Sudaanitti raayyaan ittisaa tarkaanfii mormitootarratti fudhateen lubbuun namoota 60 darbe

Manni Maree Cee’umsaa Raayyaa Ittisaa Sudaan addabaaba’ii mormiin itti gaggeeffamutti tarkaanfii fudhateen walitti bu’iinsi mudate babal’ateera.

Raayyaan Ittisaa Sudaan Wiixataa eegalee namoota addabaaba’ii ba’anirratti tarkaanfii fudhachaa akka jiru ibsameera.

Sababii kanaan dhaabbilee idil addunyaarraa dhiibbaan mana marichaarratti cimaa jira.

Biriitaaniyaa, Jarmaniifi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii rakkoo yaaddessaadha jedhan. Kanaaf Raayyaan Ittisaa Sudaan furmaataf hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Maddi; BBC

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *