee dhiisna. Nuti walbeekee, walqoodee walfixe.

Waan ta’en sitti hima. ADWUIn mormitoonni akka hingalle gochuuf gubbaasaa dhadhaa dibee, keessasaa hidhee kan dhiiseetu jira. Tokko shanee. Tokko shaneen barnoota duwwaa miti. Mormitoonni barattoota gidduu akka hingalle hordofuufi. Caasaan tokko shanee caasaa badaadha. Caasaa kana kan baase paartii biyya Albaaniyaati. Isaan Xaaliyaanii ofirraa dhowwuuf ijaaran. Alqaayidaas hidhuu kan dadhabaniif caasaa tokko shanee waan qabaniifi.  Abidda kana garuu beekanii kan galchan natti hinfakkaatu.

Caasaa kana keessatti eegaa qeerroon kan gale. Qeerroo ABOfaa, Jawaarfaatu ijaare. Dargaggeessi eessa jira. Caasaa tokko shanee keessa jira. Akkasiin utuu hinbeekiin  dargaggeessi Oromoo  walfixuuf morma tokko ta’e. walfixuu isa ‘qay shibbirii’ caalutu nutti dhufaa jira. Kana kan godhu diina. Diinnimmoo akka walqalluuf dubbii xiqqoo xiqqoo nutti kenna.Yoo kana ta’e nama kamiyyuu caalaa kan dhumuufi walfixu Oromoodha. Ijoollee kiyya isintu dhuma. Isin dhumtanii nuti maal goona?

Rakkoo kana  sirriitti kan hubate hinjiru, qeerroonis mootummaanis hinhubanne. Garuu walfixuuf morma tokko taaneerra. Haayileen kana ilaalaa, fuunfataa utuu beekuu callisuu qabaaree? Iyyachuu qaba malee. Utuu danda’ame  dhiigakoo bittineessanii dafaa dhiisaa jechuu wayya malee ummanni keenya waan hinbeekne keessa seenee dhumuu hinqabu.

Inni biraammoo yommuu ABOn biyyatti gale, Oromoon Oromummaaf malee ABO jedhee hinbaane. Achi keessa deggartootaafi miseensoota paartilee garagaraatu jira. Yeroo kana hunduu ijoolleen keenya tokko taate jedhee gammade. Isaan tokko hintaane, ummanni gammadee ba’e, hunduu qalamuuf ammas morma tokko ta’e. Akkasiin ibidda keessa seename.

Ibidda  kanammoo  yoo dhaamsan malee biyyattii kana mitii gaanfi Afrikaayyuu diigamuufi. Kanaaf iyyachuu qofa miti maraannee waan kana dhaabsiisuu qabna turre. Abidda keessa galle kanatu rakkoo guddaa taanaanin iyyadhee bo’e anis. Isin hambisuufan iyyadhe.

Bariisaa: Iyyi keessan deebii argateeraaree?

Obbo Haayilee: Waaqaan galanni haa ga’u amma Oromoon dubbii dhaabatee ilaaluu eegaleera. Haa bultu  jechuutti ka’eera. Mootummaanis nu dhaga’aa jira. Ijoolleen keenyas hamma tokko nuu galan. Isa kanaa boodaa naannoofnee ilaalaa sirreeffachaa deemna.

Dhumaatii guddaa jalaa oolle. Daa’ima waggaa 14tu qawwee haadhaafi abbaarraa fudhate bosona galaa ture. Ajjeesuun rakkoo hinqabuum, garuu haatiifi abbaan daa’imni yoo jalaa du’e callisee hinilaalu. Maal keessa akka turre isin quba hinqabdan. Amma galatasaa utuu anis hinqalamiin, horiillee baay’ee  hinqaliin  dubbiin karaa nuu qabatteetti. Garuu dhumeera jechuu miti. Qabsoo yeroo dheeraa waan ta’eef ummata keenya  gorfachuufi barsiisuu qabna.

Bariisaa: Dhumarratti dhaamsa yoo qabaattan?

Obbo Haayilee: Anii Oromoofis ummata Itoophiyaafis kanin dhaammadhu yeroon amma itti jirru yeroo ce’umsaati. Yeroon akkanaammoo obsa barbaada. Kanaaf ummanni obse, mari’achaafi waldeggaraa yoo deeme gaariidha. Dimokraasiin qaccee lama waan qabuuf ijaaruun isaa rakkisaadha. Yoo dimokraasii bal’istu seerri haphataa deema. Seerri yommuu haphatummoo olaantummana seeraa diigameeti jeequmsi bal’ata. Yoo dimokraasee dhiphistee huutee qabdee namni immoo abbaa irree ta’a. kan waalteessuu dhabuun rakkisaadha.

Kanaaf dimokraasii ijaaruuf seera kabajuun dirqama. Oromoon biyya kana yeroo dheeraa bulchee jiraachuu yoo barbaade ammayyuu tokkomuun gaaddisa guddaa ta’uu  qaba. Waan tokko hubachuun barbaachiisaadha; aangoon olaantummaa har’a nuharka galte laaftee akka hinkufne yoomiyyuu caalaa tokkomuu qabna. Ani kanuman dhaammadha.

Saamraawiit Girmaatiin

Suurri Daanyee Abarraatiin

Bariisaa Sanbataa Waxabajjii 1/2011

Recommended For You

One Comment to “Obbo Haayilee Gabree: Warqee Gujii ofii abidda seenanii Oromoo miidhagsan”

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *