Siriilaankaatti dhohinsa Boombii muudateen namoonni 290 ajjeeffaman

Siriilaankaatti dhohinsa boombii saddet waldaa kiristaanaafi hoteelota gurguddoorratti dhaqqabeen yoo xiqqaate namootni 290 ajjeefamuun, namootni 500 ol madaa’aniiru.

Dhohinsi boombii kun waldaalee kiristaanaa sadii Negomboo, Batikalo fi Kolombo bakkeewwan jedhamitti dhaqqaban.

Hoteelotni gurguddoon akka Shangari La Kingisbarii, Sinamoon Girandi hoteelii fi hoteelli gara biraan tokkos haleelamaniiru.

Haleellicha qaamni dhaqqabsiise hanga ammaatti baramuu baatus namootni 24 to’annoo jala ooluu isaanii poolisiin beeksiseera.

Hanga haalicha irratti hubannon kennamutti sochiin akka biyyaalessatti dhorkameera.

Akkasumas miidiyaaleen hawaasaas yeroodhaaf ugguramaniiru.

Ministirri dhimma alaa akka beeksisetti yoo xiqqaate lammiileen biyya biraa 27 kanneen ajjeefaman jkeessatti argamu.

Ministirri muummee Siri Laankaa akka jedhanitti haleellicha waliin wal qabatee namootni saddet to’atamaniiru. Haa tahu malee haleellicha dudduuba kan jiru eenyu akka tahe wanti barame hin jiru.

Ministirri Muummee biyyattii Ranil Wikreemesinge qaamni nageenyaa haala haleellichaarratti odeeffannoo qaba ture jedhanii, garuu yeroodhaan irratti hin hojjenne jechuun ibsan.

Dhohinsi boombii jaha aluma takkaa hoteelotaa fi waldaalee kiristaanaa irratti raawwachuun kaleessa ganama ture kan gabaafame.

Waldaan Qulqulluu Seebaastiyaan magaalaa Negombo akka malee kanneen miidhaman keessaa yoo tahu namootni hedduunis achitti du’aniiru.

Akkasumas waldaa Qulqulluu Antoniyaa jedhamu kutaa Kolombo keesatti argamu irratti dhohinsa dhaqqabeenis akkasuma miidhaa guddaan dhaqqabeera.

Roobert Teeyiler waggoota jahaaf Siri Laamkaa kan jiraate BBCtti akka himetti hoteelotni lama yeroo namootni hedduun ciree nyaachuuf baay’atanitti mana nyaataa isaanii irratti xiyyeeffachuun haleellamuu hin hafne jedhe.

Dhohinsi torbaffaan Kibba Kolombotti kan dhaqqabe yoo tahu sadeffaan ammo naannoo paarkii Dehiwala jedhamu cinuma Kolomootti dhaqqabe.

Miidiyaaleen akka gabaasanitti balicha kan dhaqqabsiisan namoota badanii balleessan yoo tahu namootni sadii yeroo sakkata’insaa ajjeefaman qama nageenyaa tahuu hin hafan jedhama.

Kaleessa sa’a booda ammoo naannoo buufata xiyyaaraa Siri Laankaatti meeshaaleen dhohan gurguddoon gara biraan dhabamsiifamuu beeksiseera.

Qondaaltotni biyyattii akka jedhanitti namootni waraqaa raga darbuu qopheeffatanii fi waraqaa eenyumeessaa qaban sakata’amuun dhorka imalaa labsame kana keessa gara buufata xiyyaaraa deemuu akka danda’an himaniiru.

Haa tahu malee imaltootni sa’aa balalii isaanii sa’a afur durssuun achi gahuu akka qaban himaniiru.

Lubni mana amantaa Qulqulluu Antooniyoo eenyu haleellicha dhaqqabsiise ammaaf ibsuun ulfaatus lubootni hundinuu achi turan gadda keessa jiraachuu ibsuun haleellaa itti yaadame qindaa’e jechuun balaaleffataniiru.

Erga bara 2009 gareen Taayiger jedhaman injifamaniin as Siri Laankaatti haleellaan akkanaa dhaqqabee hin beeku.

Irra caalaan namoota ajjeefamanii lammiilee Siri Laankaa yoo tahan kanneen sagantaa ayyaana faasikaa hordofaa turan tahuu gabaafameera.

Yoo xiqqaate lammiilee Ingiliz shan kanneen keessaa lamummaa Ameerikaas kanneen qaban lama keessatti argamu.

Mootummaan Ameerikaa akka ibsetti ammoo lammiileensaanii hedduun kanneen ajjeefaman keessatti argamu.

Lammiileen Denmaarki sadii fi Turkii lamas akkasuma ajjeefamuu isaanii ibsameera.

Akkasuma lammiileen Nezelaandis,Hindii fi Poortugaalis kanneen ajjeefaman keessatti argamu.

Lammiileen Siri Laankaa namoota madaa’anii dhiiga barbaadaniif amanataa fi gosaan osoo wal hin qoodiin dhiiga gumaachaa akka jiranis gabaafameera.

Pirezidaantiin Siri Laankaa Maatiripaalaa Siriseenaa uummatni hundinuu tasgabbaa’uu akka qaban dhaamuun qama mootummaa haleellicha qoratu deeggaruu akka qaban dhaamaniiru.

Ministirri Muummee biyyattii Ranil Wiikriimesingee haleellicha balaaleffachuun haleellaa ”hiika hin qabne”jedhan.

Yeroo hamaa akkasii kana keessatti lammiileen Siri Laankaa tokkummaa’uu fi cimuu akka qabanis dhaamaniiru.

Poopi Fraansis Vaatikaanitti yeroo ayyaana faasikaa irra turan haleellaa jibbisiisaa akkasii kiristaanota ayyaana faasigaa ayyaaneffatan irratti dhaqqabe jechuun balaaleffataniiru.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummota Gamtoomanii Antooniyoo Guutires haleelichi akka malee ”na rifachiiseera” jedhanii namootni kana raawwatan seeratti dhiyaachuu akka qaban abdii qabanis himaniiru.

Phaaphaasiin Kolomboo gochaa gaddisiisaadha jedhanii guyyaa ayyaana faasikaa irratti waan akkasii ni raawwata jennee tasuma hin eegne jedhan.

Ministirri Muummee UK Teresa Meey haleellaan waldaalee Kiristaanaa fi hoteelota Siri Laankaa irratti dhaqqabe gochaa suukaneessaadha jechuun karaa tiwwiterii isaanii barreessan

Pirezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraampis gadda isaanii ibsaniru.

Haleellaan akka kanaa erga waraana walii waliinii biyyattii keessa turee bara 2009 as dhaqqabee hin beeku. Maddi: BBC Afaan Oromoodha.

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *