“Sosochiin Itoophiyaa qulqulluu ijaaruuf Finfinneetti eegalame wantoota magaalota alaatti arginee hawwinu akka argannu kan taasisuudha” Obbo Wandimmuu Mirreessaa  (Abbaa Qabeenyaa Warshaa Qorqorroo Hoolataa)

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Durataa’aafi Abbaa Qabeenyaa Warshaa Qorqorroo Hoolataa Obbo Wandimmuu Mirreessaati. Abbaan qabeenyaa kun hojiilee tajaajila hawaasummaa mirkaneessaniifi hojiilee misoomaa mootummaan raawwaturratti hirmaannaa ho’aa taasisuudhaan beekamu.

Abbaan qabeenyaa kun sosochii Itoophiyaa qulqulluu ijaaruu torban darbe kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin jalqabame deggaruuf qarshii miiliyoona lama arjoomaniiru. Gaafdeebii abbaa qabeenyaa kana waliin dheengadda dhimmoota adda addaarratti taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabsitanii utuu nuu ibsitanii?

Obbo Wandimmuu: Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Lixaa, Aanaa Baakkoo, Ganda Odaa Gudayyaattin dhaladhe. Barumsa koo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti bakkuma dhaloota kootti Mana Barumsaa Boshaattin baradhe. Barumsa koo sadarkaa lammaffaa kutaa 9ffaa hanga 12ffaa ammoo Mana Barumsaa Geedoottin baradhe.

Barumsa koo digrii tokkoffaa Yunivarsitii Jimmaatti baradheen bara 2004 Saayinsii Kompiyutaraa (‘Computer Science’)n eebbifame. Barumsa koo digrii lammaffaa ammoo bara ‘HILICoE’ School of Computer Science and Technology’ Finfinneetti argamutti baradheen ‘Software Engneering’n bara 2007 eebbifame.

Akkan digrii koo tokkoffaa xumuree ba’een Itiyoo Telekoom keessa waggaa tokkoof hojjedheera. Embaasii keessas hojjedheera. Isa booda hojii daldalaan jalqabe. Itiyoo Telekoom keessa “Value add service partnership’ waan jedhutu ture. Namoota ‘partnership’ kana keessa hojjetaniif mijaasaajii (‘Sooftware’) dhiyeessuudhaan qarshii hedduu argadheera. Isa booda daldala alergii olgalchii (‘export import’)n jalqabe. Meeshaalee elektirooniksii kanneen akka kompiyutaraa, Laptooppii, Jiipaasii, guddistuu sagalee ykn ispiikariifi firiijii alaa galchuun daldalaa ture.

Erga kaappitaalli koo guddatee booda hojii akkamiirratti yoon hirmaadhen yeroo gabaabaa keessatti milkaa’uu danda’a jedhee qoradhee mootummaa naannoo Oromiyaarraa lafa invastimantii gaafachuun Magaalaa Hoolotaatti Warshaa Qorqorroo Hoolotaa’ ijaare.

Bariisaa: Warshaa Qorqorroo Hoolataa yoom, kaappitaala hangamiitiin ijaartan? Yeroo ammaa kaappitaalli keessan hoo hangam ta’a?

Obbo Wandimmuu: Warshaa Qorqorroo Hoolataa waliin ta’uun kaappitaala qarshii miliyoona 120n ijaarre. Hojiin ijaarsa warshichaa bara 2009 lafa heektaara kuma shanirratti jalqabame. Warshichi bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuun bara 2013tti omisha jalqabe.

Maashinii alaa galchuufi warri maashinii nuu dhiyeessan sababa weerara dhibee koviid-19 bara 2012 mudateen maashinicha dhufanii nuu dhaabuu waan hindandeenyeef maashiniin alaa gale hojii malee taa’aa ture. Warshichi bu’aa ba’ii kunneen keessa darbuudhaan bara 2013 omisha jalqabe. Kaappitaalli warshichaa yeroo ammaa qarshii biiliyoona 2.3 irra ga’eera.

Bariisaa: Warshichi maal maalfaa omishaa jira? Namoota meeqaafis carraa hojii uumeera? Imalli warshichaa gara fuulduraas hoo maal fakkaata?

Obbo Wandimmuu: Warshichi yeroo ammaa qorqorroofi mismaara qulqullinaan omishaa jira. Warshichi guyyaatti qorqorroo hanga meetira kuma 10 omishaa jira. Qorqorroofi mismaarri hojii konistiraakshiniif daran barbaachisoo waan ta’aniif warshaan keenya damee konistiraakshinii deggaruu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Akka biyyaatti bakka omisha qorqorroo itti gurgurru dameelee 22 qabna. Dameelee hundarratti namoota gurguran mindeessinee maamiltoota keenyatti hiiqnee jirra. Omisha mismaaraa ammoo Markaatoo geessinee warra raabsaniif dhiyeessina.

Warshaan Qorqorroo Hoolataa namoota 13n hojii eegale yeroo ammaa namoota 270 oliif carraa hojii uumeera. Dameelee iddoo gurgurtaa keenya 22 gara 35tti guddisuun namoota 350f carraa hojii uumuuf karoorfannee hojjechaa jirra.

Gara fuulduraatti warshaa keenya babal’isuudhaan Warshaa ‘Feerroo’ Warshaa ‘Tuubboo Laaree’fi Warshaa Daawwitii dhaabuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Bara 2017 warshaalee haaraa dhaabuuf karoorfanne keessaa tokko hojiitti nigala. Maashiinonni barbaachisan baay’een bitamanii galaa jiru. Hojiin babal’ina warshichaa yeroo xumuramu namoota kuma shanii oliif carraa hojii uumuu dandeenya.

Bariisaa: Warshaan tokko yeroo dhaabbatu ummata naannawaaf tajaajila hawaasummaa kennuufi qulqullina naannawaa eeguuf dirqama qaba. Gama kanaan warshaan keessan maal fakkaata?

Obbo Wandimmuu: Kun dhugaadha. Invastarri tokko naannawaa itti invasti godhetti qulqullina naannawaa eeguufi ummata naannawaaf tajaajila hawaasummaa kennuuf dirqama qaba. Gama kanaan Warshaan Qorqorroo Hoolataa maqaa gaarii qaba.

Warshaan keenya bulchiinsa magaalaa Hoolotaa waliin ta’uun tajaajila hawaasummaa kennaa jira. Warshichi hanga ammaatti deggarsa nyaata barattootaaf qarshii miliyoona 2.4 akkasumas fooramii magaalaa Hoolataaf qarshii kuma 500 ol kenneera.

Warshaan Qorqorroo Hoolataa balfa alatti baasee naannawa faalu hinqabu. Warshaan kun bishaan fayyadamuudhaan omisha. Bishaan warshichi fayyadamu ammoo mooraa warshichaa keessaa hinba’u. Bishaan warshaa keessaa ba’u deebinee ‘Recycle’ goonee ittifayyadamaa jirra.

Ogeessota qulqullina naannawaa magaalaa Hoolotaa waliin ta’uun waggaa waggaan odiitii ni taasifna. Odiitii taasifnuun rakkoon faalama naannawaan walqabatee warshaa keenyarratti mul’ate hinjiru.

Warshaaleen balfa isaan keessaa ba’uun naannawa faalaa jiran garuu deebi’anii of ilaaluu qabu. Abbootiin qabeenyaa warshaalee guyyaa guyyaan bu’aa argachuu akkuma barbaadan faalama naannawaas eeguun fayyummaa hawaasaas eeguu qabu. Warri eegumsa naannawaas asirratti cimanii hojjechuu qabu.

Bariisaa: Hojiilee misoomaa mootummaan akka biyyaatti hojjechaa jiru deggaruu keessatti hirmaannaan taasiftan yoo jiraate?

Obbo Wandimmuu: Hojii ijaarsa hidha Laga Abbayyaa milkeessuuf waggaa lama keessatti boondii qarshii miliyoona lamaan binneerra. Sosochii Itoophiyaa qulqulluu ijaaruu torban darbe kaka’umsa Ministira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmadiin jalqabame deggaruuf qarshii miiliyoona lama gumaachineerram. Sosochii Itoophiyaa qulqulluu ijaaruuf jalqabame milkeessuun hirmaannaa tokko tokkoo keenyaa gaafata.

Biyya keenya manni fincaanii ummataa bakka adda addaatti ijaaramee waan hinjirreef namoonni baay’een bakka arganitti kan fincaa’an yoo ta’u kaan ammoo qabatanii oolanii manatti yemmuu galan fincaa’u. Biyyoota alaa yemmuu deemnu garuu rakkoon akkasii hinjiru.

Wantootni biyya alaatti arginu biyya keenyas akka qabaattuuf ni hawwina. Sosochii Itoophiyaa qulqulluu ijaaruu kaka’umsa Ministira Muummee keenyaan jalqabe milkeessuuf hanga humni keenya danda’een gumaachuun dirqama lammummaati waan ta’eef qarshii miliyoona lama kennineerra. Gara fuulduraattis hojiilee misoomaa biroofi yaada eebbifamaa akkasii deggaruuf waan duubatti deebinuuf hinqabnu.

Sosochiin Itoophiyaa qulqulluu ijaaruu jalqabame kun qulqullina magaalaa mirkaneessuufi fayyummaa hawaasaa eeguu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf ummanni yaada mootummaa kana fudhatee hojiirra oolchuu qaba. Biyya alaatti galaanni magaalaa keessa yaa’u ququlluudha. Lageen magaalota biyya keenyaa keessa yaa’an garuu balfawwan dhangala’oofi jajjaboo guuranii yaa’u.

Hojiin misooma Koriidarii biyya keenyatti jalqabamee adeemsifamaa jiru kun miidhagina, qulqullina magaalotaafi lageen magaalota keessa yaa’anii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Hojii qulqullinaa kun mootummaa qofaan utuu hintaane hirmaannaa ummataatiin milkaa’a waan ta’eef ummanni keenya qulqullina naannawaa eeguu aadeffachuu qaba. Ummanni hojii qulqullinaa mootummaan jalqabe faayinaansii, humna, yaadaafi gochaan deggaruu qaba.

Hojii ashaaraa magariisaa mirkaneessuufis waggoota sadan darban mooraa warshaa keenyaa keessa biqiltuuwwan hedduu dhaabneerra. Biqiltuuwwan dhaabne hundi qabatanii eegamaafi kunuunfamaa jiru. Naannawaan warshaa keenyaa magariisa uffatee waan argamuuf daran nama hawwata. Lafa kaaree kuma 35 bakka biraadhaa warshaa haaraa dhaabuuf fudhannerrattis biqiltuuwwan dhaabaa jirra.

Bariisaa: Hojiilee misoomaa, qulqullinaafi miidhaginaa magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jiran akkamitti ilaaltu? Hojiileen kunneen magaalota biyyattii birootti akka babal’ataniif ammoo maalo dhaamtu?

Obbo Wandimmuu: Hojiileen misoomaa, qulqullinaafi miidhagina Magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran kan daran nama gammachiisaniifi boonsu waan ta’aniif magaalota Oromiyaafi biyyattii biroottis akka babal’atu barbaanna. Hojii kana ittifufsiisuun wantoota magaalota biyyoota alaatti arginee hawwinu magaalota biyya keenyaa keessatti akka qabaannuuf gargaara. Hojii mootummaan gama kanaan raawwataa jiru daran kan nama ajaa’ibsiisuufi ittifufuu qaban jedha.

Magaalaan Hoolataa magaalaa Adaamaa akka moodeelaatti fudhachuudhaan daandiiwwan namni irra deemu sirreessuuf sochiirra jira. Sochii eegalame kana milkeessuuf hanga humni keenya danda’e deggarsa barbaachisu taasisuuf qophiidha.

Bariisaa: Rakkoolee guguddoon warshaa keessanis ta’e warshaalee biroo mudatan maalfaadha? Rakkoolee mudatan furuuf maaltu hojjetamuu qaba?

Obbo Wandimmuu: Elektirikiin addaan ciccituun, hanqinni doolaaraafi galteewwanii rakkoo guddoo warshaa keenyas ta’e warshaalee biyyattii mudatanii jiraniidha. Rakkoo addaan ciccituu humna elektirikii warshaa keenya mudate furuuf jenereetara qarshii miliyoona saddeetiin binnee yeroo tajaajilli elektirikii addaan citu ittifayyadamaa jirra.

Utuu rakkoon addaan citiinsa elektirikii hinjiru ta’ee qarshii jenereetara bituuf baafne kana invastimantii biraarra oolchina ture. Rakkoon addaan ciccituu elektirikii kun ijaarsi Hidha Laga Abbayyaa dhiyeenyatti xumuramee humna guutuun elektirikii maddisiisuu yeroo jalqabu guutummaatti nifurama jedheen abdadha.

Utuu hanqinni dolaaraa jiru furamee kanaa ol hojjechuufi warshaa keenyas caalaatti babal’isuun kana caalaa omishuu, carraa hojii bal’aa uumuufi biyyaafis gibira guddaa kaffaluu dandeenya. Hanqina doolaaraa nu mudate furuuf alergii bunaarrattis hirmaachaa jirra. Doolaara alergii bunaarraa argannu hanga tokko Baankii Biyyaalessaaf kennuudhaan irraa hafutti fayyadamaa jirra. Utuu rakkoon doolaaraa furamee kanaa ol deemuu dandeenya.

Alergii bunaa kana erga jalqabnee waggaa tokko ta’eera. Waggaatti hanga toonii 40 gabaa addunyaaf dhiyeessuu dandeenya. Barana buna konteenera 250 gara biyya alaatti erguuf karoorfannee hojjechaa jirra. Kana keessaa hanga ammaatti buna konteenara 80 biyya alaatti ergineerra.

Galteewwan sibiilaa harki caalu biyya alaatii galu. Galteewwan sibiilaa biyya alaatii galchuun ammoo doolaara hedduu barbaada. Rakkoo galtee sibiilaa kana furuuf qabeenya albuuda sibiilaa qabnu baafnee itti fayyadamuu ykn ammoo hanqina doolaaraa furuun dhimmoota murteessoodha. Hanqinni faayinaansii keessumaa abbootii qabeenyaa industirii manifaakchariingii dhaabuu jalqabaniif rakkoo guddaadha. Dhaabbileen faayinaansii keessumaa abbootii qabeenyaa industirii duubaan dhufaa jiran deggaruu qaba.

Bariisaa: Galteewwan warshaa keessaniif barbaachisan eessaa argattu?

Obbo Wandimmuu: Galtee omisha qorqorroofi mismaaraaf nu fayyadu harka 80 Veetinaam irraa fidna. Isa hafe ammoo Hindii irraa fidna. Meeshaalee suphaa warshaaf nu barbaachisan ammoo darbee darbee Chaayinaarraa fidna.

Warshaan keenya galteewwan sadarkaan qulqullinasaanii eegame waan fayyadamuuf omishaalee qulqullina olaanaa qaban dhiyeessuudhaan beekama. Omishaalee qulqullina qabu dhiyeessuu keenyaan yeroo gabaabaa keessatti gabaarratti dorgomaa cimaa taanee baaneerra. Qorqorroon Warshaa Hoolataa jalqabarraa kaasee hanga har’aatti gabaarratti daran barbaadamaadha.

Qorqorroon keenya gabaafi kontiraaktaroota biratti daran filatamaadha. Qorqorroon keenya qulqullina sadarkaasaa eegeen waan hojjetamuuf hanga waggaa 90tti waan tokkoyyuu hinta’u. Omishaalee keenya qulqullinaan hojjechuunkeenya nu boonseera; gabaarrattis dorgomaa cimaa akka taanu nu taasiseera. Omishaalee biroo gara fuulduraatti omishuuf jirrus sadarkaa qulqullinasaa eeguun dhiyeessuuf hojjechaa jirra. Gara fuulduraatti omishaalee qorqorroo, feerroofi tubbolaaree keenya gara biyya Jibuutiifi Keeniyaatti erguuf karoorfannee hojjechaa jirra.

Ani galteewwan warshaa keenyaa bituuf yoo xiqqaate si’a 12 ol Veetinaamitti deddeebi’eera. Imala koo kanaan Itoophiyaan utuu muuxannoo hojii Veetinaamirraa qooddattee gaariidha waanan jedhun qaba. Innis Veetinaamitti dargaggoo hojii nmalee taa’u tokko hin argitu. Veetinaamitti dargaggoo hojii malee taa’u galgala sa’aatii lama booda argita. Itoophiyaa garuu dargaggoonn hedduun hojii malee taa’u. Muuxannoon kun dargaggoota biyya keenyaa biratti babal’achuu qaba.

Hojii malee taa’anii waanti manatti namaaf dhufu hinjiru. Yoo tattaafatte waa argatta. Qarshii lafa bu’eyyuu nama hojii malee taa’u utuu hintaane nama socho’utu argata. Dargaggoonni keenya hojii tuffachuu dhiisanii carraawwan argamsn hundatti fayyadamanii utuu hojjetanii of danda’uurra darbanii maatiifi biyyasaaniitiif ba’aa guddaa buusu.

Bariisaa: Warshaa keessanitti hariiroon hojjechiisaafi hojjetaa gidduu jiru maal fakkaata? Nageenyaafi fayyadamummaa hojjettootaa mirkaneessuuf maal hojjechaa jirtu?

Obbo Wandimmuu: Warshaan keenya hojjettoota hedduu qaba. Gahumsa hojjettoota keenyaa gabbisuuf yeroo yeroon leenjiin hojiirraa kennaafii jirra. Hojjettoota haaraa mindessinu gara hojiitti utuu hingalchin dura leenjii ni kenninaafi. Haala hojjettoonniifi hojjechiiftonni keenya ittiin odeeffannoo waljijjiiranis mijeessineera. Hojjettootaafi hojjechiiftota keenya gidduu hariiroo gaariitu jira.

Fayyadamummaafi nageenya hojjettoota keenyaas ni eegna. Hojjettoota warshaarra hojjetaniif unifoormiifi kopheen balaarra isaan eegu ni kenninaafi. Hojjettoonni keenya guyyaa guyyaan laaqana bilisaan akka nyaatan taasifneerra.

Hojjettoonni bulanis irbaata tola akka nyaatan gooneerra. Hojjetoonni warshichaa keenyaa uffannaasaanii maashiina uffata miichu ‘Laawundariidhaan’ miiccatu. Qabiinsaafi faayidaa hojjettootaa gama mirkaneessuutiin akka magaalaa Hoolotaatti warshaan keenya moodeela.

Bariisaa: Itoophiyaan gama industirii manifaakchariingiitiin haalawwan mijatoo akkamii qabdi?

Obbo Wandimmuu: Industirii manifaakcheriingii dhaabuuf biyyoota addunyaa kamirrayyuu haalli mijataan hinjiru. Industirii manifaachariingii dhaabuun tattaaffii cimaa gaafata. Ilaalcha hojjetanii argachuun ni danda’ama jedhu qabaannaan biyya keenyattuu hojjetanii jijjiiramuun ni danda’ama. Haalli mijataan manatti namaaf hindhufu. Hojii xiqqaarraa ka’anii tattaafatanii hojjechuudhaan guddachuufi abbaa qabeenyaa warshaa ta’uun ni danda’ama. Waanti guddaan qarshii argachuu utuu hintaane rakkoolee nama mudatan cabsanii darbuudha.

Mootummaan Itoophiyaa paarkiiwwan industirii ijaaree qopheessuunsaa haalawwan mijatoo uumaman keessaa isa tokko. Kun qarshii abbaan qabeenyaa tokko sheedii ijaaruuf miliyoonaan baasu hambisuudhaan meeshaalee ittiin omishu akka bituuf haala gaarii uumeera. Waan ummanni Itoophiyaa baay’ee ta’eef omishaalee gabaaf dhiyaatan kan bitu hedduudha. Biyyoonni hedduun carraa kana hinqaban. Kana jechuun hojiirratti rakkoon nama quunnamu hinjiru jechuu miti.

Rakkooleen hojiirratti nama quunnaman hangaan wal haa caalan malee biyyoota addunyaa hundarratti mul’atu. Hojii keenyatti milkaa’uuf rakkoolee mudatan cabsanii ba’uun dirqama ta’a. Nama tattaafatee waan hojjetuuf gabaan guutuudha. Biyya keenyatti haalawwan mijatoo namni bira hingeenye hedduutu jiru. Haalawwan mijatoon yoo tattaafannee hojjennee itti deemne malee bakka teenyutti nuu hindhufan.

Bariisaa: Eksipoon Itoophiyaan haa Omishtuu Caamsaa 1-5 bara 2016tti Finfinnee, Galma Barkumeetti torban darbe adeemsifame damee industirii manifaakchariingiif faayidaa akkamii qaba?

Obbo Wandimmuu: Eksipoon akkasii geggeeffamuun keessumaa namoota gara industiriitti seenuu barbaadaniif kaka’umsa guddaa uuma. Eksipoon omishaalee industiriiwwan biyyattii iddoo tokkotti fiduun adeemsifamuun omishaaleen industiriiwwan biyyattii beeksisuu, walitti hidhamiinsa gabaa uumuufi muuxannoowwan gaggaarii jiran walirraa qooddachuun damee industirii manifaakchariingii guddisuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba.

Sagantaa eksipochaarratti mariin paanaalii abbootii qabeenyaa industiriifi qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu waliin adeemsifameera. Mariir paanaalii akkasii qophaa’uun rakkooleen damee industiriirratti mul’atan furmaata akka argatan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bariisaa: Rakkooleen abbootii qabeenyaa industirii biratti mul’atan maalfaadha? Rakkoo gama kanaan jiru furuuf maaltu ta’uu qaba jettu?

Obbo Wandimmuu: Lafa invastimatiif fudhatanii utuu hinmisoomsin tursiisuufi dabarsanii gurguruun rakkoo guddaa abbootii qabeenyaa industirii biratti mul’atuudha. Rakkoo gama kanaan jiru furuuf mootummaan tarkaanfii cimaa fudhachuu qaba. Mootummaan abbootii qabeenyaa lafa invastimantiif fudhatanii ji’a sadii oliif utuu hinmisoomsiin tursiisanirraa lafa fudhachuu qaba. Lafa invastimantiif fudhatanii gurguruudhaan namoota baay’eetu ittiin soorome. Rakkoo gama kanaan mul’atu furuuf to’annoofi hordoffiin taasifamu cimuu qaba.

Abbootiin qabeenyaa industirii wantoota mootummaarraa eeggatan argachuuf gibira mootummaas amanamummaan kaffaluu qabu. Lafa invastimantiif fudhatanis yeroon misoomsuu qabu. Mootummaanis kenna tajaajilaa caalaatti fooyyessuurratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Bariisaa: Dhumarratti yaada hinkaane ykn ergaa yoo qabaattan?

Obbo Wandimmuu: Humna guutuun omishuu dhabuun rakkoo industirii keenyas ta’e biyyattii biratti mul’atuudha. Rakkoo kanaaf sababoonni guguddoon addaan ciccitiinsa humna elektirikii, hanqina faayinaansii, doolaaraafi galteewwan industiriiti. Baankiin kamiyyuu yeroo ammaa hanqina qarshii waan qabuuf qarshii biiliyoonaan qabaattus miliyoonaan siif kennuutti rakkachaa jira. Rakkoolee kana furuu kan danda’u ammoo mootummaadha.

Utuu rakkooleen armaan olitti kaasne furamanii humna guutuun omishuu dandeenya. Warshaan keenya waggaatti hanga toonii kuma 40tti omishuu danda’a. Sababa rakkoolee gara garaatiin garuu %30 qofa omishaa jirra. Utuu humna guutuun omishuu dandeenyee gatii gabaas tasgabbeessuufi mootummaaf galii guddaa galchuu dandeenya.

Bariisaa: Yaada bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.

Obbo Wandimmuu: Isinis guddaa galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

 

BARIISAA SANBATAA Caamsaa 10 / 2016

 

Recommended For You