Finciltootni Sudaan mana maree waraanaan hundaa’ee aangoo qabateef beekkamtii hin kenninu jedhan

Dursaan finciltoota Sudaan wal qunnamtiin isaan humna waraanaa aangoo harka galfate waliin qaban adda cituu himan.

”Isaan haftee bulchiinsa Omar Bashiriiti” jechuun himatu.

Namootni kumaatamni hiriira bahuun ibsa hundeeffama mana maree uummataa ibsamu dhaggeeffachuuf naannoo Waajjira Olaanaa Humna waraanaa Sudaan Kaartuumitti argamu.

Humni waraanaa jalqaba waggoota lamaaf aangoo qabatee turuun filannoon akka gaggeeffamu taasisa jedhamee ture namoota humna waraanaan ala jiranitti aangoo akka dabarsuuf hojjetu himuun mana maree waliinii ittiin biyya bulchan hundeessuuf akka jedhan ibseera.

Haa tahu malee dubbii himaan finciltoota ammaa Mohaammad al-Amiin manni maree waraanaa aangoo qabate ” bulchiinsa abbaa irree akka itti fufetti ilaalla” jedhe.

Kanaaf mormiin akka itti fufu dubbata. Fonqolchi Bashir aangoo irraa buusuu kan durfamaa ture Waldaa Ogeessotaa Sudaaniin ture.

Gareen kun qaama waraanaa aangoo qabate waliin marii gaggeesseera. Miseensi waldichaa Ahimed al Rabiyaa jalqaba haalichi murtoo mana marichaa ibsuu tursiisuu danda’a jedhee, amma garuu bakka finciltootni jiranitti ibsama jennee eegna jedhe.

Finciltootni manni maree mootummaa ce’umsaa hundeessuun filannoon akka gaggeeffamu barbaadu.

Humni waraanaas yaada finciltootaa deeggaruun torban keessatti murtoo isaa akka beeksisu himeera.

Humni waraanaa aangoo to’ate hidhamtoota hedduu gadhiisisuun qondaaltota mootummaa olaanoo bulchiinsa Bashir ammoo mana hidhaa galchaa ture.

Finciltoota bakka taa’anii akka hin bittinsineef waadaa galus garuu akka jireenya isaanii duraaniitti deebi’aniif gaafateera.

Gaaffiin gatii daabboofi boba’aan jalqabe kufaatii dinagdee biyyichaan ida’amuun mormii xiqqaan eegale gara magaalaa Kaartumitti babal’achuun Bashir aangoo irraa akka kaafamu gaaffiin eegale.

Yeroo gabaabaa keessattis taayitaa irraa buusuun amma mana hidhaa akka galan ta’eera.

Bashir waggoota 30’f Sudaaniin bulchaniiru. Mormiin kun hawaasa bal’aa irraa tahus adda durummaan kan deeggaraafi qindeessaa turan garuu waldaa doktarootaafi hojjettota fayyaa Sudaanidha.

Mana pirezidaantii aangoo irraa kaafamanii Bashir keessas maallaqni biyyoota garaagaraa walumaagalaan Yuuroo miliyoona 130 ta’u argameera.

Obbolaa isaa dabalachuun qondaaltotni olaanoon Bashir deeggaraa turan hedduun mana hidhaatti galfamaa akka jiran gabaafamaa jira. Maddi: BBC dha.

Recommended For You

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *